Friday, 18 October 2013

Sheekh Rashaad Ahbaashii hogguu albaasu

Sheekh Rashaad Ahbaashii hogguu albaasu
Ahbaashiin Arkaana Isii keessaa tokko kijiba tahuu hin oolu. Waan hunda kijibanii hanga yoom nama soban?! Sheek Muhammad Rashaad jala deemnaa jettee nu sobuu feeti. Sheek Muhammad Rashaad akka Isaanirraa qulqulluu tahe labsa baasee web site Isaa keessa jira.

Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Tafsiiraa ni qaba, garuu Ahbaashiin Tafsiira san Ijaan laaltee hin beytu, Ittis hin dalagattu. Ammalle Kitaaba Aqiidaa Xahawiyyaa Afaan Oromootiin bareechee tolchee jira, Ahbaashiin hin fudhattu. Kitaaba Aqiidaa Xahaawiyyaa Ahbaashiin kan Filoosoofar Abdullaahi Hararii Isaaniif tolche qaban, Kitaabni sun Aqiidaa Islaamaa qulqulluu jallisee falsafaa bareechee dhiheessa.
Jechoota Sheek Muhammad Rashaad mallattoo “ ...” kana keessan kaaya, humaa itti hin Ida’u irraa hin irrisu.  Kitaaba aqiidaa xahawwiyyaa yoo tahe fuula kitaabaa nin barreessa. Quraana yoo tahe Maqaa Suuraa fi Aayaata nin barreessa.
Jecha kiyya ammoo Mallattoo (…) kana keessan kaaya. Wanni mallattoo tana keessa jiru yaada sheek Muhammad Rashaad irraa ka’ee kaniin ani barreessee tahuu beekaa.
Ahbaashii hundaaf, arrabaa fii bazabazaa keessan barreessuun dura dubbisaa. Waan dubbiftan kana yoo shakkitan fuula kitaabaa Isinii barreessee laalaa. Rabbiin dukkana Ijarra Isin teessu Isinirraa haa kaasu.

Jallinni Ahbaashii eysaa akka jalqabu ni beeytanii? Yoo hin beeyne “Laa Ilaaha Illallaahu” jallisanii hiikuudhaan eegala.
Mee amma  kitaaba sheek Muhammad Rashaad wajjiin haa laallu.
Sheek Muhammad Rashaad Ahbaashii Albaasee hoggaan je’u dhugaan baana. Kunoo Inni akka armaan gadii kana je’a. hoggaa kana Ahbaashiin hin albaatu jetteniiree?!

