Wednesday, 30 October 2013

DA’WAA AHBAASHII FII PHEENXEE WAL FAKKII!!

DA’WAA AHBAASHII FII PHEENXEE WAL FAKKII!!
=PHEENXEE
Kiristaanni prootastaant ykn Pheenxee jechuun yaamaman Matseetii “El-Shaadaay” je’amu tokko qaban.
Kaayyoon Gazeexaa sanii “Islaamoota Wangeelaan bira gahuu” jechuun gubbaatti katabamee jira.
Keessa yoo dubbiftan garuu Wangeela laaqame kan harkaa qaban irraa wanni achii keessatti barreefamu hin jiru. Irra guddaan da’waa isaanii Muslimoota kiristaana godhuuf jecha Kijiba uumuudha.
Fakkeenyaaf. Namni Muhammad jedhamu Doktara Islaamaa kan ture Iyyasuus halkan waan itti dhufee dubbiseef  Kiristaana tahe. Jechuun seenee dheertuu fuula lamaa sadii kataban.
Hoggaa fedhan “Intala takka Mahbuubaa tan je’amtu harargee Baroodaatti Jimaa qam’aa Osoo jirtuu ficaaniif hoggaa gad baatu sagalee dhageeyse. Hoggaa barbaaddu namni hin jiru “Ani Iyyasuus” “Ilma waaqayyooti si fayyisuufin dhufe” je’eenii rifattee gama manaa deebite. Intalti sun Jimaa qam’uu, Farshoo dhuguu, shiishaa aarsuu, freendii hedduu qabaachurraa kan ka’ee dhukkubni AIDS qabee ture. Iyyasuus dhufee waan Muhammad (Rasuulli s.a.w) dadhabee fayyisnaan itti amante,..” jechuun waan ragaa hin qabnee fii sammuun namaa hin fudhanne kana odeeysuun Islaama kafarsiisuu fedhan.
Kan hundarra na dhibe seenaa intala Paakistaan takka. Seenaan akkana:
Intala amata 17 tan milli isii laamshaati. Haadhaa fii abbaan Isii qabaatoo turan. Isiin akka fayyitu Hajjii fii Umraa geeysanii turan. Garuu Hin fayyine. Qabrii Awliyyaa gurguddaa hunda geeysan hin fayyine. Gaafa tokko haboo Isii wajjiin kutaa isii keessa teeysee haasawaa turte. Haboon ficaaniif biraa baate. Iyyasuus itti dhufe. Intala too! Koottu je’een. Ati eenyu jetten. Ani Waaqayyoo Iyyasuus! Ilma waaqaa tokkicha je’een. Isiin ani muslimaa maal narraa feeta jetten. Ka’ii dhaabbadhuu si fayyisuufin dhufe je’een. Ni dhaabbatte. Qaamni laamshaan hin jiru. Gammaddee hoggaa iyyitu haboon isii ol seente. Haboon Isii gammaddee iyyite. Maaltu si fayyise jettee gaafatte. Iyyasuus ilma waaqaa jetteen. Jechuun oduu isaa itti fufa.
*****Kijiboota Isaanii
Hajjii fii umraa akka fayyituuf geeysan je’anii dubbatan. Muslimni Hajjii fii umraa dirqama amantii waan taheef dhaqa malee dhukkubsataan fayyuuf hin dhaqu. Inumaa namni hajjii dhaqee achitti du’ulleen ni jira. Kan hajjii dhaqee qilleensa biyya sanii dadhabee dhukkubsatee hajjjii fixachuu dadhabus ni jira. Akka jarri kijibaan pheenxee je’amu afuufu san Muslimoonni Hajjii wal’ansaaf hin dhaqan.
Tan biraa Muhammad (Rasuula s.a.w baananii) fayyisuu dadhabe je’an. Ee Muhammad hin fayyisu. Inni ergamaa Rabbiiti. Amma akkuma ambiyoota biraa du’ee jira. Ibraahim, Muusaa, Nuuh, Yusuuf, fi k.k.f hundi du’anii jiran.
Kan biraa Iyyasuus dhufee fayyisee je’an. Gaazeexaan ammo Wangeela Muslimoota biraan gahuu je’a. Seenaa Iyyasuus dhufee namoota fayyisuu gubbaatti hin barreeysan. Kana hunda wajjiin Iyyasuus dhufee hoggaa je’an kijiba guddaa afuufan.
Akka Muslimaa fii Kiristaannilleen amanuutti Iyyasuus ykn Nabi Iisaan Yeroo qiyaamaan dhiyaatte samiidhaa bu’ee dhufa. Waan dhufuuf irratti qofa wal dhabna. Isaan Muslimaa fixuuf dhufaa je’an. Nuti ammoo inni Islaamaa Dajjaal ajjeesee Shari’aa teenyaan jiraatee du’a jechuu amanna.
