IMAAMU TIRMIIZII (Bara 209-279 Hijiraa)
Kitaaba Kiyya Aqiidaa Ahlus-Sunnaa fi Kijiba Ahbaashii, Fuula 43-45 |
Maqaan
Isaa guutuun Abuu Iisaa Muhammad binu Iisaa At-Tirmiiziidha. Bara 209 Hijiraa
bakka Tirmiiz je’amtu tan amma Uzbeekistaan keessatti argamtutti dhalate. Bara
279 Hijira du’e. Ulamaa’ii Hadiisa Haffazanii walitti qaban keessaa tokko.
Kitaaba “Jaami’ii At-Tirimiizii” ja’amu kan Sunan At-Tirmiizii Jechuun beekkamu
keessatti Hadiisa Rasuulaa s.a.w walitti qabee jira. Akkasumas Kitaaba
“Shamaa’ilul Muhammadiyyaah” je’amu keessatti Hadiisa Sifa Rasuulaa fii Jiruu
Isaa akkaataa itti jiraate himu walitti qabee jira. Namni Rasuulli s.a.w maal
fakkaataa bifa Isaa baruu fedhe Kitaaba Shamaa’ilul Muhammadiyyaa dubbisuu
qaba.
·
Aqiidaa Imaamu At-Tirmiizii
Imaamu
Tirmiziin Aqiidaa irratti xiyyeefatee Kitaaba barreeysuu baatus kitaaba Isaa
kan Sunan At-Tirmiizii je’amu keessatti Aqiidaa isaa Ibsee jira.
Imaamu
Tirmiziin akkana je’a:
1.
“Sahaabaan
Rasuulaa s.a.w waan takkallee ibaadaarraa dhiisuu Isaa kufriitti hin laalan,
Salaata dhiisuu malee.”[1]
2.
Abuu
Mus’aab Al-Madiinii irraa odeeysee waa’ee Iimaanaa hoggaa Ibsu akkana je’e : “Namni
Iimaanni jecha afaanii qofa je’u Towbaa godhuu qaba, yoo dide Mormi irraa
darbamuu qaba.”[2]
3.
Sifa
Rabbii Ilaalchisee akkana je’a“Hadiisni waa’ee sifa Rabbii dubbatu kan akka
Halkan hunda gama boodaa gad bu’uu Rabbii, Harkaa fii sifa biroollee
sabachiisuu fii itti amanuun Aqiidaa warra Sunnaati. Akkamitti? jechuun hin
taatu. Imaam Maalik, Sufiyaan Binu Uweeynaa fii Abdullaahi Binu Mubaarak ‘Hadiisa
Sifa Rabbii dubbattu akkuma dhuftetti sabachiisaa bira dabraa, akkaataan
maleetti.’ Je’an. Kuni Aqiidaa warra beekkumsa qabuu tan warra
Ahlusunnaa wal jamaa’aati.”
“Ammoo
Jahmiyyaan Hadiisa waa’ee sifaa dubbatu kana ni didan. ‘Fakkeeysuudha’ je’an.”
“Rabbiin
Qur’aana Isaa keessatti bakka heddutti Harka Isaa, Dhagayuu fii Arguu Isaa
dubbatee jira. Jaahmiyyaan Aayaatoota kana hunda karaa ifiif feetetti
hiikuudhaan Ulamaa’ii Islaamaa khallaftee jirti. Jaahmiyyaan ‘Rabbiin harka hin
qabu garuu Harka jechuun dandeetti jechuu Isaati’.” Ja’an.
“Is’haaq Binu
Ibraahim akki je’e: ‘Fakkeeysuu jechuun yoo Harki Rabbii akka harka kiyyaati
je’e, ykn Harka kiyya fakkatti je’e, Argaan kiyya kan akka Rabbiiti je’e,
dhageeytiin tiyya tan akka Rabbiiti je’e hoggaa san fakkeeysee jira. Garuu Yoo
akka Rabbiin ifiin je’e qofa je’e Harka, Argaa, Dhageeytii, kan akkaataa hin
dubbanne, kan akka kiyyaati yoo hin jenne kuni Fakkeeysuu hin je’amu’.”[3]
KIJIBA
AHBAASHII
Ahbaashiin
Jahmiyyaa tahuu Isii Imaamu Tirmiziin addeeysee jira. Ahbaashiin Kijibduun
Ahlusunnaa Suufii ifiin jetti. Imaamu Tirmiziin Ahlusunnaa malee Ahlusunnaa
suufii Jahmiyyaa tahuu isii himee jira.
1.
Ahbaashiin
Rabbiin Harka hin qabu, Harka jechuun dandeetti jechuudha jechuun hoggaa hiikan
Jahmiyyaarraa akka fudhatan ragaadha.
2.
Iimaanni
Afaaniin guyyaa tokko dubbachuu qofa. San booda haraama feete daleeydus Abu
Bakar Siddiq fi Umar wajjiin Iimaanni keessan wal qixa.
3.
Imaamu
Tirmiziin namni Salaata dhiise Sahaabaa Rasuulaa s.a.w biratti akka Kaafiratti
laallaman je’e. Ahbaashiin ammoo namni guyyaa tokko “Laa Ilaaha Illallaah”
Afaaniin je’e Salaata dhiisu, Shirkii dalagu, Qabriif qalu, Soomanaa fi Zakaa
dhiisu Iimaanni Isaa guutuudha. Iimaanni nama hundaa wal qixa je’an. Imaanni
hin irratu, hin dabalu. Wal qixa.
Falsafaan
Ahbaashii Ahlusunnaa wajjiin wal hin himtu. Samii fii dachii adda fagoodha.
Falsafaa
Ahbaashii tana Qawwee fii gargaarsi Yahuudaa yoo bira hin jiraanne namni 2 jala
hin deemu. Kanaaf qawween Mootummaan bira dhaabbatti.
Rabbiin
Falsafaa Jalloo Ahbaashii jalaa ummata Muslimaa nagaya haa baasu.
<>>>>>>>>><<<<<<<<>>>>>>>>>>>>>>>><<<<<<<<<>>>>>>>>>><>
No comments:
Post a Comment