1. “Laa ilaaha illallaahu jechuun: Rabbii tokkicha malee, kan ibaadaa akka salaataa, soomanaa, isaaf waa qalu’uu,isa kadhatuuu haqa godhatu hin jiru; kan sifa akka sifa isaa qabu hin jiru; kan humna wahiin argamsiisu qabu, kan sifa waa hundaan beekuu qabu hin jiru, tanaaf jecha kan waa uumu isa malee hin jiru. Rabbiin tokkichaa yaadun, nama biraatif, sifa, akka sifa isaa kennuu dhabuu ammallee nama biraatu, waa uumaa, nama razaqaa, ilmoo namaa kennaa, nama ajjeesaa yaaduu dhabuu. Ammallee nama isan tayeniitu ibaadaa haqa godhataa, yaaduu dhabuu.
Namni Rabbiin tokkichaa yaadaa, waan biraa ibaadu, iimaana hin qabu.”
 Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula:1
(kunii qooda Towhiidaa sadeen afaan Oromootiin Ibsuudha, Kan Ibaadaa akka  kadhachuu haqa godhatu hin jiru Rabbi malee (Towhiidul Uluuhiyyaa je’ama), Kan siifa akka sifa Isaa qabu hin jiru (Towhiidul Asmaa wasifaat je’ama), kan waa uumu Isa malee hin jiru (towhiidu Rubuubiyyaa je’ama) akkatti Ibsa sheek Muhammad Rashaad aqiidaa warra Sunnaa.)
2. “Rabbiin Arshii irratti ol taye, ol tayinsa isaan malu kan waan takkaatti isa fakkeesun keessa hin jirre, kan waan inni ifiin yaame diduun keesa hin jirre, maalif Rabbi waan uumametti fakkeessun kufrii waan Rabbiin ifiin yaame diduunis kufrii”
Tafsiira Quraanaa Suuraa Xaahaa: 5
“ Ammoo Rabbiin guddaan ol tahe, waan uume hundaa oli. Arshii waan inni uume keessaa irra guddoorratti ol tahe jechuun hin dhoowwamu shari’aatu dhufeen……“Namni Afaan Oromoodhaa beeku, kan Rabbiin ol tahu wallaale hin jiru.”
Sharhu Matnil Aqiidatixxahawiyyaa, fuula: 35-36
(wanni asii olitti dubbiftan kuni hundi kitaaba sheek Muhammad Rashaad fuula dubbatame kana gubbaa yoo hin jiraanne, Ahbaashiin laaltee nuuf haa himtu. Sheek Muhammad Rashaad kitaaba Isaa keessatti kana barreessee jira, Anaa miti kan barreessi je’an. Inni waan muslimoonni amanan barreesse, Anis muslima waanin taheef hikkaa Isaa argee amanee jira. Kuni Aqiidaa Muslimootaati Rasuula s.a.w irraa eegalee warri karaa sunnaa deeman hundi Rabbiin Arshiirratti akka Isaan malutti ol tahuu Isaa ni amanan. Kanas Rabbumaatu Quraana Keessatti nuuf hime).
3. “Qur’aanni Rabbiin Nabi Muhammadirratti buuse dubbi Rabbiiti, Rabbumaatu dubbate. Jibriil Rabbirraa dhagayee, nabi Muhammad jibriilirraa dhagayee, ummanni nabi muhammadirraa dhagaye.”
Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula :20-21
(Sheek Muhammad Rashaad Quraana Jibriil Rabbirraa dhagayee, Nabi Muhammad dhageesisee jechaa jira. Akka Ahbaashiin jettu jechi Rabbii hin dhagayamuu hin jenne, Jibriil keessatti jecha Isaa kan Azalii uume hin jenne. Ni dhagayee jechaa jira. Rabbiin keenya ni dubbata, Abbaa fedhe dubbisa. Yeroo fedhe dubbata. Waan fedhe dubbata. Namni inni dubbise jecha Isaa ni dhagaya.)
4. “Rabbiin Ija ni qaba haa tayuu akka Ija waan uumameetii miti.”
Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin Ija qaba, ni arga. Garuu Ijji Isaa tan uumamaa hin fakkaattu. Ija Isaan maltu qaba. Wanni hundi Ija isiin maltu qabdi. Ijji ra’ee Ija namaa hin fakkaattu. Iji Rabbiitis Ija waan uumamee takkallee hin fakkaattu. Kanaaf warri sunnaa waan Rabbiin nin qaba ja’e hin qabduu hin ja’aniin.).
5.  “Rabbiin harka ni qaba. Haa tayuu akka harka keenyaatii miti.
 Sharhumatnil aqiidatixxahawiyyaa fuula: 33-34
(Rabbiin harka Isaan malu qaba, kanas Isaatu dubbate malee nuti kijiba Isarra kaayuu hin dandeenyu. Sheek Muhammad Rashaad Aqiidaa warra sunnaa addeesse. Rabbiin sifa Isaan malte qaba. Dubbiin akka Ahbaashii jettuu miti.)
6. “Asaabaa nabi Muhammad, nama isaanirraa taye, tokkolleedharraa hin cinnu. Hundi isaanii jaalalloota keenya. Nama asaabaa nabi Muhammad jibbu hunda, ni jibbina.”
 Sharhu matnil aqiidatixxahawiyya, fuula : 117-118
(Tunis aqiidaa warra sunnaati Sahaabaa hunda ni jaalanna, waan Isaan jidduutti argames Rabbiif dhiifna. Tokkollee maqaa hamaadhaan hin kaafnu. Aqiidaan warra sunnaa tana. Tan falsafaa ammo abbaa fedhan keessaa arrabsuu fi xiqqeessuudha. Rabbi nu haa tiysu jallina falsafaa irraa.)
7. (Sheek Muhammad Rashaad Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka murtii godhuuf dhufu hoggaa dubbatu akkana je’ee)
 “Gaafa Rabbiin kee amrii isaatin dhufe dhufiinsa isaan malu,”
Al-Fajr: 21-22
(Aqiidaan warra sunnaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa akka Isaan malutti dhufa jechuu amanan. Halkan gama boodaa akka Isaan malutti gama samii adunyaatti gad bu’a jechuu amanan. Kanas Quraanaa fii Hadiisa irraa baratan malee ifiif uumaniitii miti. Garuu warri falsafaa jala deemu kaafira nuun je’an. Rabbiin jallina falsafaarraa nu haa tiysu.)
* Ahbaashiin yoo maal jetti?
1. Laa ilaaha illallaahu jechuun Rabbii malee kan waa uumu hin jiru jechuu.
(Kana Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan. Akka sheek Muhammad Rashaad itti hike ol deebi’aa laalaa. Ibaadaa haqa kan godhatu, sifa akka sifa Isaa kan qabu hin jiru jechuu wanni irraa dhiisaniif, Shirkiif akka Isaaniif mijjaawu, Akka qabrii yaammachuuf Isaaniif tolu, Rabbiin sifa hin qabu jechuuf hiikkaa akkatti jallisan. Na’uzubillaah. Kan yaammachuu haqa godhatu Rabbi malee hin jiru jechuuf nu jibban.)
2. Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, mirgaa fii bitaas hin jiru, duraa fi duubas hin jiru, adunyaa keessa hin jiru, adunyaa alas hin jiru.
(Kanas Ragaa fiduun barbaachisaa miti Isaanuu hin khaadan.)
3. Quraanni jecha Rabbiin dubbatee miti. Rabbiin azalitti (osoo waa hin uumin) jecha Isaa kana Jibriil keessatti uume. Jibriil waan Isa keessatti uumame dubbate malee Rabbiin ifiif hin dubbatu. Rabbiin jecha dhagayamu, kan qubee qabu dubbata jechuun kufriidha.
(Falsafaa tana numa laalaa, bar wanni Isaan je’an namaafuu hin galu. Mee jecha sheek Muhammad Rashaad kan sunnaa sanii fii kan falsafaa kana wal biratti laalaa.)
4. Rabbiin Ija hin qabu, ni qaba jechuun Rabbitti qaama godhuudha, kanaaf kufriidha. Rabbiin harka hin qabu, ni qaba jechuun kufriidha.
(Ulfina jecha falsafaa kana numa laalaa, Ani Rabbirran beekaa nama je’u maal jettaniin?)
5. (Sahaabaa akka Mu’awiyaa, A’ishaa, Rabbi irraa haa jaalatu zaalima jechuun itti muranii jiran.)
6. Rabbiin ni dhufa jechuun Uumatti Isaa fakkeessuudha, kunis kufriidha.

Yaa Obboleyyan tana Amantii je’anii itti nu yaaman. Falsafaa Isiniif wayya moo karaa Sunnaa kan Kitaaba sheek Muhammad Rashaad keessa jiru kana?
 

 

No comments:

Post a Comment