FILOOSOOFAR
ABDULLAAHI HARARII FII AHBAASHII.
Urjii Ahmad
Bara
1910 Magaalaa Harar keessatti dhalate.
Abdullaahi
Hararii Ijoollummaan Barnoota diina Islaamaa Quraanaa fii Fiqhi bakka
dhalatetti baratee jira. San booda gandarraa deemee bakka adda addaatti baratee
jira.
Dura
Inni Suufiyyaa Nagayaa ture, akka warri Isa beeku himutti. Xariiqaa Qaadiriyyaa
Hordafaa turuu Isaatis ni dubbatan.
Dubbiin
Abdullaahi Hararii baduu kan jalqabde gama boodaati. Barnoota irraa Kalaamaa
(Falsafaa) jechuun waan beekkamu irratti sa’aa guddoo dabarsee barachuu fii
dubbisuu eegale. Ilmul Kalaam (Falsafaan) waan filoosoofii biyya Griikii irraa afaan arabaatti hikkamee Sheekkootiin
gariin kitaaba Islaamaatiin walitti laayxe tahuu Ulamaa’iin barreessanii jiran.
Warri
Salafaa kan akka Imaamu Shaafi'ii Nama Kalaama (Falsafaa) baratuurraa dhorgaa turan.
Jallina guddaa tahuu Ibsanii jiran.
Abdullaahi
Harari gosa barnootaa hundarra barnoota kalaamaa jabeessee barachuu fii
dubbisuun sadarkaa Filoosoofaraa gahuu dandahee jiran.
Xariiqaan
Suufiyyaa Inni gaafa Harar jiru hordofaa ture Qaadiriyaa ture. Garuu xiqqo booda Jimma hoggaa barnootaaf
dhaqe Xariiqaa Tijaaniyyaa je’amu hordofuu eegale. Gaafa kana hunda Inni akka
boodarra Filoosoofarummaa qofaan beekkame kana osoo hin taane Ilmii diinaatis
hordofaatuma ture.
Fiqhii
Shaafi’ii Baratee akka gaaritti hubatee jira, Hadiisa muraasa baratee akka
Haffaze namoonni gaafa duraa Isa beekan ragaa bahaniifii jiran.
Duuba
akkuma gubbaatti Isiniif hime wanni Isa laaqe Ilmii kalaamaa (Falsafaa) waan
je’amu kana guddisuu Isaati. Inni Ilmii falsafaa kana ni dhuge, ni haffaze, ni
jaalate, baqaa maal goota Abbaa Isii tahuu dandahe. San booda Hadiisaa fii
Fiqhii beeku hunda Falsafaan wal bira qabuu eegale, achii “Rabshaan” Isaa
eegalte.
Harar
bakka dhaloota Isaatti Falsafaa akka malee baratee itti deebi’e. Jechoonni Isaa
nama ajaa’ibuu eegalan, gariin jaalatanii jecha akkanaa babbareedaa dhageenyee
hin beynu jechuun Isa deeggaraa kan turanis ni jiran.
Hararitti
Soddaa Isaa (Jaarsa Obboleettii Isaa), kan Madrasaa banee Hawaasa Harar
barsiisaa ture, Sheek Yusuuf Abdurhamaan Kafarsiisee lola itti bane. Madarsaa
Wahbiyyaa je’e bakka bu’aa Hayla Silaasee kan Harar bulchaa ture Andaargee
Nafxanyaa jara Quraana Barsiisutti kaase. Barsistoonni gariin hidhamanii
hidhuma keessatti du’an. Gariin biyyaa bahan. Madraasnis ni cufame. Abdullaahi
Hararii ni gammade.
Booda
Abdullaahi Hararii biyyatti waan akka malee jibbameef Hajjiif biyyaa bahee
Qudsii (Beytal Madas), Sooriyaan naannawee Beeruti qubate.
Hanga
kana hunda Abdullaahi Harari namoota tokko tokkoon walitti bu’uu fii
Kafarsiisuu bira hin dabarre ture. Amma biyya Arabaa Tanatti Ilmii Kalaamaa
(falsafaa) irra gad taa’e. Kitaaba isii hunda qara’ee Sadarkaa Filoosoofara
dhumaa tahe.
Hadiisaa
fii Fiqhiin barates Falsafaa wajjiin walitti jalaa laaqamte. Akkatti Rabbiin
booddee Isa balleesse.
Suufiyyummaa
duraan hordofu dhiisee Xariiqaa Shi’aa wajjiin walitti dhufu Riifaa’iyyaa
hordofuu eegale. Falsafaa Shii’aa hunda dubbisee abbaa itti tahe.
Falsafaa
jechuun sammuun waan hundarra gahuu fedhuudha. Quraanni yoo waan takka jee
Sammuun maaliif, akkamitti jechuun yoo sammuun itti geesse ni fudhatta ykn
hikkaa jijjiruu ykn diduudha. Akkanatti Isaa Filoosoofara guddaa tahe kana
Amantii haarawa “Firqaa” hundarraa waan sammuun namaa jaalattuu fii zamanaa
wajjiin deemuu dandahu walitti qabee Ahbaashii Uumee.
Ahbaashiin
Bara 1983A.L.F magaalaa Beeruut, Libaanoosii keessatti uumamte.
