SU'UDII FII SHORORKAA BARANAA
Badii mootummaan Su'udii Ilmaan
namaa kana nagayaa irratti dalage nin balaaleefadha. Ilmi namaa kabajamaadha.
karaa bareedaan ifirraa gaggeeysuu osoo dandahan humnatti dabruun sirrii miti.
Mootummaan Su'udii warra Su'udii
irrattis hammeenya guddaa raawwataa jira. Sheekootii fii du'aata gabrummaa
Islaamaa tan biyyoota adda addaa balaaleefatan hidhuu fii rakkisuun aadaa
Isaaniiti. Sheekh Khaalid Raashid warra balaa mootummaa Su'udiitiin hidhaa
jiru. Dr. A'id al-Qarniin amata 10 hidhamee bahe.
Alaabaa Su'udiiti. Jecha Towhiidaatu irra jira. |
Maatiin Malikaa maallaqa ifiif akka
feetetti itti taphattu warri biyyaa irraa agabee kan beelawus ni jira.
Ummata hedduu wasana Shari'aa
tarkaanfate tahanis biyyiti Islaamummaa nagayaa qabdi. Sheekkootiin Aqiidaa
qulqulluu barsiisan biyya hundaaf gahaa jiran.
Yoo Jihaada dubbachuu baatan Aqiidaa
towhiidaa barsiisuun mirga Isaaniiti. Kitaaba Rabbii Quraanaa fii kanneen biraa
facaasanii adunyaa waliin gahanii jiran.
Garuu booddee tana Mootummaan
Su'udii dhugaan hammaattee, daangaa dabarte.
SHORORKAA SU'UDII TAN BARANAA
Mootummaan Su'udi barana
hojjattoonni seeraa alaa narraa haa bahan je'ee seera tumate. Seera san
dalagaarra olchuun dura ji'a 7 hojjatootaaf akka kenne ni odeeyfama.
Ammoo namni hundi sirreefachuu hin
dandeenye. Baatiin 7 dhumtee guyyaan seerri hamaan dalagarra oolu dhufe.
Mootummaan bahaa je'ee lallabe. Poolisa bobbaase. Namni hedduun akka dura sahee
dura fiiguu eegale. Su'udiin jijjiramte jirti. Qawwee nama jala dhahuu fii nama
tumuun jalqabde.
*Warra Itiyoopiyaatti xiyyeefachuu.
Mootummaan Su'udii baran warri
habashaa je'ee warra biyya teenyaa hunda ija takkaan laale. Maaliif?
Isaan nama Itiyoopiyaa irra guddaa
kaafiratti beekan. Kan farshoo dalagu irra guddaan warra habashaati. Kan
Sharmuxummaa dalagu warra habashaati. Mootummaan Su'udii barana faabrikaa
Haraqee kan TIgroonni Arabticha tokkoon wal tahan gaara keessatti banan irra
gahee TViidhaan warra biyyaa garsiisaa ture. Tigroonni dallananii baadiyaa
keessatti dhalaa Su'udii haadhaa fii ilmoo gudeedanii dhabama tahan. Mootummaan
san hunda Oduun ummata garsiisaa ture.
Warri Su'udii habashaa hunda ija
takkaan laaluun oduu argan kanarraa kaate. ummanni maqaa Islaamaa baafatee
biyya sanitti farshoon dachii balleeysinaan habashaan nurraa haa baatu yaada
je'u gaazeexaan kaasaa turan.
Mootummaan Seera kan eega tume booda
tarkaanfii fudhachuu jalqabeen Ummanni habashaa mootummaan wal dura dhaabbachuu
jalqaban. Lolli achiin oowwee lubbuu namaa galaafatuu jalqabe. Araboonni duraan
jibbaa habashaa qaban muraasni ummatarratti bobbahanii badii guddoo dalagan.
Rabbiin ummata keenya nagaya haa
baasu.
BADII HABSHOOTAA.
