Monday, 7 October 2013

JAALALA RASUULAA S.A.W FII KIJIBA AHBAASHII

JAALALA RASUULAA S.A.W FII KIJIBA AHBAASHII
Urjii Ahmad
Sheer godhuun waliif Raabsaa!!
Dura wanni beekuu qabnu Rasuula s.a.w jaalachuun Islaama keessatti waan filannoo qabuu miti. Rasuula s.a.w jaalachuun Arkaana (Utubaa) Islaamaa fi Arkaana Iimaanaatti amanuudha. Namni Arkaana Islaamaa fii Arkaana Iimaanaa keessaa tokko jibbe Muslima hin tahu, Inni kaafira.
Rasuula s.a.w jaalachuun dirqama amantii Rabbii keessatti. Isa jala deemuun dirqama, Isaaf tumsuun dirqama, lubbuu ifii caalaa Rasuula s.a.w jaalachuun dirqama malee filannoo miti.
Ahbaashiin akkuma amma dura Isiniif himaa ture kijiba malee jiraachuun Isaaniif akka waan haraamaati. Yoo fedhan kaafira, Yoo fedhan wahbiyyaa, yoo fedhan khawaarijaa, yoo fedhan warra Rasuula s.a.w jibbu, warra Jihaadaa, waanuma fedhe haa tahuu dhugaas tahee kijiba dubbatanii Islaama adda facaasuudha kaayyoon Isaanii.
Jaalala Rabbii fii Rasuulaa s.a.w wanni caalu tokko hin jiru, lubbuu ifii, hadhaa fii abbaa, ilmaanii fii Adunyaa guuturra Rabbii fii Rasuula s.a.w jaalatan malee Iimaanni namaa hin guuttamu.
Gaafa tokko Umar binu Al-khaxxaab Rabbi irraa haa jaalatu Rasuulaan s.a.w “waan hunda caalaan si jaaladha, lubbuu too malee je’en.’ Rasuulli s.a.w “Lakkii! Yaa Umar hin amanne hanga lubbuu tee caalaa na jaalatuu” je’en. Umaris Rabbi irraa haa jaalatuu “yaa Rasuula s.a.w ati amma lubbuu tiyya caalaa jaalatamaadha” je’en. Rasuulli s.a.w “Amma yaa Umar! (Iimaanni kee guuttame)” je’een.
Hadiisa biraa keessatti Rasuulli s.a.w “tokkoon keessan hin amanu, hanga ani abbaa fii haadha isaarra, Ilmaan Isaarra akkasumas Ilmaan namaa cufarra gama Isaatti jaalatamaa tahuu.” Ja’an.
Jaalala Afaanii hin baanu Rasuulli s.a.w hadiisa dabarsine lamaan keessatti.
Namni Rasuula s.a.w nin jaaladha je’u, Jaalalti sun waan Isarratti dirqama gootuutu jira.
Sanirraa:
1. Rabbii fii Rasuula s.a.w waan ajajan guututti fudhachuun hojirra olchuu, waan irraa dhorgan irraa dhorgamuudha. Rabbiin warra Rabbi jaalanna je’u hundaan Rasuula s.a.w jala deemuutu na jaalachuudha je’ee jira.
“Yaa Ergamaa kiyya Muhammad! Wanni orma mu’minaatiin jettu, yoo kan Rabbi jaalattan taatan, na jala deemaa, karaan an dhufeen qabadhaa, Gaafas Rabbiin Isin jaalataa, dilii teessan hunda Isinif araarama.” Al-Imraan, Ayaata 31.
Kanaaf namni Rabbii fi Rasuula s.a.w nin jaaladhaa himatu Aayaata tana dhaabbatee haa laalu.!
Falsafaa ifiif uumanii jala deemuun Rasuula s.a.w jala deemu hin taatu.
2. Quraana jaalachuu fii jala deemuu qaba. Ayyoon teenya A’ishaa (RIH) haala Rasuulaa s.a.w irraa gaafatamtee “Haalli Isaa Quraana ture” jechuun deebiste. Rasuulli s.a.w Quraana lafarra deemu ture. Bakka Inni ajaje hunda dalagaa, bakka irraa dhorgerraa dhorgamaa namas dhorgaa ture. Quraana khallafee hin beeku.
