DA’WAA AHBAASHII FII PHEENXEE WAL
FAKKII!!
=PHEENXEE
Kiristaanni prootastaant ykn Pheenxee
jechuun yaamaman Matseetii “El-Shaadaay” je’amu tokko qaban.
Kaayyoon Gazeexaa sanii “Islaamoota
Wangeelaan bira gahuu” jechuun gubbaatti katabamee jira.
Keessa yoo dubbiftan garuu Wangeela
laaqame kan harkaa qaban irraa wanni achii keessatti barreefamu hin jiru. Irra
guddaan da’waa isaanii Muslimoota kiristaana godhuuf jecha Kijiba uumuudha.
Fakkeenyaaf. Namni Muhammad jedhamu
Doktara Islaamaa kan ture Iyyasuus halkan waan itti dhufee dubbiseef Kiristaana tahe. Jechuun seenee dheertuu fuula
lamaa sadii kataban.
Hoggaa fedhan “Intala takka
Mahbuubaa tan je’amtu harargee Baroodaatti Jimaa qam’aa Osoo jirtuu ficaaniif
hoggaa gad baatu sagalee dhageeyse. Hoggaa barbaaddu namni hin jiru “Ani
Iyyasuus” “Ilma waaqayyooti si fayyisuufin dhufe” je’eenii rifattee gama manaa
deebite. Intalti sun Jimaa qam’uu, Farshoo dhuguu, shiishaa aarsuu, freendii
hedduu qabaachurraa kan ka’ee dhukkubni AIDS qabee ture. Iyyasuus dhufee waan
Muhammad (Rasuulli s.a.w) dadhabee fayyisnaan itti amante,..” jechuun waan ragaa
hin qabnee fii sammuun namaa hin fudhanne kana odeeysuun Islaama kafarsiisuu
fedhan.
Kan hundarra na dhibe seenaa intala
Paakistaan takka. Seenaan akkana:
Intala amata 17 tan milli isii
laamshaati. Haadhaa fii abbaan Isii qabaatoo turan. Isiin akka fayyitu Hajjii
fii Umraa geeysanii turan. Garuu Hin fayyine. Qabrii Awliyyaa gurguddaa hunda
geeysan hin fayyine. Gaafa tokko haboo Isii wajjiin kutaa isii keessa teeysee
haasawaa turte. Haboon ficaaniif biraa baate. Iyyasuus itti dhufe. Intala too! Koottu
je’een. Ati eenyu jetten. Ani Waaqayyoo Iyyasuus! Ilma waaqaa tokkicha je’een.
Isiin ani muslimaa maal narraa feeta jetten. Ka’ii dhaabbadhuu si fayyisuufin
dhufe je’een. Ni dhaabbatte. Qaamni laamshaan hin jiru. Gammaddee hoggaa iyyitu
haboon isii ol seente. Haboon Isii gammaddee iyyite. Maaltu si fayyise jettee
gaafatte. Iyyasuus ilma waaqaa jetteen. Jechuun oduu isaa itti fufa.
*****Kijiboota Isaanii
Hajjii fii umraa akka fayyituuf
geeysan je’anii dubbatan. Muslimni Hajjii fii umraa dirqama amantii waan taheef
dhaqa malee dhukkubsataan fayyuuf hin dhaqu. Inumaa namni hajjii dhaqee achitti
du’ulleen ni jira. Kan hajjii dhaqee qilleensa biyya sanii dadhabee
dhukkubsatee hajjjii fixachuu dadhabus ni jira. Akka jarri kijibaan pheenxee je’amu
afuufu san Muslimoonni Hajjii wal’ansaaf hin dhaqan.
Tan biraa Muhammad (Rasuula s.a.w
baananii) fayyisuu dadhabe je’an. Ee Muhammad hin fayyisu. Inni ergamaa
Rabbiiti. Amma akkuma ambiyoota biraa du’ee jira. Ibraahim, Muusaa, Nuuh,
Yusuuf, fi k.k.f hundi du’anii jiran.
Kan biraa Iyyasuus dhufee fayyisee
je’an. Gaazeexaan ammo Wangeela Muslimoota biraan gahuu je’a. Seenaa Iyyasuus
dhufee namoota fayyisuu gubbaatti hin barreeysan. Kana hunda wajjiin Iyyasuus
dhufee hoggaa je’an kijiba guddaa afuufan.
Akka Muslimaa fii Kiristaannilleen
amanuutti Iyyasuus ykn Nabi Iisaan Yeroo qiyaamaan dhiyaatte samiidhaa bu’ee
dhufa. Waan dhufuuf irratti qofa wal dhabna. Isaan Muslimaa fixuuf dhufaa je’an.
Nuti ammoo inni Islaamaa Dajjaal ajjeesee Shari’aa teenyaan jiraatee du’a
jechuu amanna.
