AWLIYAA FII KIJIBA AHBAASHII
Mata
duree kana keessatti beekkumsa qabaachuun barbaachisaadha. Ahbaashiin waan itti
nama dhamaasuu feetu keessaa tokko Awliyaadha.
Ahbaashiirraa
wanni dhagayaa jirru, “Awliyaa hin jaalattan”, “Awliyaa arrabsitan”, waan kana
fakkaatu.
· Awliyaan Maali?
Awliyaa
jechuun: jaalallee, aanaa ykn fira jechuudha.
Awliyaan
Rabbii Nama Rabbii Jaalatu kan Ergamaa Isaa jala deemu, kan Rabbiin Isa jaalatu
jechuudha.
Awliyaan
Rabbii Anbiyoota, Siddiiqoota, Shahiidoota, Saalihootaa fi Muslimoota.
Anbiyyoonni
Awliyaa Rabbiiti. Irra Caalaan Awliyaa Rabbii Ergamaa keenya Muhammad s.a.w,
Inni Caalaa Ergamtoota hundaati, Ummanni Isaa caalaa Ummataati, Shari’aan Isaa
caaltuu shari’aa hundaati, Karaan Isaa karaa hunda caala, Kitaabni Rabbiin
Isaan Erge caala dustura hundaati, Ilma namaa hundaaf Ergame, Karaa Isaarraa
kan gore hundi kaafira. Karaa Isaa jaalate kan qabate Muslima, Mu’mina.
Awliyaan
Nama amanee Rabbi sodaatu hunda. Awliyummaan waan gosa takkaaf kennamtee miti.
Waan nama muraasa qofaaf kophaatti kennamee miti.
Awliyaa
tahuuf sharxiin amanuu fi Rabbi sodaachuu qofa.
Rabbiin
Quraana Ifiif dubbate keessatti akkanatti Ibsa
“Dhagayaa! Awliyaan (jaalalloon) Allaahaa, Sodaan Isaanirratti
hin taane, Isaan hin gaddan (hin yaaddawan). Isaan warra Amanee fi warra Rabbi
sodaatu.”
Suuraa Yuunus: 62-63
Sharxiin
(ulaagaan) Awliyummaa Rabbii, Amanuu fi sodaa Rabbii qabaachuudha.
Awliyaa
je’amuuf Rabbitti amanuun sharxiidha, Rabbitti amanuun Rasuula s.a.w jala
deemuudha. Karaa Rasuulaa s.a.w guutuutti qabachuufii itti amanuudha. Karaa
Isaatiin malee Rabbitti dhihaachuun waan yaadamu miti.
Hadiisa
keessatti Rabbiin “Namni Awliyaa (jaalallee) kiyya Adawwii godhate, lola
naan walitti banuuf dirree bahe (Ani Lolan itti bana)” je’a. Awliyaan Isaa shari’aa Rabbiitti bulan,
Itti ajajan, karaa Rasuulaa s.a.w jaalatan, Karaa Isaarraa hin bahan, kanaaf
Isaan Adawwii godhachuun Rabbuma Isaan jaalatuu fii Rasuula s.a.w Adawwii
godhachuudha.
Awliyaan
akkuma sadarkaa Iimaana Isaaniitiin wal caalaan, Muslimaa fi Muslimtittiin
hundi awliyaa Rabbiiti, gosaa fii ganda irraa dhalatan laaluun maleetti. Garuu
hanguma Imaanaa fii Sodaa Rabbii qaban Awliyummaa keessatti wal caalan. Kana
Awliyaan Rabbii.
· Awliyaan sheyxaanaa yoo enyu?
Awliyaan
sheyxaanaa warra Rasuula s.a.w jala hin deemne, karaa Rasuulaa s.a.w malee
karaa Rabbittin dhalaawan karaan biraa ni jira warra je’u, Shari’aa Rabbii
warra dhiisee shari’aa ifii baafatu, warra Quraanaa fi Hadiisatti hin daleyne,
warra Shari’aa Rabbiitti nama hin yaamne hundi Awliyaa sheyxaanaati.
Awliyaa Sheeyxaanaa |
Rabbiin
akkana je’a “Namni Rabbii achitti Sheyxaana
waliyyii (jaalallee) godhate, dhugumatti khasaaree jira khasaaraa ifa galaa.” Suuraa Nisaa: 119.
Ammas
akkana je’a “Sheyxaanni gama Awliyaa
(jaalallee) isaanitti beeksisa godhan, Akka Isiniin falmaniif.”
Suuraa An’aam: 121.
Kanaaf
Awliyaan sheeyxaanaatis ni jira jechuudha. Awliyaa sheeyxaanaa fi Awliyaa
Rabbii addaan baafachuuf wanni laallu:
Awliyaan
Rabbi warra amanee Rabbi sodaatu.,Karaa Rasuulaa s.a.w qabatee jala deemu.
Awliyaan
sheyxaanaa ammoo warra shari’aa Rasuulaa s.a.w jala deemuu dhiisee karaa biraa
deemu.
