Sunday, 13 October 2013

Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?



Ahbaash enyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?
Ahbaash warri inni wahbiyyaa je’uun nama waan isaan je’an guututti hin fudhanne hunda. Fedhu Ulamaa’ii, fedhu Jaahila haa tahu waan Isaanii fudhachuu baannaan Wahbiyyaa je’aniin. Mee akka fakkenyatti warra Ahbaashiin Wahbii jettuun kuni Enyu?
Adawwii Isaanii guddaan eenyu?
1. Tokkummaa Islaamatti namni nama yaamu Wahbiidha.
2. Mirga ifii gaafatuun Wahbiidha.
3. Dubartiin Hijaaba jabeessuun Wahbiidha.
4. Walgahii Isaanii irratti gaafii guddisuun Wahbiidha.
5. Ulamaa’ii gurguddo adunyaa kabajuu fii arrabsuu dhabuun Wahbiidha.
6. Najjaashiin Islaamawuu Isaa amanun Wahbiidha.
7. Towhiida baruu fii barsiisuun wahbiidha,
8. Leenjii Isaanii yoo hin fudhatin Wahbidha.
Waan akkanaa kana hedduu lakkaawan. Jara bazabazaa jettin adareen Harar.
Ummata afaanii fii dalagaan isaan ajjoytu Ahbaashii malee hin agarre.
I. Wahbiyyaan waan balleesite ni beytuu?
1. Bishaan ummanni dhugu birkaa (tankara) magaalaa gurguddoo keessatti summii naquu.
2. Daa’imaa fii dubartii ajjeesuu.
3. Masjidaa fii Beta kiristaana (charchii) guubuu.
4. Ulamaa’ii qaluu.
5. Nama du’e qabrii baasanii gubuu.
Yaa Ummata Islaamaa! biyya teenya tana keessatti dubbii tana argitanii? Ani argee, dhagayee hin beeku.
ETVn kijibaan beekkamalleen dubbii tana himee hin beeku.
Naannoon ani jiru kana kiristaanaa fii Islaamni ni jira, Masjidaa fii Charchii Wahbii ummanni je’amu yeroo gubu argee dhagayee hin beeku isin yoo???
II. Mootummaan yoo Wahbii akkamitti ibsa?
1. Masjida hedduu ijaaruu.
2. Madrasaa hedduu ijaaruu.
3. Salaata 5 salaataa jechuun misooma boodatti aansuu.
4. Dubartoonni hijaabaa fii niqaaba akka ufatan godhuudhaaan aadaa Arabaa biyya keessa facaasuu.
5. Dargaggoota barnoota adunyaa qofa hin baratinaa jechuun gama barnoota amantii yaamuu.
6. Moobayila keessatti manzuumaa ring toonii (hogga yaamtu) godhachuu.
7. Jihaada kitaaba keessatti barsiisuu.
8. Seera mootummaa Islaamaatiin bulchuuf yaaduu.
9. Hojjataan mootummaa masjidatti daddebi’aa oluu fi k.k.f.
Yaa ummata Islaamaa! wanni badii tahee ibsamaa jiru irra hedduun waanuma shari’aan dhufteeni.
Mootummaa Islaamaa dhaabuuf yaaduu hoggaa je’an sammuun yaaduu fii dhiisuu erga taate seera kamtu dhorga?
Waan sammuun namni yaadu akkamitti beekuu dandahan?
Wanni nama ajaa’ibu mootummaan waan asi olitti lakkaawame kana yakka yoo kan jedhu tahe, Islaama akkam fedhan yaa dhiiroo?
Kan salaata 5 salaatutti nama hin yaamne?
Kan hijaaba ufatutti nama hin yaamne?
Kan barnoota Islaamatti nama hin yaamne?
Duuba kuni maali ? Islaamaa?
Mootummaan yaada akkanaa kana galmaan gahuuf dawaan Ahbaashii tahuu amana. Ahbaashii malee firqaan Islaamaa takkalleen waan faallaa kanatti nama hin yaamtu.
Ahbaashiin maal barsiisti?
Wahbiyyaa akkamitti akka itti balleesan qofa.
Ahbaashiin kanaaf yaamamee dhufe. Ajaa’iba nama godha. Garuu waan zamanni irraa dabre natti fakkata. Ummanni Islaamaa dammaqee jira. Ifaa towhiidaa ibsatee jira. Dukkanatti deebi’uuf qophii miti.
Adawwiin Islaamaa hangana nuuf yaadaa jiran. Gonkumaahu galma hin gahu Inshaallaah.
Injifannoon tan Islaamaati!!!

No comments:

Post a Comment