Sunday, 17 November 2013

BILAAL BINU RABAAH



=======ENYUU FAKKEENYI KEENYA?======
===BILAAL BINU RABAAH Mu’azina Rasuulaa s.a.w
Qophiin: Urjii Ahmad
Novomber 6, 2012
=======Dubbisii Share godhi=======
Bilaal haadha Isaa gabrittii gurraattii Hamaamaa Je’amtuu fii Abbaa Isaa Rabaah irraa dhalte.
Makkaatti guddate, Bilaal gabra kaafirticha guddaa Umeyyaa binu Khalaf.
Gaafa Makka keessaan Ifaan Islaamaa ifee yaamichi towhiidaa eegalu Bilaal warra dura awwaate keessaa isa tokko. Nama waa xiqqo warri Isa dura Islaama seene, san keessaa haadha Muslimootaa Kadijaa, Abuu Bakr, Aliyyi binu Abii Xaalib, Ammaar haadhaa fi Abbaa Isaa waliin, Suheybu-Ruumii, Miqdaad binu Al-Aswad.
Bilaal Gabra waan tureef warra Towhiidaaf jecha hadhaa fi roorroo adda addaa dhandhame keessaa kan duraati. Bilaal Karaa Rabbii keessatti hammeenya, jilcha, Adaba, roorroo irra geyse hunda akka seenaan Ilma namaa argitee, dhageysee hin beynetti obse.
Azaabaa fi balaan Bilaal irra gahaa turte hedduudha mee garii isii haa dubbannu.
Umeyyaan binu Khalaf Aduun gammoojjii hoggaa haalaan owwite, hoggaa cirrachi akka dhamala Ibiddaa tahe kan yoo kutaa foonii irra kaayan waadutti dhihaatu, Bilaal irraa huccuu baasan, siibila itti kaayan, san booda cirracha akka dhamalaa nama gubu san keessa ciiphsan. Huccuu guututti irraa yaasanii qaama qullaa cirrachaan waadaa tuman, Rasuula s.a.w arrabsi je’aniin. 
Deebisaan Isaa Ahadun Ahadun …
FOTON TUN BILAALII MITI

