AQIIDATUL
OROMIYYAAH
SHEEKH AHMAD WATARII FII AQIIDAA ISAA
Sheekh
Ahmad Usmaan Muhammad Al-Oromii (Oromticha akka jechuuti)
Garuu
Sheekh Ahmad Watar Jechuun beekkama. Watar bakka Inni itti dhalate hoggaa
taatu, Harargee bahaa Oromiyaa keessatti ganda argamtu tahuu Isiiti.
Barri
dhaloota Isaa Xaaliyaan biyya seentee amata 3 keessatti. Xaaliyaan kan biyya
kolonii Isii jalatti galchite bara 1936 a.l.f.
Sheekh
Ahmad Watar daa’imummaa Isaarraa eegalee Barnoota Islaamaa barachuu fii
barsiisutti jiruu Isaa dabarse. Inni Sheekha Ulamaa’oota hedduuti. Hararge,
Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraa fii naannoo adda addaarraa barattoonni
beekkumsa Islaamaa dheebuu bahuu fedhan gama Isaa dhufanii galaana beekkumsaa
kan inni walitti qabaterraa waraabbataa turan. Ammallee itti jiran.
Sheekh
Ahmad Watar Barnoota Islaamaa waan tahe gosa hin barsiisne hin qaban. Beekkumsa
Hadiisa Rasuulaa s.a.w keessatti fakkaataan Isaa hin jiru jechuun Ulamaa’oonni ragaa
bahaniifii jiran. Fiqhi barsiisutti hoggaa seene Faqiiha honga hin qabne. Seera
Afaan Arabaa (Nahwii, Sarfii fii Balaaghaa) hoggaa barsiisu Seerluuga Afaan
Arabaa qofaan nama eebbifame fakkata. Usuulul Fiqhi hoggaa barsiisu Isii qofa
kan baratee Isiin honga gahe tahuu hubbatta. Tafsiira hoggaa Barsiisu Mufassira
fakkaataa hin qabne akka tahe Ulamaa’oonni irratti baratan ragaa bahan.
Amata
44 oliif barsiisuudhaan beektoota hedduu uumuu dandahee jira. Sheekh Ahmad
Watar amata Afurtamii Afuran dabarte keessatti ganama Salaata Subhii irraa
hanga Asrii ykn Maghriibaa barsiisun dabarsa. Boqonnaa wanni je’amu hin jiru. Tuutti
barattootaa takka barattee hoggaa irraa baate tan biraatu itti aansa, tuutti
tun hoggaa baate tan birooti itti aana. Haala kanaan hanga galgalaa barsiisuun
dabarsan. Haalli kun Ulamaa’oota biyya teenyaa irra hedduu biratti waan
baratame. Haala kanaan amantii Islaamaa bareedduu beekkumsaan asiin gahan
Rabbiin Jannataan Isaan haa badhaasu.
Sheekh
Ahmad Watar Jollummaarraa barnoota barachuun beekkumsa hangana hin je’amne
argatanii jiran.
Sheekh
Isaak an duraa Sheekh Muhammad Ahmad Abdullaahi kan jedhamarratti amata 10 oli
barate. Kitaaboota Fiqhii jalaa hanga honga Isiitti irra daddeebi’ee Sheekha Isaa
kanarratti baratee jira.
Sheekh
Muusaa Addeellee jechuun Sheekha Seera Afaan Arabaa barsiisuun beekkamu biratti
amata 10 dabarsan. Kitaaba Afaan Arabaatti ijjatuu jalaa hanga honga Isii
baratanii jiran.
Sheekkootiin Inni waggaa dheeraaf irra deemee irraa barataa ture
hedduudha. Hunda biraa Ijaazaa barsiisummaa akka aadaa Ulamaa’ootaatti fudhatee
jira. Sheekkootiin Inni Ijaazaa barsiisuuf irraa argate hedduudha. Sheekh
Abdullaahi Tuqoo, Sheekh Aadam Tuulaa, Sheekh Aadam Walloo (kan Makka jiraatu.
Sharhii Nasa’ii barreeysuun adunyaa kan ajaa’ibsiise.), Dr. Jeeylaan Kadiir fii
heddudha. Ballinaan hubachuuf Kitaaba Sheekh Ahmad Watar “إتحاف القاري بأسانيد أحمد الوتري ” <<Ittihaafu Al-Qaarii bi Asaaniidi Ahmad
Al-Watarii>> dubbisaa.
Kitaaba kana keessatti Sheekh Ahmad Watar Sheekkootii Irraa
baraterraa Muraasa ni ibsa. Kitaabni
bali’naan Sanada isaa walitti dhaabbataa tahe hanga Abbaa kitaaba barreeyseetti
akkasuma hanga Rasuulaa s.a.w gahutti ni ibsa.
Fakkeenyaaf Sahiiha Muslim Sheekh Aadam Tuulaa, Sheekh Abuu
Abdurhmaan Al-Madanii, Sheekh Aadam Walloo fii warra biraarraan siif odeeysa je’ee
hanga dhumaa oofa, Sheekh Adama Tuulaa ammo Sheekh Ebalu irraa jechuun oofee Rasuula
s.a.w biraan gaha. Jidduu Sheekh Ahmad Watarii fii Imaam Muslim binu Al-Hajjaaj
nama 23 jira. Hunda Isaanii bara itti du’an, seenaa Isaanii guutuu himuudhaan
oofan. Sheekh Ahmad Watarii fii Nabiyyii Rabbii s.a.w jidduu nama 27 jirra.
