Thursday, 10 October 2013

KARAA LAKKURRA JIRRA KAM HAA FILANNU?

KARAA LAKKURRA JIRRA KAM HAA FILANNU?
Urjii Ahmad
Hoggaa hunda waan lama bakkatti argatan hin malu. Kufrii fii Islaamni waliin bakka takkatti hin qeebalamu, Ahbaashii tahuu fii Muslima tahuun waliin hin argamu. Sodaa fii Bilisummaan wajjiin karaa hin deeman. Obsa dhabuuf galma gahuun waliin lubbuu takka keessatti hin jiraatan. Namni takka godhe takka dhaba. Kan kafre Islaamummaa dhaba, Kan Ahbaashii tahe Islaamummaarraa baha, Kan Sodaate qabsoo dhiisee gabrooma, Kan Obsa dhabe karaatti dhaabbata. Waan lamaanirraa takka qabatan malee lamaan bakkatti deemuun waan maluu miti.
Karan Lakkuu waan hunda keessa jira. Jannataa fii Azaabni karaa lakkuuti, Abbaan filatee karaa lamaanirraa takkatti qajeela. Karaa hundarra Tartiibaa fii Adeemsa mataa Isaatu jira. Seera mataa Isaa qaba. Sodaa, Obsa dhabuu, Rabbitti amanuu dhabuu, fi k.k.f Kufrii, Shirkii, Ahbaashiitti nama deebisee Azaabaan nama gaha. Obsi, Jeynummaan, Qabsoon, Jaalalli Rabbii, Jaalalli Rasuulaa s.a.w Islaamummaarratti sabachiisee Jannataan nama gaha.
Kam haa filannu?

Islaamni Injifachuun shakkii hin qabdu. Garuu Qabsoon nuti goonu numaaf faayidaa qabdi. Jannata argachuun salphaa miti. Karaan Jannataa akka Rakkoo fii waan qalbiin hin jaalanneen marfame Rasuulli s.a.w himanii jiran.
Qawwee dura dhaabbachuun Ulfaataadha. Kafruu fii Ahbaashii tahuun salphaadha.
Shirkii fii Bid'aa dalaguun Salphaadha. Towhiidaa fii Sunnaah qabatanii irra turuun ammoo hedduu ulfaata.
Haqa dubbachuun keessattuu mootummaa duratti ulfaataadha. Kijibuun ammoo salphaadha.
Jannanni Qaaliidha. Waan qalbiin Jibbituu fii rakkoo hedduu booda itti gahan.
Osoo Ahbaashii taane, Osoo kafarre, osoo Zinaa fii Farshoon halaala jenne, osoo Dhalaan Muslimaa Fireendii Kaafiraa haa taatu jechuun hayyamne Arra Mootummaan nu jaalata, nu faarsa, ETV keessaan dabarra, Goota Misooma Amantii, Goota nagayaa Goota ammayyaa jechuun nu badhaasan. Garuu Badhaasa Rabbii hin argannu. Jannata hin seennu.
Arra Ashabbaarii, Shororkeeysitoota, mankaraaristaa fii Farra Misoomaa nun je'an. Maqaan kuni hundi waan Islaama taaneef nuuf bahe. Osoo Ahbaashii fii Kufrii Isaanii qeeballe maqaa kana hin qabnu ture.

Kunoo akkana Jannata argachuun balaa fii Rakkoo booda.
Rasuulli s.a.w Kijibaa, Falfalaa, Maraataa, fii waan hedduu je'ame.
Rasuulli s.a.w Osoo salaatuu tortorri duydarra kaayame. Itti hanjamame.
Rasuulli s.a.w addarra falaxamee, Ilkeen Isaa caphxe.
Rasuulli s.a.w hidhamee, xiqqeeyfamee, arrabsamee jira. San hunda Islaama tahuuf jecha qunname.
Sahaabaan akka Bilaal, Sumeyyaah, Ammaar, Abuu Bakr, fi hedduun balaa hedduu qunnaman.
Jannata argachuuf rakkoon dhufuu qabdi. Abbaan obsee amane ni argate. Abbaan kafare ni dhaba, warra Azaabaa taha.
Isaan Karaa lakkurra turan Kafaruu fii Islaama qabatanii obsuu. Silaa Kafaraan nagaya ni argatan turan. Islaamummaarratti dinnaan cunqursaa fii balaan hedduu Isaan qunname. Garuu Filannoon Isaanii Islaama qofa ture. Jannata kajeellaaf Adunyaarratti balaa dhuftu hunda gammachuun qeebalan.
................
Rasuulli s.a.w balaa san hunda keessatti Sahaabaadhaan Obsaa Nasriin dhihoo jirtii jechaanii ture.
Hedduun Nasrii Islaamaa osoo hin argin ajjeefaman. Shahiidee tahan.
Isaan Milkaawanii Jannata argatan. Qabsoon itti fufte!
Rabbiin booda Islaamaa Nassaree warri jiru nasriin gammade. warri Ajjeefame Jannata Badhaafame.
............
Teenyas karaan sanuma. Karaa Lakkurra jirra kam haa filannu?
Islaamummaarratti Obsinee qabsooynee Jannata argachuu ykn Ahbaashii taanee Wayyaaneen faarfamnee ETVdhaan dabruu. Goota je'amnee badhaafamuu.
Kam haa filannu?
Kan Ajjeefame Jannataan Rabbi haa badhaasu. Kan Jiru Nasriin haa gammachiisu jennee qabsoo itti fufuu malee carraa lammaffaa hin qabnu.
Carraan lammaffaa kafaruudha. Ahbaashii tahuudha. Shirkiitti deebi'anii Ibiddaaf qoraan tahuudha.
Tokkoffaan qabsaawuudha. Shahiidee tahuudha. Hidhamuudha. Arrabsamuudha. Jannataaf Qabsaawanii Argachuudha.
Rabbiin warra qabsaawee Jannata Argatu nu haa godhu.
Injifannoon tan Islaamaati!!!!
Allaahu Akbar?

No comments:

Post a Comment