Awliyaan
Rabbii Jaalalloo Rabbiiti. Awliyaan sheeyxaanaa Adawwii Rabbiiti.
· Karaamaa Awliyaa
Awliyaa
hoggaa dubbatan karaamaan jalaa hin haftu. Maaliif yoo jettan Awliyaa hoggaa
je’an namni karaamaa yaadata, Awliyaa jechuun karaamaa jechuu kan sehu hin
dhabamu.
Karaamaa
jechuun waan aadaa ilma namaatti hin beekkamne mullisuu, dhagayuu fi arguudha.
Hoggaa
nama Amanee Rabbi sodaaturraa argamte Karaamaa Rabbiin kenneef tahuu beyna.
Garuu Awliyaa tahuuf dirqama karaamaa qabaachuu wanni je’amu hin jiru.
Sahaabaan Rasuulaa s.a.w hundi Awliyaa Rabbiiti keessattu kulafaan afuran,
warri kudhanan jannataan gammachiifaman, warri Rasuula s.a.w muka jalatti beellama
godhe hundi Isaanii Awliyaa Rabbiiti, Rabbiin Isaan jaalatee jira. Garuu
Karaamaa Isaan keessaa namni waan addaa dalage, ykn arge waa xiqqoodha. Inumaa
karaamaan warra Isaan boodaa keessatti Irra heddummaatti.
Kanaaf
Karaamaa qabaachuun sharxii awliyummaati miti. Sharxiin Awliyummaa amanuu fi
Rabbi sodaachuudha.
Karaamaan
waan aadaatti namni hundi godhuu hin dandeenye, kana ammoo kaafirri hedduun ni
godhan. Sihrii fi Sheyxaanaan gargaarsifatanii waa hedduu godhan. Kan bishaan
irra figuu fii kan Ibidda seenu, Kaafira gosa hundarraa hedduudha. Kanaaf namni
waan addaa mullise hundi awliyaa miti. Inumaa adawwii Rabbii guddaa tahuu
dandaha.
Karaamaa
Rabbiin Awliyaaf kennuun Awliyummaan Isaa Nabiyyi caalti jechuu miti. Awliyaan
Rabbii hanga guyyaa qiyaamaatti Muslima hunda keessa guutuudha. Awliyaan
dalagaa addaa, huccuu addaa, saba addaa, ganda addaa hin qabdu. Awliyaan Rabbii
eyruu keessaa, dukkaana keessaa, Masjida keessa, mana keessa bakka hundatti
argaman.
Karaamaa
waan hin qabneef awliyaa miti wanni je’amus hin jiru.
· Ahbaashiin Awliyaa maal irraa feeti?
Ahbaashiin
amantiirraa wanni Isaan barsiisan guddaan tokko awliyaa fii qabriidha. Awliyaa
hoggaa je’an Isaan waan Rabbiin je’u kanaa miti.
Awliyaan
gaafa jiru Rabbitti nama dhiheeysa. Gaafa du’es du’aaii nama Isa kadhatuu
dhagayee qabrii bahee haajaa namaaf fixa, Istighaasaa (dirmachuu) yeroo rakkoo
qabrii Awliyaa dhaqanii godhuun barbaachisaadha, Roobni dhabamu qabrii
awliyaatti Iyyachuu qabna je’an.
Kana
hunda waliin wanni Ahbaashiirraa nama dhibu awliyaan Muslimaa fii Muslimtitti
hunda osoo hin taane gosaa fii ganda tokkoof waan kenname tokko.
Ahbaashiin
Awliyaa hin jaalatan hogga Muslimootaan jettu Isaan hin gabbaran jechuudha.
Ahbaashiin
Awliyaa jaalachuu hoggaa jettu Qabrii Isaanii dhaqanii Tawwasula godhuu, Isaan
kadhachuu, Rakkoo itti himachuu fii balaa biyyarraa deebisuuf qabriif qaluudha.
Kana Amantiin Isaanii kan itti nama yaaman!!! Kana jaalalli Awliyaa!!
Karaamaan
wal qabatee waan ajaa’ibaa Hinduu, Kiristaanaa, Budist, fii Majuusaa irraa argaa
olla. Warri Fir’ownaaf siihrii godhuuf Nabi Muusaatti dhufe haada boofa
fakkeessuu dandahanii jiran. Kanaaf sihrii fi bazbazaan sheeyxaanarraa
Ahbaashiin mullattu hundi karaamaa osoo hin taane sihrii sheeyxaanaati.
Yoo akkas tahuu baate Hinduu fii Kiristaanni Ibidda ni seenan, kan
Isaan hin gubne kunis Awliyaadha jechuudha!?
Ahbaashiin
Awliyaa sheeyxaanaati, Sheeyxaanni Isaan gargaaree haada yoo boofa godhan
Awliyaa Isaaniin hin jennu. Akkuma Kiristaanni bishaanirra fiigu Awliyaa
sheeyxaanaa je’amu sani.
Rabbiin
shirkii maqaa awliyaatiin Ahbaashiin itti nama yaamturraa hawaasa keenyaa haa
tiysu.
Aamiiiin.
No comments:
Post a Comment