Kijibni Isaanii hin dhumu. Intala Islaamaa
tan farshoo fii shiishaan dhamaate Iyyasuus fayyisee je’an. Islaama keessatti
farshoo fii shiishaan haraama. Isaan garuu amantii Islaamaa fakkeeysanii himan.
Hundi oduu isaanii nama sammuu xiqqoo qabuuf hin fudhatamu.
Qabrii awliyaa hedduu geeysanii
fayyuu didde je’an. Qabrii fayyuuf Islaamni dhaqu hin jiru. Qabrii nama jiruuf
du’aa godhuu yoo taate malee fayyaa Isaanirraa barbaaduun aadaa Kiristaanaati
malee Islaamaa miti.
Wangeelli isaan ni barsiisna je’an
laaqamaa akka tahe Muslimni waan hubatuuf , haala kanaan oduu dharaatiin
wallaalaa kafarsiisuudha kaayyoon Isaanii.
=DA’WAA AHBAASHII
Ahbaashiin da’waa akka pheenxee tan
kijibaan guttamte malee godhuu hin beekan.
Ahbaashiin da’waa hoggaa godhan
Quraanaa fii Hadiisa barsiisna jechuun dubbatan. Garuu Haasawa Isaanii keessa
Quraanaa fii hadiisni hin jiru.
Fakkeenyaaf.
“Namichi tokko qabrii Rasuulaa s.a.w
kadhachuuf dhaqee harka Isaatiin qabrii qabate. Harkii Isaa baatii jaha Shittoo
tahee hafe. Saamunaa fii waan adda addaatiin dhiqatus shittoon irraa bahuu
dide. Namichi sun Mowlida godha saniif akkasitti Qabriin shittoo isa dibde.
Wahbiyyaan Kaafira waan taateef Shittoo qabrii sanii hin argan.” Akkana jechaa
oduu dheertuu Kijibaan nama wareeristu itti fufan.
“Gaafa tokko Namichi tokko ni du’e.
ummanni qabrii geeysee lahdii keeysa kaaye. Hoggaa biyyee itti deebifna je’an.
Qabrii bahee barare. Eeysa akka dhaqe hin beekkamu. Achumaan bararee hafe.
Sanuu Oromiyaa Arsii keessatti dubbiin tun argamte.” Jechuun Abdullaahi Hararii
bazabazaa isaa odeeysuu itti fufa.
“Wahbiyyaan tokko Jimmaatti (hoggaa
fedhan Wallaggatti) Madiinaa dhaqee wahbummaa qara’ee dhufe. Abbaan Mowlida
godha ture. Abbaadhaan Mowlidni bid’aadhaa dhiisi je’en. Abbaan qawwee fudhatee
ajjeese. Mootummaan Abbaa qabdee bilisaan gad lakkifte.” Jechuun itti fufan.
“Wahbiyyaan harargee fii Arsiitti
Sheekkootii lubbuun osoo jiranii hallayyaatti darbaa turan. Sheekkootii garii
jiraa awwaalaa turan. Kuni hundi bara 1992 A.l.h booda argame. Kana malees
dubartoonni dubrummaan taa’uun haraama jechuu Harargee fii Arsiitti dhalaa
hunda dubrummaa irraa balleeysan. Tan dubrummaan hafteef hin jirtu Ahbaashii
malee.” Jechuun oduu itti fufan.
“Abdullaahi Hararii eega du’e booda
Ji’arratti mul’atee nutti kofle. Libaanoositti hoggu hedduu ji’arratti argame.
Abdullaahi habashii du’ullee qabrii isaatirraa namni biyyee giraama waa xiqqo
fudhatee mormatti hidhate. Ykn biyyee san mana kaayyatte bakka fedhe jiraatus
waahbiyyaan dura dhaabbachuu hin dandeeysu.” Itti fufa kijibni.
****Kijiba isaanii kan hin dhumne.
*Kiristaanni pheenxee Wangeela je’anii
seenaa ifiif uuman akkuma barsiisan. Ahbaashiis Quraanaa fii hadiisa jette
seenaa ifiif uumte kana barsiisti.
*Sahaabaarraa namni tokkolleen
Rasuula s.a.w osoo jiru harkaan qabatee harkii isaa baatii 6 miti guyyaa 6 kan
shittoo tahe hin jiru. Kijibaan Rasuula s.a.w hin faarsinu. Inni caalaa ilmaan
aadami. Garuu Kijiba akkanaa kanaan Isa faarsuun isa arrabsuudha.
*Qabrii Rasuulaa s.a.w kadhachuuf
dhaqe je’an. Sahaabaan Osoo Inni lubbuun jiruu du’aaii nuuf godhi jechuunii
turan malee Yaa Muhammad! Na fayyisi kan jedheen tokkolleen hin jiru. Osoo
lubbuun jiruu kan hin kadhatamiin eega du’e kadhachuun Isa jaalachuu miti.
