*IRREEECHA FII AMANTII ISLAAMAA
Urjii Ahmad
.................
· Ayyaannii Irrechaa Maali?
Irrecha jechuun Hikkaan Isaa
gabbaruu ykn Ibaadaa godhuu jechuudha.
Hikkaa Isaa kanarraa wanni hubannu
Ayyaanni kun ayyaana Ibaadaa itti godhan, kan galata Rabbirraa itti barbaadan
tahuu Isaati. Fagoo osoo hin deemne hikkaa Isaa qofarraa ka’uun Muslimootaaf
ayyaana tahuu akka hin dandeenye beekuun ni dandahama.
· IRREECHA KABAJUUN EEYSATTI? AKKAMITTI EEGALE?
Ayyaanni Irrechaa Haroo Arsadii
je’amu kan magaalaa Bushooftuutti argamu biratti kabajamuu jalqabe.
Sababaan jalqaba Ayyaana kanaa akka
himamutti Namni Arsadii Je’amu kan Gosa Oromoo Liiban akka malee rakkatee
guyyaa 8 Haroo amma maqaa Isaatiin yamamu kana biratti Waaqa kadhataa jiraate.
Osoo hin nyaatiin Osoo hin dhugin jiraachuun Isaatis ummata dinqisiise.
Maanguddoon Gosaa waliitti qabamanii bakka san bakka Ibaadaa “Gabbartii” Ykn
Waaqeefannaa akka taatu murteeysan. Akkasitti Haroonis Haroo Arsadii taatee
bakkittis bakka Ibaadaa ykn Waaqeefannaa taate.
Irrechi akkatti jalqabe. Arra Aadaa
Oromummaa namaaf mirkaneeysu godhuuf Waaqefatoonni dhagaa hin kaafne hin qaban.
· IRRECHI AMANTII MOO MAALI?
Irrechi jalqabuma hikkaa Isaarraa eegalee
hanga arraatti Waaqeefattoonni Waaqa Isaan gabbaran waliin hidhaa
jabeeyfachuuf, gabbaruuf, kadhachuuf, farfachuuf Irreecha godhan.
Wanni kun Aadaa Osoo hin tahin
amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Wanni
Rabbirraa galata itti barbaadan hundi Ibaadaa je’ama.
Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee
irratti waliif gale jechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha. Waaqeefatummaan
Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa
galata Rabbirraa itti barbaaduudha.
Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee
fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba
mataa Isaa qaba. Waan Karaa Quraanaa fii Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin
akkamitti daleeynee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa
Ayyaana Keenyaa miti. Amantii If dandeeyse qabna!
· IRRECHA AKKAMITTI KABAJAN? EENYUU KABAJA?
Irrecha kan kabaju Oromoo Amantii
Waaqeefataa hordofan kan naannoo Bushooftuu Jiraatan tahus booda warri
Waaqeefattummaa malee Oromoon amantii biraa qabaachuu hin qabdu je’an Ayyaana
kana aadaa Oromummaa fi Mallattoo Oromummaa fakkeeysanii biyya keessaa fi
alatti ni kabajan.
Kan biyya alaa akka itti kabajamu
beeku baannus kan biyya keessaa akka itti kabajamu barreeyfamee jira.
“Abbaa Qaalluu” jechuun namni
yaamamu akka Imaamaa ykn gaggeeysaatti Gabbartii Waaqaaf godhan Irrecha tartiibaan
ni qajeelcha.
Ayyaannii Irrechaa Asaba Raggaasaa akka
Ibsituu “Ayyaana Oromoo fii Waaqa Walitti hidhu kan Waaqa waan dabreef
galatoomfatanii waan dhufuuf Waaqa itti kadhatan” jechuun dubbata.
Ayyaanni Irreechaa Oromummaa kan
mirkaneeysuu akka tahee fii kan Oromoota hundaa akka tahes Barreeysaan Asaba
Raggaasaa jedhamu Barruu Isaa “Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong
Symbol of Oromo Identity” jechuun Ibsee jira.
Akka barreeysaan kun jedhutti
Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Waaqaaf galata itti galchanii fii Malattoo Oromummaa
guddoo jechuun dubbata.
Irreecha namni kabaju Oromummaan
Isaa shakkii hin qabuu, namni Ayyaana kana hin kabaju je’u Mallattoo Oromummaa
gudditti dide jechuudha akka Isaan jedhanitti.
· IRREECHI MUSLIMAAF MAALI?
