AHBAASHII NU YAAMTI HULAA AZABAATTI
Urjii Ahmad
Guyyaan Qiyaamaadhaa dhufuuf jiraa barii
Guyyaa namuu arguu galata hojii Isaatii
Walitti qabaman dirree Mahsharittii
Akka dhalattetti ilmi namaa hundii
Guyyaa galataati guyyaan qiyaamaatii
Namuu ni fudhata xalayaa Isaatii
Kan mirgaan kennamteef warra Milkiidhaatii
Jannata argatan biyya gammachuutii
Kan bitaan fudhatu xalayaa Isaatii
Jahannama taa'aa ganda hongoodhaatii
Boqqonnaan argatu socookdii takkaattii
Yaa Rabbi nu baasi rakkoo guyyaa sanii
Si kadhanna Mowlaa Rahmata nuuf godhi
Azaaba nu hin geysin yaa Rabbi yaa mootii
Ahbaashiin nu yaamti hulaa Azaabaattii
Shirkiin nu balleeysuuf hongoo zalaalamii
Kanaaf jecha dhiiroo eeggadhaa Ahbaashii
Mushrika si godhuuf dhuftee Libaanoosii
::::::::::==========:::::::::::::::::::
Ahbaashii hin taanuu dhumnee dabarraatii
Shahiidee tahuudhaaf qophiidha nu hundii
Jechuun dhugaa taatu Allaahu Akbar je'i!!!!
..........................A
................................L
.........................................L
................................................A
.....................................................A
..........................................................H
................A
..............................K
.....................................B
..........................................A
.....................................................R
No comments:
Post a Comment