IMAAMUL BUKHAARII (Bara 194-256
Hijiraa)
Maqaan
Isaa Abuu Abdullaah Muhammad binu Ismaa’iil Al-Bukhaarii.
Bar
194 Hijraa Bukhaaraa biyya Khuraasaan je’amtu tan amma Uzbeekistaan je’amtu
keessatti dhalate. Imaamul Bukhaariin Kitaaboota hedduu qaba. Kitaabni Isaa
Sahiihul Bukhaariin Quraanatti aanee warra Sunnaa biratti qulqullinaan
fudhatama. Hadiisa kuma 7 ol walitti qabata. Imaamul Bukhaariin Barsiistoota
kuma 1 olirraa baratee jira. Kitaaba Sahiihul Bukhaarii malee Kitaaba biraa
“Adabul Mufrad” Kan haalaa fii amala gaarii irratti xiyyeefatuu fii Kitaaba “Khalqu
Af’aalul Ibaad” Kitaaba je’amu, akkasumas kitaaboota biraa ni qaba.
Imaamul
Bukhaariin Muslimoota Sunnaa biratti beekkamaadha. Hadiisa Rasuulaa s.a.w
walitti qabuun Muslimootaaf faayidaa guddoo lafa kaayee jirra. Imaamul
Bukhaarii dalagaa Isaa Rabbi irraa haa jaalatu bara 256 Hijraa Khuraasaanitti
du’ee awwaalame.
Aqiidaa Imaamul Bukhaarii [1]
Aqiidaa
Imaamul Bukhaarii beekuuf Sahiihul Bukhaarii Kitaabu Towhiid Laaluun ni gaha.
Hadiisa Sifa Rabbii dubbatu hunda sabachiisee hiikkaa Isaa Osoo hin jijjirre
Salafni akkanatti amana jechuun ibsa.
Aqiidaa
keessatti Imaamul Bukhaariin akki je’e:
“Dhugumatti
warra Sunnaa kan beekkumsa qaban kuma 1 ol qunnamee jira. Biyya adda addaatti
Isaanirraa dhagayee jira. Makka, Madiinaa, Iraaq, Shaam, Misra fii bakka adda
addaatti Isaan dubbisee jira.
Maqaa
ulamaa’oota biyya adda addatti qunnamee keessaa garii eega dubbate booda
“Isaan hundi waan kanaa gadii irratti waliif galanii jiran. Nama tokko
Isaanirraa kan yaada kana keessatti wal dhabe argee hin beeku” jechuun
Aqiidaa Isaanii tarreeysa:
1* Iimaannii/Amantiin jechaa fii
dalagaan argamuu qaba.
2* Qur’aanni Jecha Rabbiiti, waan
guyyaa keessaa uumamee miti.
3* Hamtuu fii Gaariin Rabbirraahi, waan
Inni fedheetu argama.
4* Rabbiin Arshiirratti ol tahee
jira, Uumaa Isaatiin adda bahaadha, akkuma Inni Kitaaba Isaa keessatti ifiin
je’e, akkuma Rasuulli Isaa s.a.w je’etti Ol tahee jira akkaata a gaafachuun
maleetti.
5* Rabbiin Arshiirratti akka Isaan
malutti Ol tahee jira. [2]
6* Warri Amane Rabbii Isaanii guyyaa
Qiyaamaa Jannatatti Ijaan ni ni arguuf, Sagalee Isaa ni dhagayan akka Rabbiin
fedhetti.
7* Ulamaa’iin qunnama san hunda
keessaa nama tokkollee kan Sahaabaa Rasuulaa s.a.w hamtuun kaasu argee hin
beeku.
8* Waan Rasuulli s.a.w itti hin
ajajin, Ifiif hin dalagin Bid’aa hunda irraa dhorgan, ni balaaleefatan.
9* Karaa Sahaabaan Rasuulaa s.a.w
irra turtetti nama yaaman, irratti jajjabaatan.
10* Mootii Islaamaa irratti lola
akka hin banne waliif dhaaman.
11* Namni Quraanni Uumama je’u
Rabbii guddatti kafaree jira, Islaamummaa keessaa bahee jira. Namni Nama san
Osoo beekuu hin kafarsiisne Inninuu Kaafira.
12*Namni Quraanni nuti Qaraanu
uumama je’u Jaahmiyyaadha.
13* Mallattoon warra Bid’aa (warra
karaa irraa jallatee) warra Sunnaa xiqqeeysuu fii maqaa Isaaniif baasuudha.