Farshoo dalaguu fii raabsuu. Kanas
araboota muraasa wajjiin waliigalanii dalagan.
Faabrikaa farshoo baadiyyaa Su'udii
keessatti banuu. Osoo mootummaan hin beyne.
Sharmuxummaa fii dhalaa biyyaa
fidanii araboota shakaraniif gurguruu. Farshoo warra dalagu yeroo qaban
Badiilee asii olitti kaase tana irra
guddaa Tigree fii Amaaraatu dalaga. Booddee tana Oromoonis akka wajjiin dalaguu
eegalte odeeysan.
Kanaa fii wanni akkanaa kan warra
Su'udii irra hedduu biratti jibbamu maqaa habashaatiin dalagamutu daran ummata
keenyatti balaa jabeeyse.
Dhumarratti ummata poolisaatiin wal
dura dhaabbatanii dhagaa haruu fii araboota muraasa irratti saaminsa
gaggeeysuun isaanii dubbii habashaarratti dalagamtu daran fafeeyse.
XUMURA.
Badiin nama muraasaan dalagamte
hunda waliin qabattee miidhaa jirti.
Rasuulli s.a.w hadiisa keessatti
akka je'an "ummanni tokko doonii wajjiin koree, tuutti takka gubbaa,
tuutti takka jala yoo jiraatte. tan jalaa tun bishaan baharaa kana asumaan
doonii urree fayyadamna yoo je'an. warri gubbaa yoo callisee laale. waliin
halaakaman." jechuun badiirraa wal dhorguun dirqama akka tahe addeeysan.
Ummanni banii Israa'eel kan
abaaramaniif badirraa wal dhorguu dhiisuu Isaaniiti.
Osoo badirraa wal dhorgan. Ykn warra
badii dalagu seeraaf akka dhihaatu mootummaa Su'udiitiif tuutti saaxiltu ummata
keessa jiraatte. Arra Habshaa je'anii hunda waliin hin jibban.
Badiin Mootummaa su'udii guddoo
taatus waan irraa kaate qabdii malee nagayuma dirree qullaa irraa waan ka'ee
miti.
Arra hoggaa namni nagayaa miidhame
badii kan dalage muraasni if dura karaa tolfachuun ni mala.
Obboleyyan Islaamaa! haala kanaan
dubbiin hammaatte natti fakkaata.
Ammoo warri duraanis farshoo dalagaa
ture, Kaafiroonni arra Islaamaa fii Muslimoota maqaa kanaan arrabsuuf yaalii
godhaa jiran, waanuma duraan garaa qabani malee tana ammaa tanaa miti.
Namni tokko account nama Muslimaa
tokko hatee "Islaama tahuu kiyyaaf nin qaanfadha" hanga jechuurra
gahan. Kaayyoon Isaanii Islaamummaa nama jibbisiisuu fii maqaa balleeysuudha.
Isaan mala baasan, Rabbiin mala
Isaanii olii itti baasa.
Obboleyyan keenya kan miidhaa keessa
jiran Rabbiin nagayaa bakka kheeyrii Isaanii qabdu Isaan haa qubsiisu.
Poolisni Baqattoota xalayaa seeraa hin qabne yeroo qaban. |
Obboleyyan waan facebook gubbaa
faca'aa jiru kana hunda osoo addaan hin baafanne daangaa amantii teenyaa akka
hin dabarreen Isin yaama.
Hanga alaabaa Su'udii tan kalimaa
Towhiidaa qabdu gubanii share godhan gahanii jiran. Kan haalaan nama gaddisiisu
gariin maqaa Islaamaati qaba. Muslimootarratti wal fakkeeysuuf itti yaadanii
maqaa Islaamaa waan baafatan nattu fakkaata.
Kuni yaada kiyya. Dogngoruu nin
mala. Waan natti fakkaatu Ammoo Isin biraan gahe. Isinis yaada keessan niin
eega.
Rabbiin balaa gosa hundaa nurraa haa
qabu.
No comments:
Post a Comment