Friday, 18 October 2013

AHBAASHII FII KARAAMAA ISAANII WAJJIIN KOFLA



AHBAASHII FII KARAAMAA ISAANII WAJJIIN KOFLA

Awliyaa Rabbii fii Awliyaan sheeyxaanaa akka jirtu kutaa dabree keessatti laallee turre.
Karaamaanis maal akka taatee fii sharxiin awliyummaa Rabbii maal akka tahe dubbannee bira dabarree jirra.
Ammaan dura Suufiyyaa fii Ahbaashii mata dure je’uun Suufiyyaan yeroo booda Falsafaa fii jallinni adda addaa akka itti laaqames laallee jira. Ahbaashiin ammoo qaa’idaa Isiirraa Jallina tuuta adda addaarraa gurrattee saniin amantii Rasuulaa s.a.w jechuun beekkaman. Ahbaashiin Shi’aarraa, Mu’tazilaarraa, Jahmiyyaarraa, Falsafaarraa, Suufiyyaarraa, Murji’aa fi Jabriyyaa hundarraa waan fudhatan qaban.
Karaamaa hoggaa dubbatan Isaan koflaan si ajjeesan, “Sheekni Ji’arratti argame”, “Sheekni Libaanoosii fi sooriyaa jidduu barare”, “sheekni Ibidda seena”, “Allaahu Akbar Inni yoo je’e Ifaan dhaamee”, waan akkanaa hedduu dhageessa.
Sheeka Isaanirraa waan himaniirraahi sun, Isaan sheeka hoggaa je’an nama tokko hin baanan Abdullaahi Hararii qofa itti fedhan.
Mee Karaamaalee Kitaaboota Ahbaashiin haalaan kabajju tokko keessa jirtu wajjiin laallee namni hundi yaada itti haa kenninu, haa kofallu.
Kitaabni “Xabaqaatul Kubraa” je’ama barreessaan Sha’raanii je’ama. Ani namichi kun Filoosofara akka Abdullaahi Hararii tahuu hin oluun shakka.
Sheektichi Kitaaba kana keessatti warra Inni Awliyaa Rabbiiti je’uun maqaa dhahaa ebaluu akkana godhuu ture, ebelu karaamaa Isaarraa akkanaa fi akkana jechaa ofa. Kitaabni guutuun karaamaa namoota adda addaa hima. Karaamaa Awliyaa Rabbiiti moo Awliyaa sheeyxaanaati kan je’u Isiniif dhiisa?!
Wanni asi gaditti dubbiftan jecha sheekaati, kitaaba lakkoofsa fuulaa barreessee jira. Ahbaashiin takka takka arraba dheerachuu dura kitaaba laalaa.
Hubachiisa:
 Barruu asi gadi namni umriin keessan 18tii gadii hin laalinaa. Obboleyyan kiyya amantii jaraa fi karaamaa Isaanii isin beeysisuu fedheeti. Silaa akka dubbii asi gaditti argitanii laale hin barreessu, garuu maal goona kitaabaanuu maxxanfamee jiraa?! Hedduu waan nama saalfachiisuu arguun keessan ni mala kitaaba fuula ani je’e gubbaa laaluun waan kanaa olii akka argitan isin godha.
Dhifama guddaa barruu fokkotaa akkanaa qopheessuu kiyyaaf. Amma gara sheektichaa isin dabarsa Isumarraa dhagayaa.
Sheek Sha’raanii amma ati itti fufi:
1.    Xabaqaata mujalada 2ffaa, fuula 142.
Sheekh Ibraahim Al-Uryaan (sheek Ibraahim qaama qullaa akka jechuuti) Rabbi irraa haa jaalatu, inni bakka namoonni gurguddaan walitti qabamanitti dhuufuu dhufa (hafuura gama bakka udaaniitii bahu), san booda tun dhuufuu ebaluuti je’ee khakhata. Saniirraa gurguddaan meeqa rifatee sodaata.)
“Ammas Inni Rabbi Isarraa haa jaalatu qaama qullaa Minbara ol bahee khuxbaa godhaa ture, saniin ilmi namaa gammachiisa.”
2.    Xabaqaatul Kubraa Mujalada 2ffaa, fuula 184:
Sheekh Saalih Abdul qaadir As-subki ((Inni dhiira Rabbiiti, warra amrii adda addaa garagaggalchurraahi. “kashfii qaba gidaaraa fii fageenyi waan namni dalagu argurraa Isa hin dhorgu. Ilmi namaa waan mana Isaa keessaa dalagu hunda ni arga. Gaafa tokko Intala bareedduu takka argee jaalate, fuudhuuf gaafate. Huccuu Isaa guututti Isii fii Abbaa Isii duratti ifirraa baase. San booda amma na laalladhu, booda qaamni isaa barasa qaba akka hin jenne ykn waan biraa fokkotaa qaba osoo hin jenne. Ammallee qaama Saalaa Isaa harkaan qabe. Ni je’een ‘laali akka gaaritti garana, booda qaamni Isaa kan saalaa guddaadha hin dandahu akka naan hin jenne, ykn natti xiqqaata akka hin jenne, sababaa saniin na jibbitee akka jaarsa biraa kan meeshaa guddaa qabu hin barbaanne ammuma na laali’ je’en.))
3.    Ammas Sheekh Abuu khodaah irraa karaamaa nuuf himu deema. Tabaqaat mujalada 2ffaa, fuula 135.
((sheekhni kun Rabbi irraa haa jaalatu hoggaa intala ykn  Ilma dhiiraa bareedaa tokko argee yoo itti Ida’amu fedhe, gama duuba (bakka udaanii) qaqqabatee waan fedhe itti dalaga, abbaan fedhe jiraatus hin laalu. Irra hin kaayanne dalagaa Isaa oofuu malee.))
4.    Xabaqaat mujalada 2ffaa, fuula 185.
(((Sheekh Shaa’baan Al- Majzuub Rabbi irraa haa jaalatu. Nama gheybii beeku ture, waan fuldura tahu himuu ture, …. Hoggaa baatii (ji’a) arge, waan gabroottan irratti katabame hunda hubata.))
“Ammaas Inni suuraa Quraanaa Osoo hin taane waan biraa Masjida keessaa qara’a, irra guddaan namaa Quraanuma saha waan wal fakkaatuuf, Inni garuu waan biraa qara’a.”
Akkana kunoo karaamaan jaraa!
Mallattoo (logo) Ahbaashii
Karaamaa nama Rabbitti amaneeti jechuuf hedduu namatti ulfaata. Ahbaashiin sheekkooti adunyarra yeroo ammaa jiranii fi kan dhuman hunda arrabsitee jirti, garuu Sheeka guddaa kitaaba kana barreessee fi waan achi keessa jiru osoo maqaa hin dhahin bira dabranii jiran.
Ajaa’ibni Isaanii waa hangana qofaa miti. Nama muslimaa tokko dhiisii kaafirri dalagaa Awliyaaleen asi olitti daleyde kana ni dalagan je’ee hin yaadu. Garuu hoggaa sheeyxaanni namatti fakkeesse wanni hin bareenne hin jiru.
Rabbiin Karaamaa sheeyxaanaa jala deemurraa nu haa egu.
Aamiiin.

No comments:

Post a Comment