Ahadun Ahadun…
Aduu keessa ciphsanii dhagaa guddaa qomarra kaayan, Bilaal garuu Ahadun Ahadun.. (Rabbiin kiyya tokkicha, tokkicha) akka jechuuti.
Azaaba adda addaa itti jijjiran Inni garuu deebiin Isaa Ahadun ahadun….. tokkicha tokkicha ..
Umeyyaan binu Khalaf hoggaa Isa tumuu fi jilchisuu hifate, moorma Isaa haadaan hidhee maraataa fi ijjollee walitti qabee Aduu Makkaa keessaa shorroysaa je’aan. Wanni Adawwiin Rabbii kana hunda godhaniif Isa kafarsiisuu qofaaf osoo hin tahin, namoota biraa kan Islaama tahuu yaadan akka Jilchaa fi roorroo isaanii argee Islaamummaarraa irraa dhaabbatuufi.
Bilaal garuu roorro karaa Rabbii keessatti Isarra geyse akka milkiitti lakkaawee mi’efachaa jecha Isaa bareedaa irra daddeebi’a: Ahadun ahadun Ahadun Ahadun…. Jecha tana daddeebisuu hin hifatu.
Abuu Bakri Isaa akkasitti azzabamu argee Umeyyaa binu Khalaf irraa bitee bilisoomse.
Hoggaa Rasuulaaf s.a.w hijiraan hayyamamte Bilaal r.a gara Madiinaa godaane. Achitti mirga guutuun Rabbii Isaa gabbaruudhaan gammachuu guddoon walitti bahe.
Bilaal Madinaatti Rasuulaaf jiruu isaa hunda kenne, ganama, galgala, guyyaa, Imala sa’aa hundaa, bakka hundatti akka gaaddidutti Rasuula s.a.w waliin jiraate.
Rasuulli s.a.w hoggaa Masjida Ijaare Muslima yaamuuf Azaana namni dura azaane Bilaali.
Gaafa Rasuulli s.a.w Makkatti deebi’e hoggaa Inni Ka’aba ol seenu nama 3 kan wajjiin seene keessaa Bilaal isa tokko.
Warri waliin seenan: Usmaan binu Xalahata furtuu Ka’abaa kan harkaa qabu. Usaamaa Binu Zeydii Jaalallee Rasuula s.a.w . Bilaal binu Rabaah Mu’azina Rasuulaa s.a.w.
Yeroon Salaataa hoggaa geysu Rasuulli s.a.w Bilaal akka Ka’abaa gubbaa ol bahee Azaana sagalee Isaa bareedduu saniin godhee Rabbii Isaa guddisu isa ajaje.
Ka’abaa gubbaa dhaabbatee Azaana hoggaa godhu Muslimoonni hoggaa gammadan gariin Munaafiqaa garaan Isaan gubatee jira. Gabrichi isaan tufatan ka’abaa kabajamtuu gubbaa hoggaa ol bahee azaanu maaliif hin gubanne silaa!!!
Gariin waan kana osoon hin argin silaan du’e je’anii hoggaa du’aaf hawwan, gariin Abbaan kiyya osoo Gabricha Ka’abaa gubbaa ol bahe kan ijaan hin argin baga du’e je’an.
Bilaal Umrii Isaa hanga Rasuulli s.a.w jiru Azaanaafii ture.
Bilaal gaafa Rasuulli s.a.w gama Rabbii isaa godaane, Rasulli s.a.w khafaname ganaa hin awwaalamne sa’an azaana geyse Bilaal azaanatti seene hoggaa “Ash-hadu anna Muhammadan Rasuululllaah” bira gahu jechuu dadhabe, ni hudhame, ni booye, Muslimoonni hundi Isa waliin boyan.
Egasi guyyaa 3 qofa Azaane guyyaa hunda Bakka “Ash-hadu Anna Muhammadan Rasuulullaah” hoggaa gahe ni booya ture. Sababaa sanii If dadhabnaan Khaliifaa Islaamaa Abuu Bakr Irraa hayyama fudhate Madiinaa Rasuulli s.a.w keessa hin jirre taa’uu dadhabatee ifirraa Shaamitti gale.
Bilaal yaamichi nama tokkorraa hin hafne gaafa Isa yaamte gammadaa awwaate, Isaa du’aaf sakaraata keessa jiru jaartiin Isaa moggaa isaa teysee “waa huznaa (way gadda kiyya)” hoggaa jettu Inni ammo “way Gammachuu Tiyya”
“Ghadan Nalqal-Ahibbaa Muhammadan waa sahaba.”
“Boruu jaalalloo qunnamna Muhammadii fii sahabaa isaa”. Jechaa adunyarraa gara akhiiraa gammadaa deema. Bilaal Rabbiin irraa haa jaalatu.
Seenaan Bilaal haasawaa olan nama hin hifachisuu, dubbatanii, katabanii hin dhumu, arraaf hanganatti haa gabaabbannu.

Amma gama rakkoo teenyaa haa dhufnu Rakkoon Islaama sababaa Towhidaa qunnamtu duruma eegalte. Karaa Bilaalii fi Sahaaboota kabajamoo saniiti. Karaan warra Towhiida maa qabattaniif jecha namatti Roorrisuu karaa Abuu Jahalii fii Umeyyaa binu Khalaf tahuun isaatis beekkamadha.
Seenaan Bilaal hanga guyyaa qiyaamatti faarsitu, kan Muslimoonni jaalala Isaaniitiif Ilmaan isaanii maqaa Bilaal moggaasan sababaa Ahadun Ahadun osoo tahee jiru nuti Ahadun ahadun jechurraa maaf dheeysina???
Umeyyaa binu Khalaf seenaan hanga guyyaa qiyaamaatti isa arrabsiti, Kaabineen arra Islaama Itiyoopiyaa keessa balleesuuf qabsaawaa jiran kun karaa jara isaan dura dabree deemaa jiran.
Ilmaan Islaamaa karaa jara lamaanirraa kam filanna???
Ahadun Ahadun, Ahadun Ahadun??? Moo Ahbaashun Ahbaashuun Ahbaashun jenne Ahbaash taana???
Injifannoon tan Islaamaati!!!!

No comments:

Post a Comment