3. Yeroo hunda Zikrii guddisuudha afaanii fii qalbiin. Kunis mallatoo jaalala Rabbii fi Rasuulaati s.a.w. Namni waan jaalatu hin dagatu.
4. Lubbuu ifii fi haadhaa abbaa caalaa Rabbii fi Rasuula s.aw jaalachuu qaba.
5. Inni Ergamaa Ilmaan namaa hunda tahuu amanuu qaba. Rasuulli s.a.w Muslimoota qofaaf osoo hin taane jinni fii ilma namaa hunda hanga guyyaa qiyaamaatti itti ergamee jira.
6. Rasuula s.a.w arguuf hawwiidha, saniif Rabbitti booyuudha akka Rasuulaa s.a.w wajjiin tahuuf (guyyaa qiyaamaa).
7. Sunnaa Isaatiif tumsuu, itti dalaguu, Sunnaa Isaa facaasuu, hamtuu irraa deebisuu, Karaa Isaa keessatti jihaada godhuu qaba.
8. Salawaata Isarratti buusuu guddisuu qaba, yeroo hunda.
9. Akhlaaqa (haala) Isaa qabaachuuf yaaluu qaba.
10. Sahaabaa fii Maatii Isaa (Ahlul beytii) jaalachuu qaba. Isaan nama hamtuun kaasu dura dhaabbate haqa Isaan qaban ibsuu qaba.
11. Seenaa Rasuulaa s.a.w (siiraa) akkaan jala deemee dubbisuu jaalachuun mallattoo jaalala Rasuulaa s.a.w.
Obboleyyan kuni Mallatoo jaalala Rasuulaa s.a.w hoggaa tahu, Irra guddaan muslimaa qaphxiilee kaafne kana keessaa hanguma Iimaanaan wal caaluun itti dalaga. Muslimni hundi jaalala Rasuulaa s.a.w keessatti tokkoo miti wal caalan. Abubakar As-siddiiq sahaabaa hunda caalaa nama Rasuula s.a.w jaalatu ture. Sahaabaan hundi jaalala Rasuulaa s.a.w ni qaban, garuu hanga Abubakar kan Rasuula s.a.w jaalatu hin jiru. Akkasuma ammas namni hundi wal qixaa miti akkuma Iimaanni namaa wal caaluun jaalalli Rasuulaaf qaban wal caala.
Kanaaf Muslimni hundi Rasuula s.a.w ni jaalata yoo xiqqoollee kan hin jaalanne tahe, Ergamaa Rabbii tahuu hin amanne jechuudha, namni Isatti hin amanin kaafira je’ama. Rasuula s.a.w namni jaalatu hundi Muslima jechuunis hin taatu, Namni firummaaf Isa jaalatu kan akka Abuu Xaalib Muslimaa miti. Akkasuma Kaafirri hedduun yeroo siiraa Isaa dubbisan Mootiin akka Muhammad hin argamne jechuun akka nama mootii tokkotti Isa jaalatan jarri kunis Kaafira. Garuu Ergamaa Rabbii s.a.w waan taheef Isa jaalatee kan itti amaneetu Muslima dhugaati.
====Ahbaashiin Jaalala Rasuulaa s.a.w akkamitti beekan?
1. Rasuula s.a.w ni jaalanna jechuun Isuma akka Rabbiitti gabbaruudha jaalala jechuun, fkn Rooba Roobsuuf, dhukkuba fayyisuuf, lola biyyarraa deebisuuf Rasuula s.a.w kadhadhaa je’an.
2. Rasuula s.a.w jaalanna jechuun Ahbaashii biratti maqaa Isaatiin Mowlida godhanii shubbisuun dirqama. Yoo akkas hin goone Rasuula s.a.w hin jaalattu sin je’an. Abubakar As-siddiiq Mowlida waan hin godhiniif Rasuula s.a.w hin jaalatu jechuudha akka Isaan jedhan kanatti.
