WAAHILOOTA SADEN BAHANII HAFAN!!!
Urjii Ahmad
Asoosama gabaabaa!
Ganama tokko Waahiloonni sadeen
wajjiin manaa bahan. Yeroon yeroo Gannaa tan boqonnaa turte. Isaanis wajjiin
Bosona Nannoo Isaanii daawachuuf, Uumaa Rabbii laalanii dinqisiifachuuf karaa
seenan.
Bosona ganda Isaanii bineensoota
bosonaa hedduu jira. Khuruphoo, Solooliyaa, Gafarsa, fii Satawwaan ni argaman
ammo yoo bosona keessa chi fagaatan Qirreensillee akka jiru maanguddoonni ni
dubbatan. Akkasuma Boofa guddaa Hubaabaa jedhamu kan Mukni irratti meeyreetu
bosona walakkaa jira waan je’amee dubbatamuuf walakkaa keessa dhaquuf namni
yaalu hin jiru.
Hundi Ilmaan ganda tokkooti.
Joollummaarraa wajjiin guddatan Abbaan Jamaal Sheekha beekkamaadha, Inni ganda
keessatti warra diin nama barsiisuuf jiruu isaa kennerraahi. Ahmadoon ammoo
abbaan warra Awoliyaa jechuun beekkaman. Shanyiin Isaanii akka gosa Rabbi biraa
kophatti sadarkaa qabdutti laallaman. Warri baadiyyaa guyyaa saftii aannan,
lukkuu, killee, dhadhaa, ra’ee fidanii isaan ziyaaranii qarxaasa fudhatanii deebi’an.
Hoggaa Moolida godhan warri baadiyyaa fagoo hedduutu dhufa, kan horii fidee
kodhaa Isaa kennatu hedduudha. Ammatatti yeroo killa godhan qaban, jolleen
isaanii guyyaa sadi manaa hin bahan. Abbaan Ahmadoo Sheekh Abdusalaam abbaa
Jamaal Wahbiyyaadha jechuun Ilmi Isaa Ahmadoon akka mana Isaanii hin dheynee
fii akka waahilummaa Jamaal wajjiin dhaabu akeekkachiisaa ture. Garuu Isaan
mana barnootaa waan waliin barataniif waahilummaa Isaanii itti fufanii jiran.
Magarsaan ammoo ilma barsiisaati. Abbaan Magarsaa Ortodoksiidha ganama Alhadaa
hunda beetakiristaana dhaqee tsalootii godha. Gaafa tokko Jamaal Waahila Isaa
Magarsaa waliin Osoo waa'ee amantii waliin haasawanii Magarsaan "Iyaasuus
Waaqa" jechuun itti falme. Jamaal Falmii dheertu Isa wajjiin eega godhe
"Kaaseeta tokkon siif fidaa dhageefadhu" jedheen. Magarsaan tole naaf
fidi "Iyasuus Waaqa tahuu hin shakku" je'eenii addaan bahan. Ganama Jamaal
Kaaseeta Ustaaz Qamar Husseen (dhugaa Iyasuus waaqaa) kan je'uu fii kan Sheekh
Ahmad Didaat Afaan Amaaraatti kan hiikkame itti kenne. Magarsaan Kaaseexa
fuudhee mana Isaanii geeysee itti bane. Yeroon Isaa galgala waan tureef Abbaan
Magarsaa, Haatii Magarsaa obboleyyan hundi achuma jiran. Kaaseexa Qamar Husseen
hoggaa laalan Abbaan Magarsaa Matsaaf Qudusii ykn (Macaaf Qulqulluu) Isaa
baasee hordofaa ture. Haati Magarsaa Warqinash "Basma Aab" jettee
kaatee kutaa biraa seente. Abbaan Magarsaa eega laalee xumure "Kaaseexa
kana eeysaa fidde" jechuun Magarsaa gaafate. Magarsaan rifatee
"Waahila kiyyaatu wal falamnee jannaan laali jedhee natti laate"
jedhan. Abbaan Magarsaa "Waggaa 57 if gawwoomsaa ture jechuudhaa!!!"
