Saturday, 16 November 2013

AQIIDATUL OROMIYYAAH



AQIIDATUL OROMIYYAAH


===AQIIDAA SHEEKHA SHEEKKOOTAA AHMAD WATAR ====
Qophiin: Urjii Ahmad
------------------------------
Towhiidatti hoggaa dhufne Sheekh Ahmad Watar Kitaaboota Aqiidaa gosa hedduu baratan.
Kitaaba Aqiidaa Ashaa’iraa hanga honga Isii baratanii jiran. Ashaa’iraan Firqaa Islaamaa tan Mu’atazilaarraa dhalatte hoggaa taatu, Bid’aa hedduu Towhiidatti laaqanii jiran.
Sheekh Ahmad Watar kitaaboota Ashaa’iraa hunda hanga hongaatti eega baratan hoggaa Hadiisatti seenan, Aqiidaan Ashaa’iraa faallaa Hadiisaa fii Quraanaa akka taate hubatanii Aqiidaa Salafaa irratti umrii dabarsan.


Akkasuma kitaabban Manxiqaa (falsafaa) baratanii jiran. Jallina keessa jiru hunda barnoota Hadiisaatiin wal bira qabuun irra gahanii darasoota Isaaniitiif dabarsanii jiran.
Akka kitaaba Isaa kan Isnaada Isaa addeeysu keessatti ibsanitti Kitaaboota Aqiidaa Salafaa qululluu addeeysan hedduu hanga abbaa barreeysetti sanada maxxansuun abbaa barreeysetti geeysan.
Sanirraa Kitaaba “Al-Ibaanaa An Usuuli Diyaanaa” Kan Abuu Hassan Al-Ashaa’irii hanga dhumaatti Sheeka Isaarraa kaasee Abuu Hassan Al-Ashaa’iritti ebalu fii ebalurraa jechuun oofee galcha.
“Aqiidaa Xahawiyyaa” Tan Imaamu Abuu Ja’far Ax-Xahawii Sheeka Isaarraa hanga Imaamticha kitaaba barreeysee sanadaan maxxansa.
Lum’atul I’itiqaad kan Ibnu Qudaamaa, Kitaabban Sheekhul Islaam Ibnu Teeymiyyaah, Imaam Muhammad Ibnu Abdul Wahhaab fii kanneen biro hedduudha; Sheekh irraa baratanirraa hanga abbicha barreeysetti haffazanii jiran.
Aqiidaan Sheekh Ahmad Watar Aqiidaa Salafaa tan Rasuulli s.a.w fii Sahaabaan hordofaa turani.
Kitaaboota Aqiidaa kan Sheekh Ahmad Watar barsiisurraa ka’uun Aqiidaa Isaanii Ibsuun ni dandahama. Garuu Osoo silaa Sheekh Ahmad Watar irraa Sagalee fii Vidiyoon Aqiidaan Isaanii irraa waraabamtee dhaloota dhufuuf hafte gaarii ture. Eenyuu kanaaf If qabee dalaga? Ummata waan qabu hunda tuffate taanee amata meeqaatam namaa gad if goonee jiraachaa jirra.
=== AQIIDAA SHEEKH AHMAD WATAR GABAABDUU
Ani Isaanirraa hin baranne garuu Kitaaba Isaan barsiisan keessa Aqiidaa jirtu saniin Isiniif ibsa.
Aqiidaan Isaa Aqiidaa Ahlusunnaati, gabaabsinee yoo laalle.
·        Rabbi malee haqaan gabbaramaan hin jiru jechuu amana, kan kadhatamu, kan itti iyyatan, kan namaaf dirmatu, kan qalaniif, kan salaataniif Allaah malee hin jiru.
·        Ibaadaa waan tahe Rabbii fii waan biraatiif godhuun shirkiidha, Ibaadaan Rabbi qofaaf haqa godhamti.
·        Towhiida sadeenitti amanuun dirqama muslima hundaati. Towhiidu Rubuubiyyaa, Towhiidul Uluuhiyyaah, Towhiidul Asm'a Wasifaat.
        Rabbiin Nabi Muhammad s.a.w wanni nutti ergeef akka Isa jala deemnee Jannata seennuuf malee akka Nabi Muhammad s.a.w Gabbarree Ibidda seennuuf miti.
        Rabbiin Maqaa fii sifa Isaan malte qaba. Sifa Isaa uumaatti hin fakkeessinu, Sifa Inni Ifiin yaames hin dinnu.
        Kanaaf Rabbiin Ija nin qaba je’e, Ija Isaan maltu qaba, Harka nin qaba je’ee jira, Harka Isaan malu qaba .