Akka gubbaatti Ibsuuf yaale Jarri
Ayyaana kana Kabaju Ayyaana kanarratti Waaqaaf galata galchina, Waan ful duraa
Waaqni akka nuuf tolchu kadhanna, Hiidhaa Waaqaa fii nu jidduu jirtu
jabeeyfanna jechuun dubbatan.
Muslimni hidhaa Rabbii fii Isa
jidduu jirtu jabeeysuuf Irrecha godhuu qaba moo Karaa Rabbii fii Rasuulaa s.a.w
guutuu irruu hin qabne hordofuu qaba!?
Amantiin Islaamaa amantii guutuudha.
Kadhaa, Rabbi farfatuu fii Hidhaa Rabbii fii nu jidduu akkamitti akka tolfannu
karaan Islaamaa guutuun lafa kaayee jira. Namni galata Rabbirraa barbaaduuf
Ibaadaa godhu hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamee jala deemuudhaan Milkaawa.
Wanni sanii achii hundi jallina.
Muslimaaf irrechi guyyaa ayyaanaa
Osoo hin tahin guyyaa gaddaati, akkamitti yoo jetten obboleyyan keenye hedduun
arrallee Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu dhiisanii karaa Rabbiin shari’aa
hin godhin jala deemaa jiran. Kuni nu gaddisiisuu qaba malee nu gammachiisuu
hin qabu.
Kara biraatiin ifittis gadduu qabna.
Osoo nuti akka gaaritti da’waa goone Sabni keenya Kumaatamaan lakkaawaman
Islaamummaa dhiisanii karaa biraa hin hordofan ture. Kuni Nu sheeneeysee
da’waaf nu kaasuu qaba.
· AYYAANA IRREECHAA EENYUUTU OROMUMMAAN WALITTI HIDHA?
Ayyaana Irrechaa Mallattoo Oromummaa
warri godhu warra Oromoon Muslimaa hedduu tahuun akka malee isaan yaachistu.
Isaan wanni fedhan Muslima “Aadaa tee”,
“Eenyummaa tee” jechuun amantii Waaqeefattummaa tan Oromoota hundaa godhuu
fedhan. Rakkoon Isaanii guddoon Oromummaa Waaqeefattummaan walitti hidhanii
Muslimoota Shirkiitti deebisuudha.
Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Warri
Siyaasaa Bilisummaa Oromoo jechuun ummata haajaa Isaanii qofaaf sobaa turan
Bilisummaa dhabdan Waaqeefattummaa isiniif finne jechuun itti if jijjabeeysan.
Ammallee Sobaan Muslimoota Waaqeefattummaatti deebisuu fedhan.
· XUMURA
Waqeefatummaan Amantii Towhiidaa tan
Rabbii tokkicha itti gabbaranii miti. Amantiin Towhiidaa tan Rabbiin tokkichi
itti gabbaramu karaa Nabi Ibraahim qofa sunis Islaama.
Islaamni Amantiidha, aadaadha, mala
jiruu fi jireenyaati. Aadaan Amantii Islaamaa falleeysitu hundi Jallinatti
laalamti, malli jiruu fii jireenyaa Islaama falleeysu hundi Jallina tahuutti
beekkama.
Namni Mala jiruu fi jireenyaa,
Aadaa, Amantii Islaamaa malee barbaadu Akhiiraatti hongawaadha. Rabbi biraa
humaa hin argatu.
Irrechi karaa Amantii Waaqeefataa
keessatti karaa Waaqa gurraacha ittiin gabbarani. Sun ammoo Amantii Jallinaa
fii Shirkiiti.
Irreechi Karaa Ibaadaa Waaqa
gurraacha ittiin gabbaran waan taheef Muslima hin ilaallatu.
Muslimni Rabbi ummataa wajjiin
kadhachuuf jum’aa qaba, Iida qaba, Hajjii qaba.
Karaan Rasuulaa s.a.w nuuf
gaha!
Oromummaa Rabbiin irratti nu uume,
Ayyaana Irrechaa kabajuu dhabuu keenyaaf namni nurraa fuudhuu dandahu ni jiraa?
………………
Maddi:
1.
Irrecha:
From Thanksgiving Ritualto Strong Symbol of Oromo Identity
By: Asebe Regassa
2.
Irrecha
ati kan kanaa barreessite eenyummaa keetu hin beektu. osoo kan kee hin beekiin kan warraa halaa faarsita. ati HARREE BA'AAN ITTII FE'AMEEDHA.
ReplyDelete