14* Imaama Islaamaa wajjiin Jihaadaa
fii Hajjii godhuun Dirqama Hanga guyyaa qiyaamaatti. Jihaada godhuun hin
dhaabbatu hanga Qiyaamaatti, Dureewwan Muslimootaa waliin itti fufa, wanni Isa
dhaabu tokko hin jiru.
Jahmiyyaan
warra Sunnaatiin “Mushabbihaa ykn Mujjasimaa” je’aniin. Rabbi uumatti
fakkeeysuu jechuudha.
Raafidaan/Shi’aan warra Sunnaatiin “Naasibaa” je’aniin. Warra
Aliyyii fii maatii Rasuulaa s.a.w jibbu jechuudha.
Garuu
maqaan Isaan baasan kun tokkolleen warra Sunnaatiin hin malu. Isaan maqaa
kanarraa qulqulluudha. Isaan warra Sunnaati.
KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin
falsafaa qulqulluu tahuu Isii beekuun salphaadha. Ulamaa’ii hunda faalleeysanii
kophaa falsafaa ifiif uuman jala deemaa jiran.
Imaamul
Bukhaariin Rabbiin Ol tahe je’a.
Ahbaashiin
ol hin jiru gad hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa ala hin jiru je’an.
Sahaabaa
ni arrabsan.
Iimaanni
guyyaa tokko qofa afaaniin “Laa Ilaaha Illallaahu” jechuudha. San booda
Iimaanni nama saniitiifii Iimaanni Rasuulaa s.a.w wal qixa jechuu Isaaniiti.
Badii fedhe dalagus Iimaanni Isaa guutuudha.
Warri
Bid’aa maqaa namaa baasuun dur eegalte. Imaamul Bukhaariin warri Bid’aa warra
Ahlus-Sunnaatiif maqaa adda addaa baasa jechuun Ibsee jira. Kunoo Ahbaashiin
akkuma Jahmiyyaan Imaamul Bukhaariifaadhaan jettu nuun jechaa jirti.
“Mushabbihaa, Mujjasimaa” sifa Rabbii waan sabachiifneef “Mujassimaa” nuun jetti. Rabbi Uumatti
fakkeeysitan jechuu Isiiti. Jahmiyyaa fii Ahbaashiin takka tahuu Imaamul
Bukhaarii irraa hubannee jirra.
Ahbaashiin
waan Rasuuli s.a.w itti hin ajajin, kan ifiif hin dalagin, kan Sahaabaan hin
dalagin amantiidha jechuun itti jiran. Mowlida, Qabriif qaluu, Awliyaa
yaammachuu fii Shirkiin isaan hambisan hin jirtu.
Imaamul
Bukhaarii jala deemuutu nuuf wayya moo Ahbaashiidha?
Filannoon
tan abbaati!
Abbaan
fedhe Falsafaa filatuu, Abbaan fedhes Sunnaa filachuu dandaha!
<>>>>>>>>><<<<<<<<>>>>>>>>>>>>>>>><<<<<<<<<>>>>>>>>>><>
1. Kitaaba “Sharhu Usuuli I’itaqaadi Ahlus-Sunnaati Wal Jamaa’aa” Fuula
176-179 kan Imaam Hibatullaah binu Zeydi Al-Laalkaa’ii. Imaamu Al-Laalkaa’iin
bara 418 hijiraa du’e. Muhaddisa beekkamaa Baghdaad. Imaamu Zahabiin waa’ee
Isaa hoggaa dubbatu akkana je’e “Inni Imaama Hadiisa hedduu haffaze, Imaama
Qir’aati, Baghdaad akkan warra fayyade keessaa tokko” Siiraa A’almu Nubalaa.
MAASHAA ALLAAH peejiin kun haalaan barumsa nuu kennaa jiraa kittaabbanii fi aqiidaalee addaa addaa akkamitti dowload goona
ReplyDeletemashallah urjii tenya rabbiin bekumsa dinii fi duniyatis sif waliti ha qabuu. bayee nu fayada jirta jazakala rabbiin keyrii duniyaa fi akiratile waliti sif ha qabuu.
ReplyDeletejzkk
ReplyDeleteMasha'allah bayyee barreedadhaa namni karaa Kanna arkatte bekkumsaa hedduu baratee jechuu dhaa hanga tokko garuu karaa pdftti silaa arganee
ReplyDeleteUrjii As Wr wb
ReplyDeleteMasha,allah gaaridha kara salpan nuqaqabunsa bada nutti tala
ReplyDelete