ZIYAARAA QABRIITII FII KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin
kijiba malee wanni dhugaa Isaan bira hin jiru. Kijibaa fii maqaa Ulamaa’ii
xurreessuun aadaa Isaaniiti.
Kijiba
Isaanii keessaa tokko Ziyaaraa Qabrii warra dhorguu jira, Isaan Wahbiyyaadha
jechuun Oduu afuufuudha.
Ziyaaraan
Qabrii Shari’aa Islaamaa keessatti Rasuulaan s.a.w karaa godhamee jira.
Rasuulli
s.a.w “Qabrii Ziyaaraa du’a Isin yaadachiifti” jechuun akka qabrii Ziyaarru
karaa nuuf godhee jira. Rasuulli s.a.w Qabrii Ziyaaraa jechuutti osoo hin
dhaabbattin yeroo Qabrii Ziyaarru maal akka jennus nuuf addeessee jira. Wanni
hoggaa qabrii dhaqe Inni s.a.w godhaa ture Muslimoota du’anii fii kan jiraniif
Rabbi kadhachuudha. Akhiiraa yaadatanii duniyaaf bololuu dhiisuudha.
Ziyaaraan
Qabrii lamatti qoodama:
1.
Jaalatamaa (karaa godhamaa).
2.
Jibbamaa (irraa dhorgamaa).
1.
Jaalatamaan (karaa godhamaan) kan Rasuulli s.a.w karaa godhe. Karaa Rasuulaa
s.a.w osoo hin jibbine Imaama godhannee jala deemna.
Kanaaf
Qabrii ziyaaruun hoggaa karaa Rasuulaa s.a.w qunname faayidaa qaba. Sanirraa:
1.
Jecha Rasuulaa s.a.w hojirra olchuudha.
2.
Akhiiraa yaadachuudhaan gama Rabbii deebi’uudha.
4.
Sunnaa Rasuulaa s.a.w waan hojiirra olchaniif sawaaba Rabbiirraa ni argatan.
Kuni
karaa jaalatamaadha. Muslimoonni durirraa hanga ammaa irratti waliif galanii
itti dalagatan.
2.
Ziyaaraa Qabrii dhowwamaa (jibbamaa) bakka sadihitti qoodama.
1.
Ziyaaraa haraamaa: kunis Qabrii dhaqanii irratti booyuu fi haccuu ifirratti
dhoosanii qooma If tumaa irratti booyuudha. Kana Rasuulli s.a.w irraa dhorgee
jira.
2.
Ziyaaraa Bid’aati (kan guyyaa keessaa uumame): kunis Qabrii biratti salaatuuf,
du’aaii qabrii biratti godhachuuf, Qur’aana achitti qara’uuf dhaquun karaa
Rasuulaa s.a.w irraa waan argamee miti. Qabrii biratti akka waan Ibaadaan
haalaan qeebalamtuu godhanii dhaquun bid’aadha.
3.
Ziyaaraa shirkiidhaa: kunis Ziyaaraa qabrii dhaquudhaan Qabrii gabbarani.
Qabrii ykn Abbicha Qabrii keessa jiruuf Salaatuu, qaluu, kadhachuu, silata
Isiif godhuu, furmaata rakkoo isarra barbaaduu, nuuf dirmadhu je’anii itti
waywaachuu, Rabbitti nuuf iyyadhu je’anii qabriitti himachuu fii wanni akkanaa
hundi shirkiidha.
![]() |
Qabriif sujuuda bu'aa jira. |
Rabbii
achitti waan biraa yaammachuun, kadhachuun, qaluun shirkiidha. Islaamni amantii
Towhiidaati, Rabbi qofa gabbaruutti nama yaama.
قُلِ ادْعُوا الَّذِينَ زَعَمْتُم مِّن دُونِ اللَّهِ لَا يَمْلِكُونَ
مِثْقَالَ ذَرَّةٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ [سبأ: 22
“Je’i!
kadhadhaa (yaammadhaa) warra kijibaan Allaahaa achitti yaammattan san, samii
(turban) fi dachii keessatti madaala mixii (atamii) tokkoo hin handhurfatan
(hin qaban).”
Qur’aana
Suuraa Saba’: 22
Rabbiin
Isa malee wanni biraa takka faayidaa namaaf fiduu akka hin dandeenye addeessee
jira.
Garaagarummaan
Ziyaaraa karaa godhamaa fii haraamaa akka agartan kana Ifaa fii bilisaan addaan
bahee jira. Wanni qabrii Ziyaaraniif nama du’eef Rabbi kadhachuu fii akhiiraa
yaadachuudha.
Ahbaashiin
Ziyaaraa qabrii hoggaa je’an qabrii kadhachuu fii isiif qaluudha baanan. Yoo
balaan argamte, Roobni dide, dhukkubni biyya weerare qabriif qaluu fii qabrii
kadhachuun rakkoo hunda nurraa deebisa jechuu amanan. Kuni Ziyaaraa osoo hin
taane, Qabrii gabbaruudha.
Namni
mataan fayyaa qabuu, beekaa fii wallaalaan hundi Rabbii achitti waan biraa
kadhachuun shirkii tahuu ni beeka, garuu hoggaa maqaa irraa jijjiranii Ziyaaraa
fakkeessan namoota wallaalaa karaarraa jallisuun ni mala.
Kanaaf
Ahbaashiin kijibduun qabrii ziyaaruu Wahbiyyaan haraama jetti hoggaa siin je’an
Ziyaaraan Isaan baanan maal akka tahe amma bartee jirta. Atis kijibdan yaa
Ahbaashii kijibduu! qabrii gabbarruun Shirkiidhaa, Ziyaaraan qabrii karaa
qajeelaadha je’iin.
Ahbaashiin
qabrii Gabbaruu keessa achi kuttee, biyyee qabrii Sheeka Isaanii Abdullaahi Hararii
mana kaayyachuun balaa hunda namarraa deebisa je’anii akka biyya
Awstiraaliyaatti gurguran namni achii jiru tokko naaf himee jira. Qabrii
awliyaa tan Isaan je’anii gabbaran san hunda biyyeen qabrii sanii qorichaa jechuun
wallaalaa namaa gawwoomsanii itti gurgiratan.
Ziyaaraan
Qabrii tan Isaan baanan kunoo akkana.
Yoo
Ziyaaraa Qabrii nu dhorgan je’an, Shirkii nu dhorgan jechuutti hiikkadhaa.
Rabbiin
ummata Qabrii Gabbarutti nama yaamu kanarraa nu haa baraaru.
Aamiiin.
No comments:
Post a Comment