3. Maqaa Rasuulaatiin zikrii je’anii dhalaa fi dhirri Madraka gubbaa bahanii wallisuu fi dannasuudha qaban. Sunis zikrii je’ama.
4. Ajaja Rasuulaa s.a.w fudhattee fii dhiiftee amatatti guyyaa muraasa Markazaa Isaanii dheyxee wajjiin caffarraan ati Rasuula s.a.w haalaan jaalatta jechuudha.
5. Hadiisa Rasuulaa s.a.w kan Bukhaarii fi Muslim keessa jiru Muslimoonni Adunyaa hundi qeebaluurratti waliif galan ahbaashiin hadiisa fedhii Isii jalaa xuqu hin fudhattu.
6. Quraana qara’uu caalaa daansii (shubbisa) godhuutu Isaan jaalachiisa.
Ahbaashii haala kanaa fi kana fakkaatu keessa teessee wanni nun jettu, Isin Rasuula s.a.w hin jaalattan jechuun kijiba afuufuudha.
****** Ahbaashii fii Kiristaanni wal fakkii!
Kiristaanni (Iyasuus) Iisaa Ilma Mayam, Gabreelii (Jibriil), Maariyaamii (Maryam), Mikaa’iil akka Isaan uumaa Rabbii tahan ni amanan garuu Isaan kana ni khadhatan, Roobaa fi qabeenyas Rabbirraa nuuf fidaa je’anii Isaaniif qalan, Isaaniif silata godhan. Muslimni garuu, Malaaykaa Rabbii ni jaalatan, Maryam ni jaalatan, Iisaa Ilma Maryam ni jaalatan. Garuu Isaan hin kadhatan.
Kiristaanni yoo Iisaa hin jaalattan, Maryam hin jaalattan nun je’an nama ni ajaa’ibaa?!
Kanaaf Ahbaashiin Rasuula s.a.w hin jaalattan hoggaa je’an akkuma kiristaanni Iisaa Ilma maryam hin jaalattu siin je’eetti lakkaawi, hin gabbartan jechuudha itti fedhan.
**********Shi’aa fii Ahbaashiin wal fakkii!
Shii’aan ummata kijibaa akka Ahbaashii tokko. Isaan nuti warra mana Rasuulaa s.a.w (Ahlul beytii) ni jaalanna je’anii Isaanuma gabbaruutti seenan. Jaalala jechuun Isaan biratti Aliyyi binu Abii Xaalib, Ilmaan Isaa Husseen fi Hassan akka Rabbitti gabbaruudha. Rooba, Rizqii, balaa deebisuu kan dandahu Isaan biratti Aliyyii fii Ilmaan Isaati. Jarri kijibaan shii’aa kun warra Sunnaa hoggaa arrabsan Ahlul Beytii (maatii Rasuulaa s.a.w) hin jaalattan nun ja’an. Garuu kunis kijiba akka Ahbaashii sani, warri Sunnaa maatii Rasuulaa s.a.w (Ahlul Beytii) ni jaalatan garuu Isaan hin gabbaran.
Shii’aan yoo ati Rasuula s.a.w hin jaalattu sin je’an hin rifatin. Isaan hin gabbartuu jechuu itti fedhan.
Ahbaashiin Rasuula s.a.w warra hin jaalanne yoo je’an, warra Rasuula s.a.w hin gabbarre jechuu itti fedhan.
Falsafaan Ahbaashii tan jaalala Rasuulaa tana fakkaatti. Isa gabbaruu fi Isa jaalachuu maaltu walitti fide?
Rabbiin warra maqaa Jaalalaatiin Shirkii dalagu kanarraa nu haa baraaru.
Tana kunoo Ahlusunnaa Suufiyyaan Mallas nuuf fide.
Rabbiin mala Isaan baasan kana fashalee kunoo arra namni Ahbaashii dhagayuu didee jira.
Injifannoon tan Islaamaati!
Allaahu Akbar!
........................................................................................
Maddi: Kitaaba Kiyya "Qalama Sunnaah kan Ahbaashii Saaxile" Fuula: 58-62, bara 2013

No comments:

Post a Comment