        Rabbiin Arshiirratti Ol tahe ifiin je’e, akka Isaan malutti Arshiirratti ol tahee jira.
        Guyyaa Qiyaamaa murtii godhuuf nin dhufa je’ee jira, akka Isaan malutti dhufa.
        Rasuulli s.a.w Rabbii keessan guyyaa qiyaamaa ni agartan nuun jedhee jira, Rabbii keenya arguuf teenya.
        Quraanni jecha Rabbiiti, Isaatu Dubbate, Qubeen Quraanaa hundi waan Rabbiin ol tahe dubbate.
        Rabbiin Nabi Muusaa Dubbisee waan je’eef, Nutis Rabbiin Muusaa s.a.w Dubbise jechuu amanna.
        Sifa Rabbii diduun Kufriidha, uumaatti fakkeeysuun kufriidha.
        Quraanni duustuura jiruu fii jireenya ilma namaa kan yeroo hundaa fii bakka hundaatti.
        Mowlida Nabii je’anii guyyaa tokko amatatti godhatanii walitti dhufanii shubbisuun Bid’aadha.
Kuni Aqiidaa Sheekh guutuu Isaa jechuu osoo hin tahin, gabaabdutti waan amma Ahbaashiin odeeysituu wajjiin waan heddu faallaa tahe qofa gabaabsee kitaabootuma Inni barsiisurraa walitti qabuu kiyya. Namni Rabbiin isiniif laaffise Osoo Vidiyoo fii Sagaleen irraa nuuf waraabdan, Dhaloonni dhufulleen dogongora jaahiloonni Ahbaashii facaasan ifirraa hubata.
=======KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin waan asi olitti dubbanne kana hunda waan hin amanneef waan Isaan didan qofa Aqiidaa Sheekhaa irraa kaasuuf yaalee jira.
Ahbaashiin Aqiidaa Muslimaa tana erga hin fudhanne tam nuuf fidan?
        Rabbiin ol hin jiru, gadis hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa alas hin jiru garuu ni jira je’en.
        Rabbiin Ahbaashii hin dubbatu, Ija hin qabu hin argu.
        Quraanni jecha Rabbiitii miti.
        Rabbiin Awliyaa gabbaruu hin dhorgine je’en, Kanaaf Qabrii Awliyyaa dheynee balaa nurraa deebisaa yoo jenneen balaa nurraa deebisan.
        Duaaiin / Khadhaan Ibaadaa miti, Kanaaf yaa Rasuula nuuf Roobi ykn Rooba Rabbiirraa gama keetiin nuuf fidi jechuun ni taha je’an.
        Towhiidni Tokko sunis Rabbi malee kan ajjeesu, kan razaqu, kan kaasu hin jiru je’en. Ajaa’iba Ahbaashii keessaa kan haalaan na dhibu Isa kana! Mee Ilmi namaa kan Kiristaanaa, Waaqeefataa fii kan biroo hundi Rabbiin Ajjeesuu, Kaasuu, nama razaquu kan didu ni jiraa?
Isaan wanni Towhiida Ibaadaa fii Towhiida Asmaa wa sifaat didaniif, akka qabrii gabbaruun Isaaniif mijjaawu, akka sifa Rabbi didaniifi.
Ahbaashiin Aqiidaa tana qabattee nuuf dhufte. Osoo Ulamaa’ii nu bira dabartee Adunyaaf geyse qabnuu Yahuudaan Libaanoosii nuuf Afeeramte.
Filannoon tan Abbaati!
Ulamaa’ii teenya tan Amantii nu barsiisaa turte dhiifnee karaa Sheeyxaanaa filanna Abbaan je’e, itti fiigee Azaabaaf Qoraan tahuu ni dandaha.
Ani Amantii tiyya hin dhiisu irratti shahiidee taha kan je’uus, Didee Ajjeefamee Jannata Rabbii Milkaawuu ni dandaha.
Aqiidaa Sheekhootii teenyaa nuuf wayya moo tan Yahuudaan amma nuuf fidde?
Injifannoon tan Islaamaati
Allaahu Akbar!


1 comment:

  1. Wly ani silaa of niin qaba garuu camera hin qabu.

    ReplyDelete