Haala kanaan Kitaaba Islaama keessatti beekkamu hunda oofee
ebaluurraa, eebaluun ebalurraa, jechuun abbaa kitaabaatti geysa.
Muhaddisni beekkamaan kun Umrii Isaa guutuu Ilmii akkatti haala
kanaan baratee barsiisuun dabarsee as gahe. Harargee Bahaa Oromiyaa ganda Watar
keeysaa beekkumsa fakkaataan Isaa zamana kanatti bakka takkatti hin argamne
facaasaa ture, ammallee facaasaa jira.
Harargee, Jimmaa, Arsii, Iluu Abbaa booraatti Sheekni beekkamaan
Ilmiin itti amanan kan Sheekh Ahmad Watar bira hin dabrin akka waan hin
jirreeti.
Sheekkootii Inni barsiise lakkaawanii fixuun hin dandahamu Amata 44
oliif nama kumaa meeqaatamaan lakkaawamu barsiisaa jiran.
Sheekh Ahmad Watar beekkumsaa Isaa tan honga geysee fii dandeetti
yaadachuu Isaa ibsuuf mee fakkeenya tokko isinitti haa garsiisu.
Seenaa tana darsoota Isaa irraa gurra kiyyaan dhagaye. Gaafa tokko
Shekkootii gurguddoo Osoo barsiisaa jiranii tokko “Hadiisarraa Isaan gaafate.
Hadiisni akkanaa kan sanadin Isaa eebaluu fii ebaluu kan Sunana Abuu dawuud
keessa jiru da’iifa moo sahiiha?” jechuun gaafate. Sheekh Ahmad Watar deebii
Isaa deebisun duratti “Hadiisni ati jettu kunii fii sanadni ati jettu kun Abuu
Dawuud keessa hin jiru.” Jechuun deebiseef. Sunana Abuu dawuud keessa Hadiisa
5200 olitu jira.
Mee laali! Kitaaba Hadiisa 40 qabu haffazuu dadhabnee jirra. Inni
hadiisa Sunana Abuu Dawuud keessa jiruu fii hin jirre addaan babaasee beeka.
Allaahu Akbar!
Sheekh Ahmad Watar Kitaaba Ulamaa’iin Islaamaa katabde hunda kan
Imaamu Shaafi’ii, Imaamu Abuu haniifaa, Imaamu Ahmad, Imaamu Maalik, Imaamu
Bukhaarii, Imaam Muslim, Imaam Ibnu Khuzeeymaa, Imaam Daara Quxnii, Imaam
Beeyhaqii, Imaam Nawawii, Imaam Ibnu Teeymiyyaa, Imaam Ibnu Kasiir, Imaam Ibnul
Qayyim, Imaam Ibnu Abdul Bar, Imamu Zahabii, Sheekh AbdulQaadir Jeeylaanii,
Sheekh Muhammad binu Abdulwahhaab fii Kitaabuma Islaamaa kan beekkamaa tahe
hunda baratuu qofa osoo hin taane sanadaan hanga nama barreeysee hidhaa qaba.
Ebelurraa ebalu naaf odeeysee jechaa nama 20, 30, 10, eega lakkaawe booda abbaa
kitaabaa bira gaha.
Ilmiin Haala kanaan as geeyse! Aqiidaan Islaamaa haala kanaan
eeggamte.
Dr. Jeeylaan Kitaaba Sheekh Ahmad Watar irratti dursituu
barreeyseen “Sheekh Ahmad Watar irra beekaa Ulamaa’ii teenyaati jechuun” ragaa
baheefii jira.
Sheekh Aadam Walloo kan Sunana Nasa’ii Ibsa itti godhee adunyaa
Islaamaa ajaa’ibsiise. Sheekh Ahmad Watar waliin qunnamtii Makkaatti godheen beekkumsa
Isaanii eega wal dura qabatan booda Kitaaban Ani Sanadaan Odeeysu hunda akka narraa
odeeysitu Ijaazaa si kenne jechuun beekkumsa Sheekh Ahmad Watariif ragaa bahee
jira.
Sheekh Ahmad Watar yoo argan nama beekkumsa qabu hin fakkatu, namuma
nagayaa Islaamaa tokko seeta. If hin guddisu, hin boonu, Adunyaarraa dantaa hin
qabu. Adunyaa quba hin qabu, Akhiiraa Isaatiif carraaqatuu qofa dalagaan Isaa.
Sheekh Ahmad Watar Aqiidaan Isaa maal fakkaatti kan je’u Kitaaboota
Inni barsiisurraa beeku dandeenya. Anis kutaa itti aanu keeysatti Aqiidaa Sheekh
Ahmad Watar kitaaboota Inni barsiisurraa gabaabsee dhiheeysuuf nin yaala.
Sheekhni Bahar Beekkumsaa tahe Oromiyaa Hararghee Bahaa Watar jira.
Footoo Isaallee nama kaasee Aalima kanaan wal nu barsiisu dhabuun keenya nama
gaddisiisa.
Rabbiin dalagaa Isaanii irraa haa qeebalu. Eenyuu bakka Isaanii bu’uuf
arra qophiitti jira yoo jenne deebiin hin jiru.
Ahbaash haala kanaan Ulamaa’ii teenya yoo nuti baruu baanne
Filoosoofaroota Isaanii akka Ulamaa’ii godhanii nu daguuf yaaluun Isaanii hin
oolu.
Ulamaa’ii akkanaa qabnaa maal dhabnee Ahbaash jala deemna?
Rabbiin nagayaan walitti nu haa deebisu.
Nagayaa fii Rahmanni Nabiyyii irratti haa jiraatu.
Allaahu Akbar!!!
No comments:
Post a Comment