Kijibni Isaanii hin dhumu. Intala Islaamaa tan farshoo fii shiishaan dhamaate Iyyasuus fayyisee je’an. Islaama keessatti farshoo fii shiishaan haraama. Isaan garuu amantii Islaamaa fakkeeysanii himan. Hundi oduu isaanii nama sammuu xiqqoo qabuuf hin fudhatamu.
Qabrii awliyaa hedduu geeysanii fayyuu didde je’an. Qabrii fayyuuf Islaamni dhaqu hin jiru. Qabrii nama jiruuf du’aa godhuu yoo taate malee fayyaa Isaanirraa barbaaduun aadaa Kiristaanaati malee Islaamaa miti.
Wangeelli isaan ni barsiisna je’an laaqamaa akka tahe Muslimni waan hubatuuf , haala kanaan oduu dharaatiin wallaalaa kafarsiisuudha kaayyoon Isaanii.
=DA’WAA AHBAASHII
Ahbaashiin da’waa akka pheenxee tan kijibaan guttamte malee godhuu hin beekan.
Ahbaashiin da’waa hoggaa godhan Quraanaa fii Hadiisa barsiisna jechuun dubbatan. Garuu Haasawa Isaanii keessa Quraanaa fii hadiisni hin jiru.
Fakkeenyaaf.
“Namichi tokko qabrii Rasuulaa s.a.w kadhachuuf dhaqee harka Isaatiin qabrii qabate. Harkii Isaa baatii jaha Shittoo tahee hafe. Saamunaa fii waan adda addaatiin dhiqatus shittoon irraa bahuu dide. Namichi sun Mowlida godha saniif akkasitti Qabriin shittoo isa dibde. Wahbiyyaan Kaafira waan taateef Shittoo qabrii sanii hin argan.” Akkana jechaa oduu dheertuu Kijibaan nama wareeristu itti fufan.
“Gaafa tokko Namichi tokko ni du’e. ummanni qabrii geeysee lahdii keeysa kaaye. Hoggaa biyyee itti deebifna je’an. Qabrii bahee barare. Eeysa akka dhaqe hin beekkamu. Achumaan bararee hafe. Sanuu Oromiyaa Arsii keessatti dubbiin tun argamte.” Jechuun Abdullaahi Hararii bazabazaa isaa odeeysuu itti fufa.
“Wahbiyyaan tokko Jimmaatti (hoggaa fedhan Wallaggatti) Madiinaa dhaqee wahbummaa qara’ee dhufe. Abbaan Mowlida godha ture. Abbaadhaan Mowlidni bid’aadhaa dhiisi je’en. Abbaan qawwee fudhatee ajjeese. Mootummaan Abbaa qabdee bilisaan gad lakkifte.” Jechuun itti fufan.
“Wahbiyyaan harargee fii Arsiitti Sheekkootii lubbuun osoo jiranii hallayyaatti darbaa turan. Sheekkootii garii jiraa awwaalaa turan. Kuni hundi bara 1992 A.l.h booda argame. Kana malees dubartoonni dubrummaan taa’uun haraama jechuu Harargee fii Arsiitti dhalaa hunda dubrummaa irraa balleeysan. Tan dubrummaan hafteef hin jirtu Ahbaashii malee.” Jechuun oduu itti fufan.
“Abdullaahi Hararii eega du’e booda Ji’arratti mul’atee nutti kofle. Libaanoositti hoggu hedduu ji’arratti argame. Abdullaahi habashii du’ullee qabrii isaatirraa namni biyyee giraama waa xiqqo fudhatee mormatti hidhate. Ykn biyyee san mana kaayyatte bakka fedhe jiraatus waahbiyyaan dura dhaabbachuu hin dandeeysu.” Itti fufa kijibni.
****Kijiba isaanii kan hin dhumne.
*Kiristaanni pheenxee Wangeela je’anii seenaa ifiif uuman akkuma barsiisan. Ahbaashiis Quraanaa fii hadiisa jette seenaa ifiif uumte kana barsiisti.
*Sahaabaarraa namni tokkolleen Rasuula s.a.w osoo jiru harkaan qabatee harkii isaa baatii 6 miti guyyaa 6 kan shittoo tahe hin jiru. Kijibaan Rasuula s.a.w hin faarsinu. Inni caalaa ilmaan aadami. Garuu Kijiba akkanaa kanaan Isa faarsuun isa arrabsuudha.
*Qabrii Rasuulaa s.a.w kadhachuuf dhaqe je’an. Sahaabaan Osoo Inni lubbuun jiruu du’aaii nuuf godhi jechuunii turan malee Yaa Muhammad! Na fayyisi kan jedheen tokkolleen hin jiru. Osoo lubbuun jiruu kan hin kadhatamiin eega du’e kadhachuun Isa jaalachuu miti. Kiristaanatti fakkachuudha.
