Saturday, 12 October 2013

AMMALLEE QOPHIIDHA GANAA HIN HIFANNEE

AMMALLEE QOPHIIDHA GANAA HIN HIFANNEE

Ammalle Qophiidha ganaa hin hifanne
Amantiif qabsaawuu irraa garaan murre
Itti fufti qabsoon Nuti dhumnus dhumnee
Shahiidee taaneehu milkii guddoo arganne

Abdii murachuun bar aadaa kaafiraatii
Muslimni Rabbiirraa yoom abdii muraatii
Ni eeggata nasrii qabsoo ofaadhaatii
Rabbitti irkatee ni moha adawwii
Fashalsee balleessee shira wayyaaneeti

Karoora baafte amantii balleessuuf
Lobnaan nuuf fide Ahbaashii nu godhuuf
Amantii Islaamaa nu harkat balleeysuuf
Wahbiyyaa nun je'ee maqaa nu balleeysuuf
Bazabazaa hunda imaama nuuf godhuuf
Shira tumee ka'e Islaama balleeysuuf

Garuu hin dandahan balleeysuu Islaama
Nutis ni tumsinaaf diina Rabbii keenyaa
Hanga lubbuun jirru Ahbaashii saaxilaa
Qabsoo nagayaatiin wayyanee dhamaasaa
Duaaii fii Abaarsaan Adawwii caccabsaa
Injifatuun oollu Rabbiitu nuuf tumsa

Qabsoodhaaf Qophoynee warri jetten hundi
Allaahu Akbar je'aa Sodaadhaan maleetti
Injifannoon teenya je'aa ol fuudhaatii
Rabbi qabatanii moohamuun yoom jirti?

Ajjeesan shahiidee, hidhan khalwaa bahee
Sunnaa Nabi Yusuuf haqaafi hidhamee
Kan Biyyaa ari'an da'waa itti fufee
Maal nurraa Asatti Adawwiin nun feene?
Akka hundatti milkii khasaaraan agarre

No comments:

Post a Comment