FALSAFAA ISLAAMA HIMATTE DURIRRAA HANGA ARRAA
Urjii Ahmad
Falsafaan akka Ahbaashii tun amma waan eegalte hin seehinaa. Falsafaan Islaama himattu duruma jirti. Tan irra hamtuu fi tan Ahbaashiin walitti dhaloytu haa laallu.
San dura wanni beekkamuu qabu Muslimoonni Sahaabaa fi sahaabaa Dhaqaban Qur’aanaa fi Hadiisa jala qofa deeman, Saniif jaarraan Isaanii Jaarraa nagayaa ture. Booda Islaamni ballatee lafa hedduu seene, Hoggaa kana Kitaabni Falsafaa (philosophy) biyya Griik , Hindii fii Faarsii (Iran) Afaan Arabaati hikkame. Achii balaan Islaama seente. Falsafaa kana (Ilmul Kalaam) je’anii maqaa itti baafatan, san booda Qur’aanaa fi Hadiisa Falsafaa tanaan wal bira qabuun eegalamte. Waan falsafaa Isaanii Qunname fudhachuu fii Kan falsafaa faalleese ammoo jijjiruu fi diduun eegalamte.
Warri Salafaa (warri Haqaa, Ahlusunnaa wal jama’aan) falsafaa (ilmul kalaam) barachuun akka khasaaraa qabu dubbachuun ifa godhan. Jara falsafaan maraatee Islaama falsafaatti jijjiruuf gulufu sanis kijiba Isaanii saaxilanii Islaamaaf tumsaa diinni kun arra gahe.
Rabbii akkuma waadaa gale Islaamni Falsafaa hunda Injifatee hanga guyyaa Qiyaamaa ni tura.
Falsafaalee Islaama fakkaattee dhufte garii isii akka armaan gadii kana:
Falsafaa Jahmiyyaa:
Maqaa kana Namicha Isii uumerraa argatte. Innis Jahm Binu Safwaan je’ama, bara 128 hijiraa ajjeefame. Namichi kun Falsafaa Qur’aanni jecha Rabbiitii miti jettu Isaatu eegale. Akka Falsafaa Isaanitti Qur’aana Rabbiin hin dubbanne garuu ni uume je’an. Rabbi wahitti hin fakkeesinu Falsafaa je’uun Maqaa Rabbii fii Sifa Isaa guutuu didanii jiran.
Yoo Rahmaan, Rahiim, Al-Khaliq jenne Rabbiin hedduudha jechuudha, Falsafaa jettuun dhufan. Namoota hedduu jallisan. Balaan Isaaniirraa facaatee Muslimoota hedduu karaa Rabbirraa baafte. Garuu Rabbiin Ulamaa’ii Salafaatiin diina Isaa eegee jira, Ulamaa’iin Kijiba Isaanii ummataaf ifa godhanii Islaama baraaranii jiran.
Jahmi Ibnu Safwaan fii Falsafaan Isaa Jahmiyyaan, Kufrii akka taate Ulamaa’iin addeessanii jiran. Ulamaa’ii Isaan kafarsiiste keessaa Imaamu Ahmad binu Al-Hanbal, Imaam Sa’id Ad-Daaramii, Imaamul Bukhaarii fi k.k.f.
2ffaa. Falsafaa Mu’tazilaa:
Jaahmiyyaatti aantee Falsafaa tanaatu lafaa ka’e, hedduu humna argattee facaate. “Mu’tazilaan” maqaa kana kan argatte “I’itizaal” jecha je’urraa hoggaa tahu hikkaan Isaa fagaachuu, adda bahuu jechuudha.
Namichi Waasil Binu Axa’ je’amu Hasan Al-Basrii bira taa’ee Osoo baratuu namni tokko Masjida seenee “Namni dilii guddoo dalage Muslima moo kaafira?” jechuun gaafate. Hasan Al-Basriin “Muslima” je’ee deebisnaan Qaalichi Waasil binu Axa’ je’amu “Muslimaa miti, Kaafiras miti” je’ee Hasan Al-Basriin Adda bahe Achumaan Falsafaan tun Mu’tazilaa (Adda baatuu) jechuun moggaafamte.
Jarri kun falsafaa Jaahmiyyaa sanirratti waan haarawa dabalan malee waluma fakkaatan.
Qur’aanni jecha Rabbiitii miti uumama Rabbiiti.
Rabbiin sifaa fii maqaa hin qabu.
