Thursday, 10 October 2013

KOFOLEEF ASAASAA MAGAALAA SHAHIIDEE

KOFOLEEF ASAASAA MAGAALAA SHAHIIDEE
Urjii Ahmad
Kofoleef Asaasaan magaalaa shahiidee
Sodaa warra hin qabne Islaamni tuqamee

Muslima Ajjeesee Waraanni wayyaanee
Yaa Rabbi ni garta Adwwii nu marsee
Maqaa nu balleeysa ifiif nutti duulee
Ashabbaarii je'ee EtVn lallabee
Badii takka hin qabnu Islaamummaa malee
Ahbaashii maa diddaaf qawwee nutti duule.

Yaa Rabbii nu tumsi Adawwiin nu marse
Qawween kafasiisuuf Masjidatti duulee
Hedduudha ajjeese waraanni wayyaanee

Yaa Rabbii qeebalii Shahiidoota waliin
Jannataan bohaarsi Sahaaboota waliin
Ahbaashii hin taanu akkanumaa waliin
Shahiiduuf qophiidha hundi keenya waliin
Hanga dhumee dabrutti hundi keenya waliin
Ahbaashii hin taanu dhumuuf qophii taraan

2 comments:

  1. bismillah ASSALAA MA'ALAYKUM WARAHAMATULLAH YAA UMMATA MUSLIMAA BAHAA FI LIATTI ARGAMTAN BIFA ISINII DANDA'AMEEN OSOO NU GARGARTANII MANAA BAANEE ADAAMSAAF WAAN KARAA BUUNEEF ?

    ReplyDelete
  2. KARAA KAMIIN AKKA GOODANUU NU HARKAA BADDEEE JIRTI YAA OBBOLEESSA AKIRAAA KARAA ISINII DANDA;AMEEN NU GARGAARAA

    ReplyDelete