Saturday, 19 October 2013

SUUFIYYAA FII BOCOLAMA ISII



SUUFIYYAA FII BOCOLAMA ISII 
Ahbaashiin erga dhufte jecha Suufiyyaa je’u hedduu dhagayaa jira. Inumaa Karaa Suufiyyaa malee karaan jiru hundi jallina hanga jechuutti warri gahe ni jira, Sanirraa Qaamoota Mootummaa warra akka Dr. Shifarraaw fii Itti gaafatamtoota majlisaa dubbachuun ni gaha.
Suufiyyaa wanni je'amu maali? Ahbaashiin maaliif Suufiyyaa ifiin jette?
Suufiyyaan Maali?
Suufiyyaa jechuun nama Suufa uffate akka tahe kitaaboonni hedduun ni addeessan. Jecha Suufa je’amurraa dhalate. Suufa jechuun huccuu Suufaa beekkamaadha.
Suufiyyaa amma ETV fii paarlaamaa keessaa dhageenyu tun maal akka taate ni laalla.
·       Dura Islaamni akkam ture?
Suufiyyaa wanni je’amu dhufuu dura Zamana Rasuulaa s.a.w namni amane Muslimaa fii Mu’mina Ifiin je’an. Warri Isaan boodaatis akkasuma.
Maqaan biraa hin jiru. Rabbi ni gabbaran Akhiiraaf ni carraaqan, Adunyaas ni dalagatan, Jihaada ni godhan, ni baratan, ni fuudhan, Adunyaaf hin bololan, waan hunda Quraanaa fii Hadiisarraa fudhatan.
San booda “Zaahidaa” fii “Aabida” jechuun dhufe. Zaahidaa fii Aabida warri je’aman kun warra Adunyaarraa dantaa dhabee akhiiraa qofa dalagatu. San booda Zuhdii (Adunyarraa dantaa dhabuu) keessatti daangaa dabruun eegalamte, Adunyaa guutumatti dhiisuun argamte, fuudha dhiisuu, dalagachuu dhiisuu fi waan adunyaan walitti hidhaa qabu hunda warri irraa if qabu argame.
Haala kana booda Suufiyyaan warra zuhdii keessatti daangaa dabru kanaan je’amuun eegalame.
Eegaa Sufiyyaan akkatti eegalmte, Adunyaarraa dantaa dhabuu, qalbii ifii qulqulleessuu, fedhii Lubbuu irraa if qabuuf warrii daangaa dabre kun Suufiyyaa ifiin jechuu eegalan. Kitaabni Itti barreefamuu jalqabe.
Zuhdii fii Adunyaarraa gabaabbachuu keessatti jajjabeessaanii karaa Rasuulaa s.a.w dhiisuun egalame. Fuudha ifirraa lakkisan, Qabeenya horachuu haramaa ifirratti godhan.
Garuu warri dura karaa kana keessatti mataa tahan warri akka Juneydii fii Abdul Qaadir Jeylaaniin faan Quraanaa fi Sunnaa irratti hundaawuudhaan karaa kana hordofaa turan.
Namni tokko osoo Suufiyyaa hin taane yoo qalbiin Isaa Rabbirraa fagaatte mala Suufiyyaan fayyadamtu kan akka Zikrii guddisuu, Zuhdii (Adunyaarraa dantaa dhabuu) fayyadamuun if wallaanuu ni dandaha, kuni badii takka hin qabu. Karaa Rasuulaati s.a.w. Quraannii “Qalbiin zikriidhaan Sabatti” jechuun ragaa bahee jira.
Suufiyyaa Adunyaarraa dantaa dhabuu fii qalbii qulqulleessuu irratti xiyyeefattu hanga Quraanaa fi Hadiisa hin faalleesiniin namni dura dhaabbate tokko hin jiru.
·       Suufiyyaan hoggaa bocolamtu
Suufiyyaa Akkanatti eegaltee qajeeloo fii jallina jidduu jirtu. Xariiqaa, Kashfii, Hadraa wanni je’amu dhufe.
Xariiqaa jechuun Karaa zikriin itti godhamtu kan sheekarraa sheekatti dabaru hoggaa tahu, Sheekni akka Rabbiitti, Barataan akka gabraatti laalamu eegale. “Namni sheeka hin qabne sheekni Isaa sheeyxaana” dubbi jettu uuman. Sheeka hoggaa je’an kan kitaaba irraa baratan hin sehinaa, Kan Zikrii akkaataa itti godhan akka Inni Sheeka Isarraa fuudhetti Muriidaaf (Darasaaf) dabarsu jechudha. Karaa  san malee zikrii godhuu hin qabu. Yoo sheeka khallafe akka waan Rabbi khallafeetti laalamuu eegale.
Xariiqaan hundi maqaa ifii, Tartiiba ifii qabdi, Qaadiriyyaa, Tiijaaniyyaa, Naqshabandiyyaa, Di’oobaandiyyaa, Darvish, Rifaa’iyyaa, fii kan biroo hedduudha. Xaariqaan Suufiyyaa hundi akkaataan Zikrii itti gootuu waldhaba.  Kan dibbee tumee godhuu jira, kan dukkanatti callisee godhuu jira, kan dannasuu jira, kan shaggooyyee taphatuu jira. Zikriidha maqaan Isii Na'uzubillaah.
Dervish (Darviish) Xariiqaa Suufiyyaa Turkii, Iraan, Paakistaanitti hordofamu. Jarri kun daansuuma dirree baate taphatanii saniin Zikrii je'an. Sanumaahu sheekarraa baratan. Nauzubillaah!!!