Rabbiin ol hin jiru, gad hin jiru, bitaa fi mirga hin jiru, duraa fi dubaa hin jiru, adunyaa keessaa fi adunyaa ala hin jiru waan je’u kana Isaantu jalqabe.
Dubbiin Isaanii guddittiin haarawni waa’ee nama cubbuu (dilii ykn zambii) guddoo akka zinaa, farshoo dhuguu, namni dalage Ahlusunnaa biratti Muslima dilaawaa hoggaa je’amu. Isaan garuu jecha haarawa nama kanaaf qabna je’anii Falsafaa haarawaan dhufan, sunis namni cubbuu guddoo hojjate “Al Manzilaa beynal Manzilateeyn” jira, jechii Isaanii Kaafiraa fi Muslima jidduu jira. Adunyaarratti maqaan nama kanaa Muslimaa miti, kaafiraa miti, Garuu jidduu lamaan jira. Gaafa du’e Azaabaa hin bahu jechuun Khawaarijaa waliin Akhiiraatti waliif galanii Adunyaarratti wal dhaban. Khawaarijaan nama cubbuu guddoo dalagu kaafira je’aniin, Akhiraatti Ibiddaa hin bahu je’an. Mu’tazilaan Adunyaatti kaafiraa fii Muslimaa Jidduu jira, Akhiiraatti Azaabaa hin bahu jechuun Falsafaa “Manzilaa beynal Manzilateeyn” Islaamatti Ida’uuf yaalanii jiran.
Falsafaan tun humna Mootummaa yeroo sanii argattee hedduu rakkoo guddoo Muslimoota irraan geese (Akkuma Ahbaashiin amma mootummaarraa gargaarsa qabdu kana). Khaliifaan Abbasiyyootaa Ma’muun je’amu koree “Mihnaa” Qorattuu je’amtu uumee Ulamaa’iin hundi akka Falsafaa mu’tazilaa barsiisan dirqama baase. (mootummaa wayyaaneetiin wal fakkaata, Ahbaashii malee barsiisuun hin tahuu kan je’u).
Koreen Mihnaa (qormaataa) tun Qur’aanni makhluuqa (uumamaadha) yoo jechuu baatte si ajjeesan, si hidhan, si tuman. Imaamu Ahmad binu Hanbal koree Qormaataa tanaan fattanamee didee hidhamee akka malee cafaqame.
Garuu booddeen tanuma warra haqaa waan taateef Mu’tazilaan akka humna argattee sanitti hin hafne, caphxee qabsoo Ulamaa’ii Islaamaatiin salphatte. Osoo Imaamu Ahmad binu Hanbal gaafas akka gaaraatti dura dhaabbachuu baate silaa Mu’atazilaan bakka isiin dhaqqabdu Rabbi haa beeku. (Muslimoonni Itiyoopiyaa fatanaa san fakkaattu keessa jirra.)
Mu’atazilaan laaffattus hedduu turte. Garuu booda ni facaate, jallinni Isaanii Firqaa adda addaa keessa faca’ee hafe. Isaan dhabama tahan.
Raafidaa (shi’aa warra je’amu):
Isaan kunis Mu’tazilaa fii Jaahmiyyaan waan hedduun wal fakkaatan. Garuu Falsafaa Sahaabaa arrabsuu fi jibbuutiin dhufan.
Rabbiin bakka takka hin jiru.
Qur’aanni jecha Rabbiiti miti.
Sahaabaan irra hedduun Isaanii Kaafira.
Rabbiin maqaa fii Sifaa hin qabu.
Waan falsafaa taate hunda waraabbatanii hanga arraa jiran.
Ahlusunnaa ni jibban. Namni Ahlusunnaa Isaan biratti najisa, Karkarrootu irra wayya.
Sahaabaa akka Abuu Bakar Siddiiq, Umar, Usman, hundaan kaafira je’an.
Aliyyi binu Abii Xaalib ni jaalanna jechuun daangaa dabranii Isaa fii maatii Rasuulaa s.a.w (Ahlul Beeytii) sahaabaa hundarra caalchisuu bira kutanii, Isaanuma gabbaruu eegalan.
Rabbiin Islaama nassaree arras kunoo falsafaa haarawa guyyaarraa baatu hunda Injifatee jiraachaa jira.
Ahbaaashii
Ahbaashiin jara kanaa fii kan biroo hundarraa Falsafaa walitti makamee Ispriis tahee dhufe jechuudha.
Amantii Ispriis tana dirqamaan fudhaa nun jechaa jiran.
Rabbiin Falsafaa jala deemurraa nu haa baraaru.
Aamiiin.
No comments:
Post a Comment