"Akkamitti kuni taha?!" "Macaafa Qulqulluu keessa kuni hundi
Jira jechuudha?!" "Waan nama dinqu abbee!!!" Ani Amantii koo
arrarraa Islaamatti jijjira je'ee Maatii Isaa Rifachiise. Magarsaan "Way
Osoon fiduu baadhe" jechuun gaabbee if jibbe. Abbaan Magarsaa ganama
Sheekh Abdusamad Bira dhaqee Masjidatti Shahaadaa qabatee Islaamatti seene.
Maatii Isaaa Islaameeysuuf yaali guddoo godhuu itti fufe garuu namni Isa dhagaye
hin jiru. Abbaan Magarsaa yeroo gabaabduu keessatti Islaamummaa dubbisuu fii
Sheekha Irratti barachuun hubate. Quraana Juza 10 haffazee, Kitaaba gurguddaa
Hedduu dubbisee ifiifuu da’waa godhuutti seene garuu Maatii Isaa keessaa
Magarsaa fii Haatii Magarsaa Islaamummaa fudhachuu didan. Jolleen biro hundi
Isaaf Islaamawanii jiran. Magarsaan xiqqo turee Ortodoksii irraa Pheenxee
seene.
Waahillan sadeen waliin gama bosona
daawannaatti adeemaa jiran. Gaara guddaa ganda Isaanii ol bahuutti jiran. Osoo
haasawaa koflaa gama gaaraa ol dhiibbatanii wanni hin yaadamin argame.
Ahmadoon Abbiyyoooo!!!! Abbiyyoo
Kiyya!! Nabii kiyya! na dhaqabi jechuutti seene.
Jamaal Yaa Rabbi! Yaa Allaah! Laa
Ilaaha Illallaah! jechuun quba takka gama Samii ol qaba.
Magarsaan "Bayyasuus sim!
Iyaasuus! Goftaa koo! Maaloo jechuun lallaba.
Osoo gama gaaraatti ol bahaa jiran
dhagaan guddaan gararraa konkolaatee Isaan sadeenuu fuudhee gaara jalatti
deebise. Hundi dhiigaan badanii Aadan, ni iyyan, hundi waan gabbaru
yaammachuutti seene.
Ahmadoon Abbiyyoo!! Nabiyyii!! na
dhaqabi osoo je'uu hunda dura lubbuun Isaa baate.
Magarsaan Iyyasuus goftaa koo ilma
waaqayyoo maaloo maaf na ajjjeefta, maal badiin koo?! osoo jedhuu Ruhiin Isaa
keessaa baate.
Jamaal Yaa Allaah!!!! Laa Ilaaha
Illallaah! Yaa Rahmaan! Osoo jedhuu namni karaa deemu gaara jalatti sagalee
dhagayee itti gore, hoggaa fiiganii dhagaa jalaa fuudhan humaa hin dubbatu,
Hafuura dhumaa baafatee jira.
Ganda tokkorraa guyyaa tokkotti
Waahiloonni sadeen bahanii hafan, bosona daawwachuuf bahan reefki Isaanii gale.
Gandii guutuun bahee Isaan awwaale Ahmadoo fii Jamaal Qabruma takkatti Lahdii
adda godhanii awwaalaman. Magarsaan Qabrii Pheenxeetti Isaaniin adda bahee
awwaalame. Adunyaarratti sadeen addaan hin baane duuti addaan baafte.
Abbaan Magarsaa akka malee booye
"sabbari" hoggaa je'aniin "Way Osoo Shahadaa qabatee du'e maal
qaba? saniifin booya" jechuun imimmaan dhangalaasa.
Waahiloonni sadeen bahanii hafan.
Hundi Isaanii bosona laallee deebina jechuun gaara guddaa sanitti ol dhibbataaa
turan, san dura hogga hedduu bosona san daawwatan. Garuu taraa tana hin
deebine.
...........................
Kamtu Warra Milkiiti jettee
yaadda???
No comments:
Post a Comment