*Wahbiyyaan sheekkootii hedduu jiraa ajjeefte je’an. Sanuu Harargee fii Arsiidha. Ani Harargeettiin dhaladhee guddadhe. Takkaa nama jiraa awwaalame dhagayee hin beeku. Ahbaashis ummata san maqaa fii ganda isaanii hin dubbatan. Mootummaan yoo akkamitti jiraa nama awwaaluu kana cal jedhee laale?  Arsiis kijibni kun akka hin jirre Mitkaneefadheetin jira.
Ra’ee jirtuu, lukkuu jirtuu Ahbaashoonni akka Qoriix Isaaniitiif awwaalan garuu dhageenyee jirra. Sanuu dhukatanii halkan awwaalan. Ilma namaa akkamitti namni guyyaa aaraa lubbuun osoo jiruu awwaaluuf mirga argate?
*Namichi qabrii bahee barare kan biyya Arsii sun adunyaarratti kan duraatiif kan dhumaa tahuu hin oolu. Sahaabaan takka hanga ammaa hoggaa awwaalan hin bararre. Rasuulli s.a.w awwaalamee hin bararre. Namichi sun Mowlida waan godhuuf barare. Rasuulli s.a.w maaf bararuu dhabe?
Kijiba isaanii lakkaawanii fixuun hin malu.
Ahbaashii fii pheenxeen da’waa akkanaa tana godhan.
=DA’WAA ISLAAMAA
Islaamni nama amantii Islaamaati ala jiru tokko amansiisuu yoo fedhe sheekkoo fii oduu kijibaa odeeysuun Isa hin barbaachisu. Quraana afaan namichi beekuun itti himuun gahaadha. Yoo namni sun dubbisuu beeka Kitaaba Rabbii afaan Inni beekuun itti kennanii dubbisi jechuun gahaadha. San booda namichi dubbisee “Kitaaba akkanaa argee hin beeku” jechuun Islaama seena.
Namoonni Amantii biraarraa Islaama seenan tokkolleen hanga arraa Rasuulaa s.a.w natti dhufee, Rabbiin Malaaykaa natti ergee, Jinniin natti dhuftee jechuun hin dubbatan. Wanni Isaan himan “Quraana dubbiseetin amane” “Nama Muslimaa tokkoon wal agarree waa’ee Amantii Islaamaa natti hime, kitaana natti kenne, dubbisee amane” “Kaaseeta DR. Zaakir dhageeyafadhee qorannoon godheen amantii Islaamaa sirri tahuu hubadheetin amane” akkanatti waan amananiif himan.
Namni seenaa kijibaatiin Islaama seene tokko barbaadamee hin argamu. Quraana qofa arguun Miliyoonni meeqaatama amatarraa amana.
Beektoota Kiristaana dura dhaabbatee amantii Islaamaa Macaafa Qulqulluun wal bira qabanii himaniin kumaatamaan guyyaarraa namni Islaama seena.
Ahbaashii biratti DR. Zaakir Kaafira. Pheenxeenis Adunyaarratti Dr. zaakir Caalaa nama jibban hin qaban.
Nama Kiristaana Matsaaf quddusii dubbiseetin tahe je’u umrii tiyya argee hin beeku, Garuu Iyyasuus argee, Muziiqaan isaanii natti bareeddee, jinni narraa baatee fii waan akkanaa hedduu kan odeeysan. Matsaaf Qudusiidhaan namni amane hin argamu. Xalaanni Isaanii guddaan Islaama garuu Wahbiyyaa jechuun addatti duula bananii itti jiran.
Ahbaashii taane warri je’anis Awliyyaa manaabaan argee, Rasuula s.a.w manaabaan argee, Abdullaahi hararii Ji’arratti argee, Maallaqa kiisha guttatee , Jimaa bitaniifii, sihrii itti godhanii Islaamarraa baasuun Isaanii beekkamaadha. Namni Isaanirraa Quraana Tafsiira Sheekh Muhammad rashaad Afaan Oromootiin dubbisee Ahbaashii fudhe sin je’u hin argamu. Kan Aqiidaa Xahawiyyaa sheikh Muhammad Rashaad dubbisee Ahbaashii fudhe je’u hin argamu. Kan Oduu fii kijibaan Kafare hedduudha.  Adawwiin isaanii Warra Quraana fii hadiisa hordofu Wahbiyyaa je’anii duula itti banuudha.
Akkanatti Ahbaashii fii Pheenxeen waa hedduun wal fakkaatte. Daw’aan Isaaniitis Kijibaa fii seenaa dharaa qofa taate.
Kijiba Ahbaashii fii pheenxee irraa kamtu Sammuu nama fayyaa qabuu seena?

