Wednesday, 20 November 2013

HABIIB BINU ZEYD AL-ANSAARII



ENYU FAKKEENYI KEENYA?
HABIIB BINU ZEYD AL-ANSAARII
Habiib mana ifaan Iimaanaa keessaa ifu, maati lubbuu isaanii jaalallee Isaanii Nabiyyiif kennan keessatti guddate.
Abbaan Isaa Zeydi binu Aasim namoota Madiinaa, torbaatama Aqabaa bakka je’amtutti dhaqee ballemaaf harka Rasuulaa s.a.w dhahan keessaa tokko Inni, Jaartii Isaa fi Ilmaan Isaa lamaan waliin.
Haati Isaa Ummu Umaaraa Naseeybatul Maaziniyyaa jedhamti, dubartirraa namni dura amantii Allaaha irraa Adawwii deebisuu fi Rasuula s.a.w tiysuuf seyfii fudhate Isiidha.
Obboleessi Isaa Abdullaahi binu Zeydiiti kan gaafa lola Uhud Rasuula s.a.w lubbuu Isaatiin tiyse, kan qooma Isaatiin qooma Rasuulaa Adawwirraa tiyse .
Rasuulli s.a.w maatii Islaamaa fi Rasuulaaf s.a.w akkatti lubbu kennuu turan kanaan akkana je’en:
“Maatii teessan Rabbiin barakaa isiniif haa godhu, maatii teessan tan Rabbiin Rahmata haa Isiniif godhu”.
Habiib Rabbiin Isaaf fedhee daa’imummaa Isaatiin Haadhaa fi Abbaa jala deeme nama 70 Rasuula s.a.w bellama godhan waliin jira ture. Harka Isaa kan Ijollummaa saniin Harka Rasuulaa s.a.w dhahatee beellama godhee jira, halkan bellama Aqabaa san. Guyyaa sanirraa eegale Rasuulli s.a.w lubbuu Isaa, haadhaa fi abbaa Isaa caalaa Isa biratti jaalatamaa tahe.
Islaamummaanis lubbuu Isaa caala isa biratti jaalatamtuu taate.
Habiib daa’ima waan tureef Badrii fi Uhud irratti hiramaachuu hin dandeenye, garuu san booda Rasuula s.a.w waliin duula hundarratti hirmaatee jira. Habiib lola hirmaate san hundarratti qabsoo seenaan katabdee hin xumurre, afaan dubbate hin dadhabne Islaamaaf godhee jira.
Habiib waan seenaan ilmi namaa dhageettee hin beyne Islaamaaf dalagee galma seenaa keessatti hanga guyyaa qiyaamaa dubbatamaa, faarfamaa tura. Seenaa Isaa keessaa tan qaamni namaa hogga Isii dhagahe sukkannaawu, tan hogga isii dubbise Iji imimmaan dhangalaaftu, seenaa isaa hedduu keessaa takka isiniif haa dubbadhu.
Hijiraa booda amata 10ffaa keessummaan Banii Haniif biyya Najdi jedhamturraa gara Madiinaa dhufte, Wanni dhufaniif Islaamummaa qeebaluuf, keesummaa san keessa Museylamaa binu Habiib Al-Hanafii jira, Rasuulatti s.a.w dhufanii Islaamummaa qeebalanii gara biyya Isaanii Najdi deebi’an.
Najditti hoggaa deebi’an Museylamaan Kafaree “ani Nabiyyidha” jedhe if moggaase, gosa Isaatiin “Ani Banii Haniifiif ergame akkuma Muhammad Qureyshiif ergeme” je’e gosa Isaa if jalatti jaaruu eegale.
Gosti Isaatis gosummaaf jecha tole jette isa jala yaa’uu egalte, gosa isarraa warra akkana jedhuutu jira:
“Muhammad dhugaan Rasuula tahuu nin beeka, Museylamaan Kijibaa tahuus nin beeka garuu dhugaa dubbataa Qureyshiirra kijibaa gosa teenyaa nuuf caala”
Museeylamaan Hoggaa jabaatee namni Isaaf heddummaate, Rasuulatti s.a.w xalayaa barreese akkana jedheen:
“Museylamaarraa Rasuula Allaaha, Muhammadiif Rasuula Allaaha, Nageenyi siif haa tahu. Itti aansun ani Rasuulummaa keessatti si waliin waahilee jira atis Qureyshiif anis Gosa tiyyaafi ergame, dachiin balloodha nuuf geysi”
Xalayaa tana waliin nama lama erge Rasuulli s.a.w ergamtoota Isaa lamaan Isin yoo maal jettan jedhee gaafate, Isaanis akkuma Inni je’u jenna jedhaniin.
Rasuulli s.a.w ergaa hin tuqan malee silaa isin hin dhiisu je’e isaan dhiise.
Egas Rasullis s.a.w xalayaa itti katabe:
“Maqaa Allaahatin egala. Muhammad Ergamaa Allaaharraa, Museylamaa kijibaadhaaf. Eganaa wannin siin je’u dachiin tan Allahatti, gabroottan Isaa irraa abbaa fedhe dhaalchisa, Booddeen gaariin tan warra Rabbi sodaatuti”.
Jara lamaan Museeylaam ergatee waliin xalayaa tana itti erge.
Garuu badiin Museylamaa waan hammaachaa dhufteef ammas isa dinniinuuf xalayaa biroo Rasuulli s.a.w itti erge. Xalayaa tanas Habiib dardara Imaanaan mataa irraa hana milaatti guttame waliin erge.