Linkii kana tuquun waa’ee Xariiqaa Darviish dubbisi:
Daansii Suufiyyaa Darviish linkii kana tuquun laali, garuu Isaan Zikrii akka je’aniin hin dagatin.
Hadraa jechuun sagantaa Zikrii kan walgahiin godhamu. Kana hoggaa godhan akkuma biyyaa fi Xariiqaatti wal dhaba. Biyya kiristaanni baayyatu akkuma kiristaanaa godhatan, biyya Hindin baayyattus akkuma Hindiiti walitti qabamanii godhatan, kunis Zikriidha. Zikriin beekkamtuun Isaan godhan fakkeenyaaf jecha “huu! huu! huu!! huu!’ je’u kana irra daddeebi’anii jechuudha.
Suufiyyaa Hadraatti walleen if wallaalte
Kashfi jechuun saaqamuu wahiiti, Isaan kana wanni itti fedhan Rabbiin waan hunda Kashfii karaa je’amu kanaan Sheekkootii gurguddoo beeysisa.
 Haasawa Sheekkootii Suufiyyaa beekkamaan “Rabbirraahin siif odeessa” sin je’a. Rabbiin (direct) kallattumaan Isa dubbise jechuu Isaati. Hadiisaa fii Quraanni Ilmii Zaahiraati jechuu eegalan. Ilmiin dhugaa ilmii keessaati, kan kashfiidhaan namaaf mullatu, yoo akkasitti hin mirkanaawin Quraanni fudhatama hin qabu.
Nauzubillaah!!!
·       Sheyxaanoota Suufiyyaa keessaan bahan.
Suufiyyaa akkatti laaqamtee, bocolaa taate Falsafaan Isii seente. Filoosofaroonni (sheyxaanoonni) hedduun isii keessaan bahan.
Hallaaj namichi je'amu haqni enyu je’e falsafaan barbaaduu eegale, san booda “Anal Haqq” ani Al-haqq jechuun if yaame. Muslimni Al-Haqq Rabbii tahuu amanan. Ammas “Ani Rabbii kiyya Ija qalbii tiyyaatiin arge, Inni ana” je’ee kufrii dirree baate tanan Suufiyyaa daran bocole. Sababaa  kanaa murtiin du’aa itti kennamee Ajjeefame. Hallaaj waan tahe beekuuf linkii kana tuquun dubbisi:
·       Ibnu Arabii
Kan biraa Ibnu Arabii kan je’ama. Suufiyyaan hedduun akka beekaa Isaanii guddatti laalan falsafaa “wanni hundi Rabbi” jettuun dhufe. “Anaa fii sareenis Rabbi” jechuun Aqiidaa “wahdatu wujuud” wanni argame hundi takka, Takka waan taateef hundi Rabbi falsafaa jettuun Suufiyyaan bocole. Ibnu Arabii beekuuf linkii kana tuquun dubbisi.
Suufiyyaa akkatti laaqamte tana keessatti Adunyarraa if qabuun dhaabbattee sheekkoottiin maqaa awliyaa je’un naggada eegalan.
 Ilmi namaa akka Isaan gabbaru Quraanaa fii Hadiisa dhorgan. Suufiyyaan laaqamtee daansii fii shaggooyyee qofa taate.
Qabrii Sheekkootii gabbaruun karaa kanaan Islaama seente. Sheeka eega du’es akkuma gaafa lubbuun jirutti laaluun eegalame. Qabrii irratti qubbii fii Masjida jaaruun Adunyaa Islaamaa seente.
Suufiyyaan Qalbii qulqulleessuun eegalte akkanatti dhukkuba qalbii taate!
Suufiyyaa akkana taate arginaan Jallina Isii Ulamaa’iin Ibsuu eegalte, kan akkaan falsafaa isii seente addeessee Sheekul Islaam Ibnu Teymiyyaa ture. Achiin Xalaata Ahbaashii fii warra Bid’aa hunda tahe. Leenca warra Sunnaa tahee hanga guyyaa Qiyaamaa Rahmanni Rabbii Isaaf kadhatama.
·       Ahbaashiin Maaliif Suufiyyaa ifiin jetti.
Suufiyyaan bocolamtee Qabriin Tawwasula godhuu fii Tabarrukni karaa falsafaa adda addaatiin seenee daaraa Isii haqe. Ilmi namaa Rabbii dhiisee qabrii kadhachuu, Isiif qaluu, Mowlida Isiirratti godhuu fii Shirkiin dirree bahe karaa Islaamaa fakkaattee itti wal yaamun argamte.
Suufiyyaan irra hedduun Isii akkanatti tapha taate.
Duuba Ahbaashiin Qabrii gabbarruu kanaaf jaalala guddaa qabdi, Tawwasulaa fii Tabarruka maqaa je’un Islaama shirkii Mushrikoonni dalagaa turanitti deebisuu waan feetuuf ani Suufiyyaa jechuun lallabdi.
Karaan Isaanii Suufiyyaan faallaadha, garuu Suufiyyaa bakka Isiin laaqamte kanaan itti ida’amtee Miseensa heddummeefachuu feeti. 
Kana kaayyoon Ahbaashiin ani Suufiyyaa jettuuf. 
Mallas fii Dr. Shifarraaw jara kanaan Ahlusunnaa je’an.
Ragaan Ahbaashii Mallas fii Dr. Shifarraaw tahuun qoftii jallina Isaaniitiif ragaadha.

No comments:

Post a Comment