Sunday, 27 October 2013

TOWHIIDA JECHUUN MAALI?

TOWHIIDA JECHUUN MAALI?
Urjii Ahmad
Towhiida Jechuun Ibaadaan Rabbi tokkichoomsuu, dalagaa Isaatiin Rabbi tokkichoomsu, Maqaa fii sifa Zaata isaatiin Rabbi tokkichoomsuudha.

*Ibaadaan tokkichoomsuu hoggaa jennu Ibaadaa akka salaataa, du'aaii ykn kadhaa, gargaarsa barbaaduu, dirmachuu barbaaduu fii qodhaa godhuu k.k.f hunda Isa qofaaf godhuudha.
* Dalagaa Isaatiin Rabbi tokkichoomnsuu jechuun dalagaa Rabbii tan akka uumuu, ajjeesuu, kaasuu, adunyaa tana garagaggalchuu, Razaquu, fi k.k.f hunda Rabbi qofaaf tokkichoomsuudha. Wanni biraa kan kana godhuu dandahu hin jiru jechuun amanuudha.
* Maqaa fii Sifa Isaatiin Rabbi tokkichoomsuun Maqaa Rabbiin ifiin yaamee fi Rasuulli s.a.w Isaan yaame hunda Isa qofaaf godhuudha. Akkasuma Sifa Rabbiin ifiin yaamee fii Rasuulli s.a.w Isaan yaame isa qofaaf sabachiisuudha, kan hin fakkeeysine, kan hin dinne, kan akkaataa isii hin dubbanne.
Fakkeenyaaf Maqaa fii Sifa Rabbii tan akka Rahmaan, Rahiim, Waduud, Isa qofaaf malee waan biraatiif kennuu dhabuudha. Sifa Rabbii tan akka Jaalachuu, Dubbachuu, arguu, Ol tahuu, Arshiirratti ol tahuu, Harka qabaaachuu, Qur'aana Inni sagaleen dubbachuu Isaa fi k.k.f hunda Akka Isaan malutti kan hin fakkeeysine, kan hin dinne, kan hikkaa hin jijjirre, kan akkaataa isii hin dubbanne Isaaf sabachiisuu fii Isa qofaaf godhuun Towhiida maqaa fii sifa Rabbii je'ama.
................

Towhiida akka armaan olitti ibsame kanatti namni hundi haffazee beekuun dirqama Isaati. Haala kanaan amanuun dirqama hunda keenyaati.

Saturday, 26 October 2013

IMAAMU TIRMIIZII (Bara 209-279 Hijiraa)


   IMAAMU TIRMIIZII (Bara 209-279 Hijiraa)
Maqaan Isaa guutuun Abuu Iisaa Muhammad binu Iisaa At-Tirmiiziidha. Bara 209 Hijiraa bakka Tirmiiz je’amtu tan amma Uzbeekistaan keessatti argamtutti dhalate. Bara 279 Hijira du’e. Ulamaa’ii Hadiisa Haffazanii walitti qaban keessaa tokko. Kitaaba “Jaami’ii At-Tirimiizii” ja’amu kan Sunan At-Tirmiizii Jechuun beekkamu keessatti Hadiisa Rasuulaa s.a.w walitti qabee jira. Akkasumas Kitaaba “Shamaa’ilul Muhammadiyyaah” je’amu keessatti Hadiisa Sifa Rasuulaa fii Jiruu Isaa akkaataa itti jiraate himu walitti qabee jira. Namni Rasuulli s.a.w maal fakkaataa bifa Isaa baruu fedhe Kitaaba Shamaa’ilul Muhammadiyyaa dubbisuu qaba. 
  Aqiidaa Imaamu At-Tirmiizii 

Imaamu Tirmiziin Aqiidaa irratti xiyyeefatee Kitaaba barreeysuu baatus kitaaba Isaa kan Sunan At-Tirmiizii je’amu keessatti Aqiidaa isaa Ibsee jira.
Imaamu Tirmiziin akkana je’a:
1.    “Sahaabaan Rasuulaa s.a.w waan takkallee ibaadaarraa dhiisuu Isaa kufriitti hin laalan, Salaata dhiisuu malee.”[1]

