Sunday, 9 February 2014

SHEEKH AADAM CAFFEE GABAABINAAN

SHEEKH AADAM CAFFEE 

Maqaan beekkamaniin Sheekh Aadam Caffeeti. Sheekha Sheekkootaa Aadam Daadhii Aalima beekkomsa Islaamaatiin honga gahe, Beekhaa Hadiisaa, Tafsiiraa, Usuulaa fii Aqiidaa Barsiisaa Ulamaa’oota kumaatamaa.
Umriin Isaa guutuun amantii Islaamaatiif jiraatte. Barachuu fii barsiisuu akkasumas Ibaadaa godhuun umrii isaa fixe.
Sheekkootii biyya teenyaa gurguddoo zamana Isaatiirraa baratee barsiisuuf Harargee Lixaa Naannoo Galamsoo qubate.
Sheekh Aadam Caffee Majlisa barsiisuun Ulamaa’oota hedduu oomishe. Towhiida qulqulluu amantii Rasuulaa s.a.w facaasuun Muslimoota Bid’aa fii Shirkii irraa akka fagaatan diniinaa ture.
Amantii Islaamaa qulqullutti nama yaamanii nagaya bahuun waan hin jirreef Sheekh Aadam Caffee balaa adda addaa Munaafiqootaa fii warra Bid’aa irraa itti roobdu obsee haqa Ibsuu itti fufe. Sheekh Aadam Aqiidaa Salafaa qulqulluu barsiisuu Isaatiif yeroo hedduu hidhaa fii sodaachiisaan adda addaa irra gahaa turte. Garuu Rabbirratti galata herregatee ganduma balaan itti isa dhaqabdu san keeysatti umrii Isaa guutuu barsiisuun dabarse. Arrabaa fii diniinni gama Kaadree fii Majlisaatiin isa gahaa ture kan biyyaa nama baqachiisu tahullee Obsee ummata barsiisuun Oomishaa Ulamaa’ootaa fii du’aataa tahuu dandahe.
Rabbiin barnoota Isaa keeysa barakaa kaayee Sheekkootiin Isa biraa bahan kanneen majlisa dhaabanii barsiisanii fii kan da’waa irratti bobbahan Oromiyaa keessatti lakkaawamanii hin dhuman.
Sanirraa
1.    Sheekh Amin Ibroo Daa’ii beekkamaan Isa tokko. Sheekh Amin Ibroo da’waa mi’oytuu godhuun afaan Oromootiin warra da’waa godhu keessaa akka fakkaataa hin qabneeti. Hayyummaa fii mala itti nama gorsan Rabbiin Isa badhaasee jira.
2.    Sheekh Muussaa Kurfaa Rooqaa (Rabbi Jannata haa qubsiisu) Sheekh Aadam caffee irratti baratanii Majlisa Naannoo Bookeetti dhaabuun Darsoota kumaa ol barsiisaa turan. Hadiisaan biyya faayanii yaamicha Rabbii kan hafa hin qabneen du’anii jiran.
3.    Sheekh Bashiir Daa’ii fii Imaam beekkamaa Magaalaa Machaaraa. Kan Towhiidaan biyya toche Sheekh Aadam Caffee biraa eebbifaman.
Sheekootiin Aalima guddicha Sheekh Aadam Caffee biraa eebbifaman lakkaawamnii hin dhuman.
Umriin Isaanii Sadeettamaa oli, Amanta 10 dura barsiisuu dadhabanii barataa Isaanii coollee fii hayyuu Sheekh Qaamuus Majlisa Isaanii akka irraa qabu itti ramadanii Ibaadaaf achi bahan.
·       Haala Isaanii
Sheekh Aadam Caffee nama adunyaarraa dantaa hin qabnee Zaahida ture. Namni Isa hin beeyne yoo arge Qootee bulaa malee Sheekh waa beekhu hin sahu.
Diina Rabbii keessatti nama komii fii miidhaa Isarra geeysuuf dantaa hin qabnee fii Haqa dubbachuu nama hin sodaanne ture.
Jibbaa warra Bid’aa Irraa Isarra gahaa ture fii dhiibbaa hunda irraanfatee Adawwii warra Isa godhateef Nasiihaa godhuun obbolummaa Islaamaatiif dursa kennuun fakkeenya gaarii akka tahaa ture warri Isa beeku ragaa bahaniif.
Rabbiin adunyaa tanarra nama tokkofillee bara baraan du’a malee akka jiraatu hin mijjeeysine duuti hunda namaa tuquun hafa hin qabu. Sheekh Aadam Caffee guyyaa kaleeysaa du’aan adunyaarraa gara Jalqaba jiruu akhiiraa dabaree jira.
Innaa lillaahi wa Innaa ileeyhi Raaji'uun!
Dalagaa Isaa bareedduun dhalootaa dhalootatti dabartu Isa fayyaduu itti fufti. Rabbiin badii Isaa dhiiseef Jannataan akka Isa badhaasu khadhanna.
…………………………
Seenaa Sheekha guddaa kanaa namoonni biraa daran akka nu ibsitan Isin gaafanna. Akkasuma seenaa Sheekkootii teenya tan biraa hunda barreeysuun wal beeysisuun amantii jabeeysurraa akka tahe hubachuu qabnan je’a.
Rabbiin warra haqa qunnamu nu haa godhu.