SHEEKH AADAM
CAFFEE
Maqaan
beekkamaniin Sheekh Aadam Caffeeti. Sheekha Sheekkootaa Aadam Daadhii Aalima
beekkomsa Islaamaatiin honga gahe, Beekhaa Hadiisaa, Tafsiiraa, Usuulaa fii
Aqiidaa Barsiisaa Ulamaa’oota kumaatamaa.
Umriin Isaa
guutuun amantii Islaamaatiif jiraatte. Barachuu fii barsiisuu akkasumas Ibaadaa
godhuun umrii isaa fixe.
Sheekkootii
biyya teenyaa gurguddoo zamana Isaatiirraa baratee barsiisuuf Harargee Lixaa
Naannoo Galamsoo qubate.
Sheekh Aadam
Caffee Majlisa barsiisuun Ulamaa’oota hedduu oomishe. Towhiida qulqulluu
amantii Rasuulaa s.a.w facaasuun Muslimoota Bid’aa fii Shirkii irraa akka
fagaatan diniinaa ture.
Amantii
Islaamaa qulqullutti nama yaamanii nagaya bahuun waan hin jirreef Sheekh Aadam
Caffee balaa adda addaa Munaafiqootaa fii warra Bid’aa irraa itti roobdu obsee
haqa Ibsuu itti fufe. Sheekh Aadam Aqiidaa Salafaa qulqulluu barsiisuu Isaatiif
yeroo hedduu hidhaa fii sodaachiisaan adda addaa irra gahaa turte. Garuu
Rabbirratti galata herregatee ganduma balaan itti isa dhaqabdu san keeysatti
umrii Isaa guutuu barsiisuun dabarse. Arrabaa fii diniinni gama Kaadree fii
Majlisaatiin isa gahaa ture kan biyyaa nama baqachiisu tahullee Obsee ummata
barsiisuun Oomishaa Ulamaa’ootaa fii du’aataa tahuu dandahe.
Rabbiin
barnoota Isaa keeysa barakaa kaayee Sheekkootiin Isa biraa bahan kanneen
majlisa dhaabanii barsiisanii fii kan da’waa irratti bobbahan Oromiyaa
keessatti lakkaawamanii hin dhuman.
Sanirraa
1. Sheekh Amin
Ibroo Daa’ii beekkamaan Isa tokko. Sheekh Amin Ibroo da’waa mi’oytuu godhuun
afaan Oromootiin warra da’waa godhu keessaa akka fakkaataa hin qabneeti.
Hayyummaa fii mala itti nama gorsan Rabbiin Isa badhaasee jira.
2. Sheekh Muussaa
Kurfaa Rooqaa (Rabbi Jannata haa qubsiisu) Sheekh Aadam caffee irratti
baratanii Majlisa Naannoo Bookeetti dhaabuun Darsoota kumaa ol barsiisaa turan.
Hadiisaan biyya faayanii yaamicha Rabbii kan hafa hin qabneen du’anii jiran.
3. Sheekh Bashiir
Daa’ii fii Imaam beekkamaa Magaalaa Machaaraa. Kan Towhiidaan biyya toche
Sheekh Aadam Caffee biraa eebbifaman.
Sheekootiin
Aalima guddicha Sheekh Aadam Caffee biraa eebbifaman lakkaawamnii hin dhuman.
Umriin
Isaanii Sadeettamaa oli, Amanta 10 dura barsiisuu dadhabanii barataa Isaanii
coollee fii hayyuu Sheekh Qaamuus Majlisa Isaanii akka irraa qabu itti ramadanii
Ibaadaaf achi bahan.
· Haala Isaanii
Sheekh Aadam
Caffee nama adunyaarraa dantaa hin qabnee Zaahida ture. Namni Isa hin beeyne
yoo arge Qootee bulaa malee Sheekh waa beekhu hin sahu.
Diina Rabbii
keessatti nama komii fii miidhaa Isarra geeysuuf dantaa hin qabnee fii Haqa
dubbachuu nama hin sodaanne ture.
Jibbaa warra
Bid’aa Irraa Isarra gahaa ture fii dhiibbaa hunda irraanfatee Adawwii warra Isa
godhateef Nasiihaa godhuun obbolummaa Islaamaatiif dursa kennuun fakkeenya
gaarii akka tahaa ture warri Isa beeku ragaa bahaniif.
Rabbiin
adunyaa tanarra nama tokkofillee bara baraan du’a malee akka jiraatu hin
mijjeeysine duuti hunda namaa tuquun hafa hin qabu. Sheekh Aadam Caffee guyyaa
kaleeysaa du’aan adunyaarraa gara Jalqaba jiruu akhiiraa dabaree jira.
Innaa lillaahi wa Innaa ileeyhi Raaji'uun!
Dalagaa Isaa
bareedduun dhalootaa dhalootatti dabartu Isa fayyaduu itti fufti. Rabbiin badii
Isaa dhiiseef Jannataan akka Isa badhaasu khadhanna.
…………………………
Seenaa
Sheekha guddaa kanaa namoonni biraa daran akka nu ibsitan Isin gaafanna.
Akkasuma seenaa Sheekkootii teenya tan biraa hunda barreeysuun wal beeysisuun
amantii jabeeysurraa akka tahe hubachuu qabnan je’a.
Rabbiin
warra haqa qunnamu nu haa godhu.
Maashaallaha hojiin kheessan khanaan hedduu dhaloota qaraa jirtaan. Kanaaf jabbaadhaan isiniin je'a.
ReplyDeleteCool and that i have a neat provide: How Much Remodel House house renovation financing
ReplyDelete