Dura
Abdullaahi Harari Yahuudaa wajjiin qunnamtii qabaachuu Isaatiif ragaan gahaan
arge hin jiru. Garuu erga Amantii harawa argamsiisee waan Isaaniif taateef
Yahuudaan gargaaruu eegaltee jirti, ammallee ni gargaarti. Kana Isaanuu hin
khaadan. Linki kana laalaa: Nuti yahuudaa wajjiin jaalalleedhaa je’anii tarree
4ffaarra jiran.
Yahuudaan
Muslimoonni Adunyaarra jiran Ahbaashii akka tahuu qaban yeroo hedduu Ibsaa
jiran. Amantii bareedduu akka taate ragaa bahaa jiran. Kitaaballee gargaarsa
Ahbaashiitiif Dr. Hagaay Elriich Yahudichi je’amu barreessee jira. Mootummaan
Itiyoopiyaa kitaaba qaalicha Yahuudaa kanarra dhaabbachuun Ahbaashiif gargaarsa
godhuu akka qabduu fii waan Isaan malee jiru dhabama godhuu akka qabdu
murtiirra geessee jirti.
Kitaaba
Hagaay Yahudichi Je’amu barreesse argachuuf linkii kana tuqaa:
Ahbaash
Maali?
Ahbaash
jechuun Habashaa ykn Habashii jechurraa fuudhame. Nama lafa Habashaa jechuudha.
Abdullaahi Harari nama Habashaa waan taheef Amantiin Inni uume maquma Ahbaash
je’amuun akka beekkamtu taatee jirti. Kanas namni khaadu hin jiru.
Habashii
jechuun Nama habashaa tokko kan dhiira. Fkn. Bilaal Al-Habashii
Habashiiyyaah
jechuun nama habashaa takka tan dhalaati. Fkn. Ummu Ayman Al-Habashiyyaah
Nama
habashaa hedduun ammoo Ahbaash je’ama.
Maqaan
amantii Ahbaashii kan seeraa “Association of Islamic Charitable Projects
(AICP)” afaan faranjiitiin hoggaa tahu, Afaan Arabaatiin “ جمعية المشاريع الخيرية
الإسلامية “ je’amuun beekkaman.
Web
site (Toorri Intarneetaa) Isaanii Maqaa Isaanii kan seeraa kanaan moggaafama:
Ahbaash
jechuun akka gubbaatti dubbanne kana. Garuu “Firqaan” Abdullaahi Hararii
Ahbaash jechuun beekkamanii jiran. Isaanis itti if yaaman akka Seeratti Hayyama
maqaa kanaan qabaachuu baatanis ittin beekkamanii jiran.
Kanaaf
amma booda Ahbaash, Ahbaashii, Habashii jechii je’uu Amantii Haarawa tana baana
malee, warra lafa Habashaa jechuu miti. Ahbaash amantii je’amtu jechuu kiyya.
Amantiin
Ahbaash hordooftoota guddaa lafa Habashaa keessaa hin qabdu. Hordooftoonni
hedduun warra Libaanoosi, hanga nama Miliyoona tokko tahuu hin olaniitu
shakkama.
Abdullaahi
Harari Filoosoofarummaa qofaan Osoo hin tahin abbaa falsafaa Ahbaashii tahuun
beekkamee hanga guyyaa du’uu jaarmaya kanaaf itti gaafatamaa fii abbaa ture.
Fulbana 2, 2008 du’ee Awwaalame. Ahbaashiin “hin duunee ni xawaafe je’anii
beeki” (naman kofalchisanii!).
KIJIBA
FILOOSOOFAR ABDULLAAHI HARARIIRRA KAAYAME.
Namoonni
tokko tokko hoggaa aaran kijibaanis tahu nama san arrabsuu jaalatan, suni
dogongora. Islaamni kijibarraa dhorgee jira.
1.
Inni
yahuudaa jechuun kijiba. (Inni Adaree ykn Hararii gosa je’amtu keessatti gosa
beekkamtudha.)
2.
Salaanni
lama je’a jechuunis kijiba Inni salaata lama osoo je’e dubbiin Isaa akka hin
fudhatamne ni beeka, gawwaan fedheehu salaata lama ati jennaan salaatuu baatus
si biraa fiiga.
3.
Dhalaan
akka salaata salaachiftu hayyame jechuu kanas ragaa qabatamaa namni fide hin
jiru. (kijiba tahuu hin olu).
SHAKKII
JIRTU:
Namoonni
tokko tokko kan durirraa Isa beekan kitaaboota amma maqaa Isaatiin jiru kana
inni barreessuu Isaa ni shakkina je’an. Filoosoofara Abdullaahi Harariin Isaan
akka je’anitti Sheeka Suufiyyaati malee akka amma kitaaba Isaa keessatti
dubbatamu kana nuti irraa hin beynu je’an. Sanirraa Sheek Muhammad Rashaad
Abdullee “dubbiin je’amtu tun hundi Kitaaba Isaa keessa yoo dhugaan jiraatte,
darasaan Isaa godhuu hin olan jechuun shakka” je’a.
Hundaaf
seenaan Isaa gabaabsinee kana fakkaata.
Ahbaashiin
akkatti argamuu dandeesse.
Rabbiin
Jallina Jallisaa hundarraa nu haa baraaru.
Aamiiin.