Habiib Ajaja Rasuula s.a.w fudhatee galmaan gahuuf karaa seene, Museylamaa bira gahee xalayaa itti kenne.
Museylamaan xalayaa arginaan dallanee, fuula guuree. Hammenya Isaa Habiib irratti dalaguuf ajaja dabarse. Habiib hidhame akka boru dhihaatu godhe, ganama Museylamaan gosa isaa walitti qabee Habiib akka fidan ajaje.
Habiib hidhaa waliin tirachaa dhufe, Museylamaan gama Isaa laalaa “Muhammad akka Rasuula tahe ragaa baataa jedheen?”
Habiib: “eyyee Muhammad Rasuula Allaahati” je’en.
Museylamaan dallanee “Ani yoo Akka Rasuula tahe ni beytaa?” je’en.
Habiib Isa tufachaa, ija tuffiitin isa laalaa “gurri tiyya waan ati jettu kanarraa duudaadha” je’en.
Museylamaan Aaree hidhiin Isa hollachuu jalqabde, qaama Habiibirraa kutaa takka akka muran itti ajaje.
Namichi ajajame dhufee seyfiin qaama Habiib irraa kutaa takka mure, foon Isaa konkolaatee lafa gahe.
Ammas Museylamaan itti deebi’ee gaafii isaa egale. “Muhammad Ergamaa Allaaha tahu ragaa baataa?”
Habiib: “eyyee Muhammad Ergamaa Allaahati”.
Museylamaa: “Ani Ergama Allaahaa tahu ragaa baataa?”
Habiib: “gurri kiyya waan ati jettu kanarraa duudaadha sin je’ee jira” je’en.
Ammas itti ajaje akka foon Isarraa kutaan takka muramatu godhe, foon Isa murame konkolaate kan duraa biratti lafa gahe. Ummanni wareeranii isa laalan jeynummaan Isaa, Obsi Isaa Isaan wareerse.
Haluma kanaan Museylamaan Isa gaafataa, Namtichi ajajames qaama Habiib muraa, Habiib ammoo Muhammad Ergamaa Allaahati jechuu itti fufe.
Hanga qaamni Isaa kan murame qaama Isaa kan dhaabbatee dubbatuu waliin wal qixxaawutti…
Haala kan keessatti lubbuun Isaa baate, hidhiin isaa jaalallee Isaa kan jollummaan ballama harka Isaa dhahee fuudhe yaamaa “Muhammad Ergamaa Allaahaati” jechaa lubbuun isaa baate.
Oduun tun haadha Isaa Nuseybatu Al-Maaziniyyaa dhaqabnaan Obsitee galata Rabbii Isiirratti lakkaawatte.
Gaafa lola Yamaamaa kan Museylamaa waliin godhame irratti haati Habiib waraana Mujaahidinaa waliin seyfii fudhatte waraana seente, Adawwii Rabbi kan Ilma Isii ajjeese irraa hijaa bahachuuf, karaa Rabbii keessatti jihaada seente.
Nuseybaan gaafa lola Yamaamaa tarree waraana adawwii Rabbii addaan dhoosaa “Mee Adawwiin Rabbii?” …. Jechaa Museeylamaa barbaadu seente “Mee Adawwii Rabbii san na agarsiisaa…” jechaa seyfiin barbaadde. Hoggaa Isiin bira geysu Museylamatu Al-Kazzaab Mataan irraa darbamee argite, Qalbiin isii gammadde.
Ijji isii das jette…
Maaliif hin gammanne silaa?! Rabbiin adawwii Ilma isii Ajjeese irraa kafaleefi jira.
Museylamaanis, Ilmi Isiitis du’anii jiran garuu jarri lamaan tokkoo miti.
Gariin jannata gariin Azaaba…
Seenaan Habiib gabaabsine hangana nu ofte yoo dheresine kitaabni hin gahuuf.
Amma teenyatti haa deebinuu!!!
Maaliin Fakkaenya nuuf taha Habiib?
Habiib Islaamaaf waan hunda kenne, Rakkoon amma Mootummaan Itiyoopiyaa nurratti ofaa jiru waanuma Museylamaan godhe sani, Ahbaashii dirqamaan tahaa jechuunis Akkuma dirqamaan Museylamaan Rasuula jedhi jechaa ture sani. Garuu Habiib qaamni Isaa karaa Rabbii keessatti kutamaa lafa guutus hin kafarre, Muhammad Ergaa Allaahati jechaa ajjeefame.
Nuti yoo arra Kaabine wayyaane sodaaf, hidhaa sodaaf, ajjeechaa sodaaf Ahbaashii malee amantiin Islaamaa sirrii miti ni jennaa???
Ahbaashii dirqamaan tahi jechuuf ETVn waan kijibeef, Kaabineen waan nu dinniinteef, koreen teenyas waan hidhamteef, Asaasatti waan Muslimoonni qulqulluun ajjeefamaniif, Garbaattis waan ajjeefamaniif, Kofoleettis waan ajjeefamaniif, nutis nu ajjeesan, nu hidhan jennee Ahbaashii taanaa???
Habiib jala yoo deemne Islaama taanee dhumna. Majlisaa fi Kaabinee jala yoo deemne Munaafiqa amantii hin qabne taanee dhumna. Garuu gariin Jannata, gariin Azaaba bakki itti yaanu.
Haadha Habiib Jeynitti Nuseybaa maali irraa baranna Ilmi karaa Rabbii keessatti ajjeefamu kabajaa tahuu Isaa, haati jeyni karaa Rabbi kessatti ifif qabsoytee, Ilma Isitis akka qabsaawu gooti.
Muhammad Ergamaa Allaahati Isa jala deemna.
Abdullaahi Hararii Abbaa Ahbaashiiti Isa jala hin deemnu.
Injifannoon tan Islaamaati!!!
Allaahu Akbar!!!

No comments:

Post a Comment