AKKA FEETAN TAHAA AHBAASH NUMAN TAANE
Urjii Ahmad
Ani warra Sunnaa tan sodaa hin qabnee
Bazabaa takkas numan hin fudhannee
Akka feetan tahaa Ahbaash numan taanee
Qoree kokkeedhaati Bid'aa hoggaan argee
Falsafaa Kijibaa Quraanaan Albaasee
Saaxili Isii dhaabaa kanan bodan jennee
Aqiidaa tiyyallee hogguu hedduun Ibsee
Towhiida qulqulluu kanin an qabadhee
Karaa Sahaabaati kan jallinan qabnee
Kana warri jibbuu Ahbaashii dhamaatee
Kunoo na caqasaa arras labsa baasee
Rabbiin keenya tokkoo kan sharkiin qabnee
Kophaa gabbaramaa kan itti hin idaanee
Wanuma takkallee uumaa Inni uumee
Anbiyaa haa tahuu fedhu Malaaykallee
Itti hin qindeessiin sun shirkii dhorgamee
Kana amanuudhaaf jazbaan nu xamaddee
Jimaa quftee kaatee arrabaan nu seentee
Wahabiyyaa nun jette maqaa nutti baaftee
Bagan Wahbii tahee eegan shirkii didee
Rabbiin sifa qabaa kan Inni ifiin yaame
Maqaa babbareedaa Ifiif if moggaasee
Namni Isaan baasu inni ifiif baasee
Quraanaa nuuf himee Hadisni Addeessee
Kana hunda fudhee jaaladhee amanee
Fakkeessun maletti uumaa inni uumeen
Rabbi ol taheeraa arshii guddoorrattii
Quraanaa dubbata bakka Torbarrattii
A'araafiin eegalii Hadiidii keessa laali
Istawaa jechuudhaan if yaame Inninii
Ulamaan Islaamaa hikkaa nuuf himanii
Ol tahe jechuudhaa akkaataan maleettii
Kana shakkii godhuun jallina Ahbaashii
Sodaan takkan jirtuu Aqiidaa qulqullii
Rasuularraa kaasee hanga qiyaamaattii
Ahbaashii tokkootu arra na gaafatee
Rabbii eysa jiraa Osoo hin qaanfannee
Ol taheeti jiraa kana waan wallaallee
Maraataa fii fayyaan hundii waliigalee
Akkasitti amanaa guyyaa arraa geenyee
Ahbaashiin ni dhufte falsafaa qabattee
Olin jiru inni gadiin jiru jattee
Adunyaa keessaafii adunyaa alallee
Hin jiru khaalqni kanaan nutti dhuftee
Afaan Oromootiin hiikkaa ittin dhabee
Maal jechuudha dhiiroo hiikkaa saa wallaallee?
============= =======
No comments:
Post a Comment