Thursday, 10 October 2013

JEYNOONNI BAKKA JIRAN SHAHIIDUMMAAN NI JIRTI.

JEYNOONNI BAKKA JIRAN SHAHIIDUMMAAN NI JIRTI.
Urjii Ahmad

Sahaabaan Rasuulaa s.a.w hundi Jeynoota turan. Shahiidummaan Isaaniin eegalte.
Jeynummaan jiraachuu baattu harka kennuutu jira. Kafaruutu jira. Jeynummaan yoo hin jiraanne Munaafiqa tahuutu dhufa. Jeynummaan yoo hin jiraanne Ahbaashii tahuutu dhufa. Jeynummaan yoo hin jiraanne Shahiidummaan hin jirtu. Namni harka kenne, Namni kafare, Namni Munaafiqa tahe, Namni Ahbaashii tahe hoggaa akkam Shahiidee taha?!
Namni Akkasii sun Adawwii hin qabu. Adawwiin Islaamaa hundi fira Isaati. Jiruu dharaa waan jiraatuuf haala yeroo fakkaatee akka gaararraatti jijjiramaa jiraata. Sun aadaa Muslimaati miti!

Seenaa Sahaabaa haa laallu. Sumeeyyaan Jeyna Turte kanaaf hunda dura Shahiidee taate. Kafaruu fii harka kennuu didde. Haala yeroo fakkaachaa Osoo jijjiiramte Shahiidee hin taatu ture.
Akkasuma Sahaabaan hundi. Akkasuma warri Sahaabaa booda. Akkasuma muslimoonni Rabbitti amanan hundi kafaruu waan didaniif ni ajjeefaman.
Ajjeefamnaan Shahiidee tahan. Akka gaararraatti haala yeroo wajjiin osoo jijjiraman hin ajjeefaman, Yoo Ajjeefamuu baatan Shahiidee hin tahan ture.


Akkasuma Muslimoonni Asaasaa, Akkasuma Muslimoonni Garbaa, Akkasuma Muslimoonni Kofolee. Kafaruu didan. Jeynummaa qaban. Muslimni Hoggaa hunda jeyna. Amantii Isaa irraa boodatti hin deebi'u. Qawween dhuftu hin sodaatu. Ajjeefamee Shahiidee taha.
Kofolee Jeynaatu Jira, warra Islaama dhugaan qabatee jirra, warra Kafaruuf qophii hin tahintu jira, Warra Ahbaashii tahuu caalaa ajjeefamuu filatuu jira. Warra Rabbii fii Rasuula s.a.w jaalatuuu jira. Yoo kun Jiraate Shahiidummaan ni jirti. Warri dhugaa waan Haqa harkaa qabaniif hidhaa fii Ajjeechaan karaa haqaa keessatti Isaan qunnamu Isaan gammachiisa. Hin Gaddan! Gammadaa Rabbii qunnaman.

Kofoleen Osoo kafarte, Ahbaashii osoo taate, Islaamaa osoo dhifte, Dhalaan kofoo uffachuu qabdi osoo jette, Osoo farshoon halaali jette, osoo Qabrii gabbaruun ni taha jette Shahiidummaan eysaa Isaan dhaqqabdi?! Silaa akkas je'an Mootummaan Wayyaanee ETV dhaan Isaan dhiheeysee Isaan faarsa. Osoo Amantii Isaanii dhiisan Gootoota nagayaa je'ee Isaan badhaasa ture.
Garuu Kafaruu dinnaan Mankaraaristii fii Shororkeeysitoota Isaaniin je'ee Isaan Ajjeese. Isaan karaa Rabbii irraa deebi'uu didanii Ajjeefaman Shahiidee tahan.

Akkana hoggaa mara Adawwiin nama Isaaniif jilbiifate faarsitee gabrummaa itti mi'eeysiti. Raas Goobanaa Daacee Minilik Faarsee Aangoo kenneefii jira. Isaaf Sujuudee waan jilbiifateef, waan Saba Isaa dabarsee ficcisiiseef Minilik biratti Jaalatamaa tahee jira. Innis Isaaniif sujuudee waan argatu san Bilisummaa sahee garaaf jiraatee jira.
Munaafiqoonni zamana keenyaa "Kaabinoonni" Maqaa Muslimaa qabatanii Muslimoota ficcisiisa jiran hundi Angoo wanni argataniif waan Adawwii Islaamaatiif Sujuudaniif, waan warra haqaa dabarsanii kennan qofaafi. Isaan Jiruu akka beeyladaa jiraachaa jiran san Bilisummaa saheenii jiran. Garaan Isaanii guttamnaan waan biraa hunda ni dagatan. Muslimni hundi osoo akka warra garaa kanatti Amantii Isaanii kan gurguran tahan namni Isaan Ajjeesu hin jiru ture. Silaa akkuma Kaabineetti faarfamuun Isaanii ni mala. Garuu warri haqaa Faaruu Kijibaatiif haqa harkaa qaban hin lakkisan. Kanaaf jecha warri haqa jibbu Isaan ajjeesuun Isaan harka kennisiisu fedha. Warri haqaa harka waan hin kennineef Gammachuun rasaasa dura dhaabbatan.
Shahiidee tahuun haqarratti jabaachuu qofaan argama. Kofolee, Asaasaa fii Garbaatti Ahbaashii tahuu dinnan Ajjeefaman. Isaan Jeynoota waan tahaniif Ahbaashii tahuu didan. Jeyni Jiraannaan Shahidummaan hin jirtu.

Damaqaa! Nama Abbarsa qabuu miti kan Shahiidee tahu. Nama Jibbamaa miti.,
Nama Rabbiin Jaalatu. Jeynoota qofa. Muslimoota qofa. Kan Shahiidee tahu.

Jeynummaan Jiraannaan Shahiidummaan hin haftu.
Allaahu Akbar!!!

No comments:

Post a Comment