Kiristaanatti fakkachuudha.
*Wahbiyyaan sheekkootii hedduu jiraa
ajjeefte je’an. Sanuu Harargee fii Arsiidha. Ani Harargeettiin dhaladhee
guddadhe. Takkaa nama jiraa awwaalame dhagayee hin beeku. Ahbaashis ummata san
maqaa fii ganda isaanii hin dubbatan. Mootummaan yoo akkamitti jiraa nama
awwaaluu kana cal jedhee laale? Arsiis
kijibni kun akka hin jirre Mitkaneefadheetin jira.
Ra’ee jirtuu, lukkuu jirtuu
Ahbaashoonni akka Qoriix Isaaniitiif awwaalan garuu dhageenyee jirra. Sanuu dhukatanii
halkan awwaalan. Ilma namaa akkamitti namni guyyaa aaraa lubbuun osoo jiruu
awwaaluuf mirga argate?
*Namichi qabrii bahee barare kan
biyya Arsii sun adunyaarratti kan duraatiif kan dhumaa tahuu hin oolu.
Sahaabaan takka hanga ammaa hoggaa awwaalan hin bararre. Rasuulli s.a.w
awwaalamee hin bararre. Namichi sun Mowlida waan godhuuf barare. Rasuulli s.a.w
maaf bararuu dhabe?
Kijiba isaanii lakkaawanii fixuun
hin malu.
Ahbaashii fii pheenxeen da’waa
akkanaa tana godhan.
=DA’WAA ISLAAMAA
Islaamni nama amantii Islaamaati ala
jiru tokko amansiisuu yoo fedhe sheekkoo fii oduu kijibaa odeeysuun Isa hin
barbaachisu. Quraana afaan namichi beekuun itti himuun gahaadha. Yoo namni sun
dubbisuu beeka Kitaaba Rabbii afaan Inni beekuun itti kennanii dubbisi jechuun
gahaadha. San booda namichi dubbisee “Kitaaba akkanaa argee hin beeku” jechuun
Islaama seena.
Namoonni Amantii biraarraa Islaama
seenan tokkolleen hanga arraa Rasuulaa s.a.w natti dhufee, Rabbiin Malaaykaa
natti ergee, Jinniin natti dhuftee jechuun hin dubbatan. Wanni Isaan himan “Quraana
dubbiseetin amane” “Nama Muslimaa tokkoon wal agarree waa’ee Amantii Islaamaa
natti hime, kitaana natti kenne, dubbisee amane” “Kaaseeta DR. Zaakir
dhageeyafadhee qorannoon godheen amantii Islaamaa sirri tahuu hubadheetin amane”
akkanatti waan amananiif himan.
Namni seenaa kijibaatiin Islaama
seene tokko barbaadamee hin argamu. Quraana qofa arguun Miliyoonni meeqaatama
amatarraa amana.
Beektoota Kiristaana dura dhaabbatee
amantii Islaamaa Macaafa Qulqulluun wal bira qabanii himaniin kumaatamaan
guyyaarraa namni Islaama seena.
Ahbaashii biratti DR. Zaakir
Kaafira. Pheenxeenis Adunyaarratti Dr. zaakir Caalaa nama jibban hin qaban.
Nama Kiristaana Matsaaf quddusii
dubbiseetin tahe je’u umrii tiyya argee hin beeku, Garuu Iyyasuus argee,
Muziiqaan isaanii natti bareeddee, jinni narraa baatee fii waan akkanaa hedduu
kan odeeysan. Matsaaf Qudusiidhaan namni amane hin argamu. Xalaanni Isaanii
guddaan Islaama garuu Wahbiyyaa jechuun addatti duula bananii itti jiran.
Ahbaashii taane warri je’anis Awliyyaa
manaabaan argee, Rasuula s.a.w manaabaan argee, Abdullaahi hararii Ji’arratti
argee, Maallaqa kiisha guttatee , Jimaa bitaniifii, sihrii itti godhanii
Islaamarraa baasuun Isaanii beekkamaadha. Namni Isaanirraa Quraana Tafsiira
Sheekh Muhammad rashaad Afaan Oromootiin dubbisee Ahbaashii fudhe sin je’u hin
argamu. Kan Aqiidaa Xahawiyyaa sheikh Muhammad Rashaad dubbisee Ahbaashii fudhe
je’u hin argamu. Kan Oduu fii kijibaan Kafare hedduudha. Adawwiin isaanii Warra Quraana fii hadiisa
hordofu Wahbiyyaa je’anii duula itti banuudha.
Akkanatti Ahbaashii fii Pheenxeen
waa hedduun wal fakkaatte. Daw’aan Isaaniitis Kijibaa fii seenaa dharaa qofa
taate.
Kijiba Ahbaashii fii pheenxee irraa
kamtu Sammuu nama fayyaa qabuu seena?
Waan ajaaiba
ReplyDelete