2.    Abuu Mus’aab Al-Madiinii irraa odeeysee waa’ee Iimaanaa hoggaa Ibsu akkana je’e : “Namni Iimaanni jecha afaanii qofa je’u Towbaa godhuu qaba, yoo dide Mormi irraa darbamuu qaba.”[2]

3.    Sifa Rabbii Ilaalchisee akkana je’a“Hadiisni waa’ee sifa Rabbii dubbatu kan akka Halkan hunda gama boodaa gad bu’uu Rabbii, Harkaa fii sifa biroollee sabachiisuu fii itti amanuun Aqiidaa warra Sunnaati. Akkamitti? jechuun hin taatu. Imaam Maalik, Sufiyaan Binu Uweeynaa fii Abdullaahi Binu Mubaarak ‘Hadiisa Sifa Rabbii dubbattu akkuma dhuftetti sabachiisaa bira dabraa, akkaataan maleetti.’ Je’an. Kuni Aqiidaa warra beekkumsa qabuu tan warra Ahlusunnaa wal jamaa’aati.

“Ammoo Jahmiyyaan Hadiisa waa’ee sifaa dubbatu kana ni didan. ‘Fakkeeysuudha’ je’an.”

“Rabbiin Qur’aana Isaa keessatti bakka heddutti Harka Isaa, Dhagayuu fii Arguu Isaa dubbatee jira. Jaahmiyyaan Aayaatoota kana hunda karaa ifiif feetetti hiikuudhaan Ulamaa’ii Islaamaa khallaftee jirti. Jaahmiyyaan ‘Rabbiin harka hin qabu garuu Harka jechuun dandeetti jechuu Isaati’.” Ja’an.

“Is’haaq Binu Ibraahim akki je’e: ‘Fakkeeysuu jechuun yoo Harki Rabbii akka harka kiyyaati je’e, ykn Harka kiyya fakkatti je’e, Argaan kiyya kan akka Rabbiiti je’e, dhageeytiin tiyya tan akka Rabbiiti je’e hoggaa san fakkeeysee jira. Garuu Yoo akka Rabbiin ifiin je’e qofa je’e Harka, Argaa, Dhageeytii, kan akkaataa hin dubbanne, kan akka kiyyaati yoo hin jenne kuni Fakkeeysuu hin je’amu’.”[3]


KIJIBA AHBAASHII
Ahbaashiin Jahmiyyaa tahuu Isii Imaamu Tirmiziin addeeysee jira. Ahbaashiin Kijibduun Ahlusunnaa Suufii ifiin jetti. Imaamu Tirmiziin Ahlusunnaa malee Ahlusunnaa suufii Jahmiyyaa tahuu isii himee jira.
1.    Ahbaashiin Rabbiin Harka hin qabu, Harka jechuun dandeetti jechuudha jechuun hoggaa hiikan Jahmiyyaarraa akka fudhatan ragaadha.
2.    Iimaanni Afaaniin guyyaa tokko dubbachuu qofa. San booda haraama feete daleeydus Abu Bakar Siddiq fi Umar wajjiin Iimaanni keessan wal qixa.
3.    Imaamu Tirmiziin namni Salaata dhiise Sahaabaa Rasuulaa s.a.w biratti akka Kaafiratti laallaman je’e. Ahbaashiin ammoo namni guyyaa tokko “Laa Ilaaha Illallaah” Afaaniin je’e Salaata dhiisu, Shirkii dalagu, Qabriif qalu, Soomanaa fi Zakaa dhiisu Iimaanni Isaa guutuudha. Iimaanni nama hundaa wal qixa je’an. Imaanni hin irratu, hin dabalu. Wal qixa.
Falsafaan Ahbaashii Ahlusunnaa wajjiin wal hin himtu. Samii fii dachii adda fagoodha.
Falsafaa Ahbaashii tana Qawwee fii gargaarsi Yahuudaa yoo bira hin jiraanne namni 2 jala hin deemu. Kanaaf qawween Mootummaan bira dhaabbatti.
Rabbiin Falsafaa Jalloo Ahbaashii jalaa ummata Muslimaa nagaya haa baasu.
<>>>>>>>>><<<<<<<<>>>>>>>>>>>>>>>><<<<<<<<<>>>>>>>>>><>


1.  Sunana Titmizii Hadiisa:2622
2.  Hadiisa: 2622
3. Kitaaba dura dubbatame Hadiisa: 661