Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?
Ahbaash
warri inni wahbiyyaa je’uun nama waan isaan je’an guututti hin fudhanne hunda.
Fedhu Ulamaa’ii, fedhu Jaahila haa tahu waan Isaanii fudhachuu baannaan Wahbiyyaa
je’aniin. Mee akka fakkenyatti warra Ahbaashiin Wahbii jettuun kuni Enyu?
Adawwii
Isaanii guddaan eenyu?
1.
Tokkummaa Islaamatti namni nama yaamu Wahbiidha.
2.
Mirga ifii gaafatuun Wahbiidha.
3.
Dubartiin Hijaaba jabeessuun Wahbiidha.
4.
Walgahii Isaanii irratti gaafii guddisuun Wahbiidha.
5.
Ulamaa’ii gurguddo adunyaa kabajuu fii arrabsuu dhabuun Wahbiidha.
6.
Najjaashiin Islaamawuu Isaa amanun Wahbiidha.
7.
Towhiida baruu fii barsiisuun wahbiidha,
8.
Leenjii Isaanii yoo hin fudhatin Wahbidha.
Waan
akkanaa kana hedduu lakkaawan. Jara bazabazaa jettin adareen Harar.
Ummata
afaanii fii dalagaan isaan ajjoytu Ahbaashii malee hin agarre.
I.
Wahbiyyaan waan balleesite ni beytuu?
1.
Bishaan ummanni dhugu birkaa (tankara) magaalaa gurguddoo keessatti summii
naquu.
2.
Daa’imaa fii dubartii ajjeesuu.
3.
Masjidaa fii Beta kiristaana (charchii) guubuu.
4.
Ulamaa’ii qaluu.
5.
Nama du’e qabrii baasanii gubuu.
Yaa
Ummata Islaamaa! biyya teenya tana keessatti dubbii tana argitanii? Ani argee,
dhagayee hin beeku.
ETVn
kijibaan beekkamalleen dubbii tana himee hin beeku.
Naannoon
ani jiru kana kiristaanaa fii Islaamni ni jira, Masjidaa fii Charchii Wahbii
ummanni je’amu yeroo gubu argee dhagayee hin beeku isin yoo???
II.
Mootummaan yoo Wahbii akkamitti ibsa?
1.
Masjida hedduu ijaaruu.
2.
Madrasaa hedduu ijaaruu.
3.
Salaata 5 salaataa jechuun misooma boodatti aansuu.
4.
Dubartoonni hijaabaa fii niqaaba akka ufatan godhuudhaaan aadaa Arabaa biyya
keessa facaasuu.
5.
Dargaggoota barnoota adunyaa qofa hin baratinaa jechuun gama barnoota amantii
yaamuu.
6.
Moobayila keessatti manzuumaa ring toonii (hogga yaamtu) godhachuu.
7.
Jihaada kitaaba keessatti barsiisuu.
8.
Seera mootummaa Islaamaatiin bulchuuf yaaduu.
9.
Hojjataan mootummaa masjidatti daddebi’aa oluu fi k.k.f.
Yaa
ummata Islaamaa! wanni badii tahee ibsamaa jiru irra hedduun waanuma shari’aan
dhufteeni.
Mootummaa
Islaamaa dhaabuuf yaaduu hoggaa je’an sammuun yaaduu fii dhiisuu erga taate
seera kamtu dhorga?
Waan
sammuun namni yaadu akkamitti beekuu dandahan?
Wanni
nama ajaa’ibu mootummaan waan asi olitti lakkaawame kana yakka yoo kan jedhu
tahe, Islaama akkam fedhan yaa dhiiroo?
Kan
salaata 5 salaatutti nama hin yaamne?
Kan
hijaaba ufatutti nama hin yaamne?
Kan
barnoota Islaamatti nama hin yaamne?
Duuba
kuni maali ? Islaamaa?
Mootummaan
yaada akkanaa kana galmaan gahuuf dawaan Ahbaashii tahuu amana. Ahbaashii malee
firqaan Islaamaa takkalleen waan faallaa kanatti nama hin yaamtu.
Ahbaashiin
maal barsiisti?
Wahbiyyaa
akkamitti akka itti balleesan qofa.
Ahbaashiin
kanaaf yaamamee dhufe. Ajaa’iba nama godha. Garuu waan zamanni irraa dabre
natti fakkata. Ummanni Islaamaa dammaqee jira. Ifaa towhiidaa ibsatee jira.
Dukkanatti deebi’uuf qophii miti.
Adawwiin
Islaamaa hangana nuuf yaadaa jiran. Gonkumaahu galma hin gahu Inshaallaah.
Injifannoon
tan Islaamaati!!!
No comments:
Post a Comment